< ヨブ 記 37 >
“Kana irratti onneen koo ni dhikkifata; iddoo isaatiis ni uʼutaala.
Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa, guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.
3 これを天が下に放ち またその電光を地の極にまで至らせたまふ
Inni bakakkaa isaa samii hunda jalatti gad dhiisa; gara handaara lafaattis ni erga.
4 その後聲ありて打響き 彼威光の聲を放ちて鳴わたりたまふ その御聲聞えしむるに當りては電光を押へおきたまはず
Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa; inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa. Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti, inni waan tokko illee hin qusatu.
5 神奇しくも御聲を放ちて鳴わたり 我儕の知ざる大なる事を行ひたまふ
Sagaleen Waaqaa haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa; inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.
6 かれ雪にむかひて地に降れと命じたまふ 雨すなはちその權能の大雨にも亦しかり
Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’ tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.
7 斯かれ一切の人の手を封じたまふ 是すべての人にその御工作を知しめんがためなり
Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf, inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.
Bineensonni holqa isaaniitti galu; daʼannoo isaanii keessas ni turu.
Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa; dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.
10 神の氣吹によりて氷いできたり 水の寛狹くせらる
Hafuurri Waaqni baafatu cabbii uuma; bishaanonni babalʼaanis ni ititu.
11 かれ水をもて雲に搭載せまた電光の雲を遠く散したまふ
Inni duumessoota bishaan baachisa; bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.
12 是は神の導引によりて週る 是は彼の命ずるところを盡く世界の表面に爲んがためなり
Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf, qajeelfama inni kennuun addunyaa hunda irra naannaʼu.
13 その之を來らせたまふは或は懲罰のため あるひはその地のため 或は恩惠のためなり
Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.
14 ヨブよ是を聽け 立ちて神の奇妙き工作を考がへよ
“Yaa Iyyoob waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii hojii Waaqaa isa dinqisiisaa sana hubadhu.
15 神いかに是等に命を傳へその雲の光明をして輝やかせたまふか汝これを知るや
Waaqni akkamitti duumessoota akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?
16 なんぢ雲の平衡知識の全たき者の奇妙き工作を知るや
Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan, hojii dinqisiisaa Waaqaa isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?
17 南風によりて地の穩かになる時なんぢの衣服は熱くなるなり
Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,
18 なんぢ彼とともに彼の堅くして鑄たる鏡のごとくなる蒼穹を張ることを能せんや
samii akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
19 われらが彼に言ふべき事を我らに敎へよ 我らは暗昧して言詞を列ぬること能はざるなり
“Waan nu isaan jennu nutti himi; nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.
20 われ語ることありと彼に告ぐべけんや 人あに滅ぼさるることを望まんや
Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa? Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?
21 人いまは雲霄に輝やく光明を見ること能はず 然れど風きたりて之を吹清む
Erga qilleensi samiiwwan qulqulleessee booddee, namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
22 北より黄金いできたる 神には畏るべき威光あり
Waaqni bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa; inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.
23 全能者はわれら測りきはむることを得ず 彼は能おほいなる者にいまし審判をも公義をも抂たまはざるなり
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli; inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha; qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.
24 この故に人々かれを畏る 彼はみづから心に有智とする者をかへりみたまはざるなり
Kanaafuu, namoonni isa sodaatu; inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.”