< マラキ書 4 >

1 萬軍のヱホバいひたまふ 視よ爐のごとくに燒る日來らん すべて驕傲者と惡をおこなふ者は藁のごとくにならん 其きたらんとする日彼等を燒つくして根も枝ものこらざらしめん
“Dhugumaan guyyaan akka badaa ibiddaa bobaʼu ni dhufa. Of tuultonni hundii fi warri hammina hojjetan hundi cidii taʼu; guyyaan sunis isaan guba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Hiddi yookaan dameen tokko iyyuu isaaniif hin hafu.
2 されど我名をおそるる汝らには義の日いでて昇らん その翼には醫す能をそなへん 汝らは牢よりいでし犢の如く躍跳ん
Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.
3 又なんぢらは惡人を踐つけん 即ちわが設くる日にかれらは汝らの脚の掌の下にありて灰のごとくならん 萬軍のヱホバこれを言ふ
Ergasii isin hamoota ni dhidhiittu; isaanis guyyaa ani wantoota kanneen hojjedhutti faana miilla keessanii jalatti daaraa ni taʼu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
4 なんぢらわが僕モーセの律法をおぼえよ すなはち我がホレブにてイスラエル全體のために彼に命ぜし法度と誡命をおぼゆべし
“Seera garbicha koo Musee, sirnaa fi ajaja ani Israaʼeloota hundaaf Kooreebitti isatti kenne sana yaadadhaa.
5 視よヱホバの大なる畏るべき日の來るまへにわれ預言者エリヤを汝らにつかはさん
“Kunoo ani, guyyaan Waaqayyoo inni guddaanii fi sodaachisaan sun utuu hin dhufin dura Eeliyaas raajicha isiniif nan erga.
6 かれ父の心にその子女の心を慈はせ 子女の心にその父をおもはしめん 是は我が來りて詛をもて地を撃ことなからんためなり
Inni qalbii abbootii gara ijoolleetti, qalbii ijoollee immoo gara abbootiitti ni deebisa; yoo kanaa achii ani dhufee abaarsaan biyyattii nan rukuta.”

< マラキ書 4 >