< ヨエル書 2 >

1 汝らシオンにて喇叭を吹け 我聖山にて音たかく之を吹鳴せ 國の民みな慄ひわななかん そはヱホバの日きたらんとすればなり すでに近づけり
Xiyoon keessatti malakata afuufaa; gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa. Guyyaan Waaqayyoo dhufaa jiraatii; warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan. Guyyaan sun dhiʼaateera;
2 この日は黑くをぐらき日雲むらがるまぐらき日にしてしののめの山々にたなびくが如し 數おほく勢さかんなる民むれいたらん かかる者はいにしへよりありしことなくのちの代々の年にもあることなかるべし
guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa. Sabni guddaa fi jabaan tokko akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa; wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.
3 火彼らの前を焚き火熖かれらの後にもゆ その過さる前は地エデンのごとくその過しのちは荒はてたる野の如し 此をのがれうるもの一としてあることなし
Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa; dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa. Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata; dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti; wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.
4 彼らの状は馬のかたちのごとく其馳ありくことは軍馬のごとし
Isaan bifa fardeenii qabu; akkuma fardeen lolaas ni gulufu.
5 その山の嶺にとびをどる音は車の轟聲がごとし また火の稗株をやくおとの如くしてその樣強き民の行伍をたてて戰陣にのぞむに似たり
Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin fiixee tulluu irra utaalu; akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu, akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.
6 そのむかふところ諸民戰慄きその面みな色を失ふ
Saboonni jara arginii dhiphatu; fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.
7 彼らは勇士の如くに趨あるき軍人のごとくに石垣に攀のぼる 彼ら各々おのが道を進みゆきてその列を亂さず
Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu; akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu. Hundi isaanii tarree galanii deemu; isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.
8 彼ら互に推あはず各々その道にしたがひて進み行く 彼らは刄に觸るとも身を害はず
Isaan wal hin dhiiban; hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu. Utuu toora isaanii hin dhiisin ittisa cabsanii seenu.
9 彼らは邑をかけめぐり石垣の上に奔り家に攀登り盗賊のごとくに窓より入る
Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu; dallaa irra fiigu. Isaan mana yaabbatu; akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.
10 そのむかふところ地ゆるぎ天震ひ日も月も暗くなり星その光明を失ふ
Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti; samiin ni raafama; aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu; urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.
11 ヱホバその軍勢の前にて聲をあげたまふ 其軍旅はなはだ大なればなり 其言を爲とぐる者は強し ヱホバの日は大にして甚だ畏るべきが故に誰かこれに耐ることを得んや
Waaqayyo fuula loltoota isaa duratti sagalee dhageessisa; loltoonni isaa akka malee baayʼee dha; warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha. Guyyaan Waaqayyoo guddaa dha; guyyaan sun akka malee nama sodaachisa. Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?
12 然どヱホバ言たまふ 今にても汝ら斷食と哭泣と悲哀とをなし心をつくして我に歸れ
“Amma iyyuu garaa guutuudhaan, soomaan, booʼichaa fi gaddaan gara kootti deebiʼaa” jedha Waaqayyo.
13 汝ら衣を裂かずして心を裂き汝等の神ヱホバに歸るべし 彼は恩惠あり憐憫ありかつ怒ることゆるく愛憐大にして災害をなすを悔たまふなり
Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.
14 誰か彼のあるひは立歸り悔て祝福をその後にとめのこし汝らをして素祭と灌祭とをなんぢらの神ヱホバにささげしめたまはじと知んや
Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee eebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatii kan Waaqayyo Waaqa keessaniif taʼu isiniif hambisa taʼa.
15 汝らシオンにて喇叭を吹きならし斷食を定め公會をよびつどへ
Xiyoon keessatti malakata afuufaa; sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa.
16 民を集めその會を潔くし老たる人をあつめ孩童と乳哺子を集め新郎をその室より呼いだし新婦をその密室より呼いだせ
Saba walitti qabaa; waldaa sana qulqulleessaa; maanguddoota walitti fidaa; ijoollee walitti qabaa; daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa. Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu; misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.
17 而してヱホバに事ふる祭司等は廊と祭壇の間にて泣て言へ ヱホバよ汝の民を赦したまへ 汝の產業を恥辱しめらるるに任せ之を異邦人に治めさする勿れ 何ぞ異邦人をして彼らの神は何處にあると言しむべけんや
Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan. Isaan akkana haa jedhan; “Yaa Waaqayyo saba kee baraari. Handhuuraa kee waan qoosaa, saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin. Isaan maaliif namoota gidduutti, ‘Waaqni isaanii eessa jira?’ jedhu?”
18 然せばヱホバ己の地にために嫉妬を起しその民を憐みたまはん
Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa; saba isaatiifis garaa laafa.
19 ヱホバ應へてその民に言たまはん 視よ我穀物とあたらしき酒と油を汝におくる 汝ら之に飽ん 我なんぢらをして重ねて異邦人の中に恥辱を蒙らしめじ
Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf: “Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaa kan isin quubsu isiniif nan erga; ani lammata saboota gidduutti waan qoosaa isin hin godhu.
20 我北よりきたる軍を遠く汝らより離れしめうるほひなき荒地に逐やらん 其前軍を東の海にその後軍を西の海に入れん その臭味立ちその惡臭騰らん 是大なる事を爲たるに因る
“Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee gara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa; loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu, kanneen dugda duubaan yaaʼan immoo galaana gama lixa biiftuu seenu. Reeffi isaanii ni xiraaʼa; xiraan isaaniis ol baʼa.” Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!
21 地よ懼るる勿れ 喜び樂しめ ヱホバ大なる事を行ひたまふなり
Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin; gammadiitii ililchi. Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!
22 野の獸よ懼るる勿れ あれ野の牧草はもえいで樹は果を結び無花果樹葡萄樹はその力をめざすなり
Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa; dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii. Mukkeen ija naqachaa, harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.
23 シオンの子等よ 汝らの神ヱホバによりて樂め喜べ ヱホバは秋の雨を適當なんぢらに賜ひまた前のごとく秋の雨と春の雨とを汝らの上に降せたまふ
Yaa uummata Xiyoon gammadi; Waaqayyo Waaqa keetti gammadi; inni qajeelummaadhaan rooba arfaasaa siif kenneeraatii. Inni akkuma durii bokkaa baayʼee, rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.
24 打塲には穀物盈ち甕にはあたらしき酒と油溢れん
Oobdiin midhaaniin guutama; boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.
25 我が汝らに遣しし大軍すなはち群ゐる蝗なめつくす蝗喫ほろぼす蝗噬くらふ蝗の觸あらせる年をわれ汝らに賠はん
“Ani waan bara hawwaannisni nyaate, waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate, waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaa jechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun nyaatan iddoo isiniif nan buusa.
26 汝らは食ひ食ひて飽き よのつねならずなんぢらを待ひたまひし汝らの神ヱホバの名をほめ頌へん 我民はとこしへに辱しめらるることなかるべし
Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu; maqaa Waaqayyo Waaqa keessanii kan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
27 かくて汝らはイスラエルの中に我が居るを知り汝らの神ヱホバは我のみにて外に無きことを知らん 我民は永遠に辱かしめらるることなかるべし
Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe, akka ana malee Waaqni biraa hin jirre ni beektu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
28 その後われ吾靈を一切の人に注がん 汝らの男子女子は預言せん 汝らの老たる人は夢を見 汝らの少き人は異象を見ん
“Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu.
29 その日我またわが靈を僕婢に注がん
Bara sana keessa, garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee Hafuura koo nan dhangalaasa.
30 また天と地に徴證を顯さん 即ち血あり火あり煙の柱あるべし
Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
31 ヱホバの大なる畏るべき日の來らん前に日は暗く月は血に變らん
Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi sodaachisaan sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
32 凡てヱホバの名を龥ぶ者は救はるべし そはヱホバの宣ひし如くシオンの山とヱルサレムとに救はれし者あるべければなり 其遺れる者の中にヱホバの召し給へるものあらん
Namni maqaa Waaqayyoo waammatu hundinuu ni fayya; akkuma Waaqayyo dubbatettis Tulluu Xiyoon irraa fi Yerusaalem keessa, furamatu jiraata; hambaa gidduuttis warri Waaqayyo isaan waame ni argamu.

< ヨエル書 2 >