< ヨブ 記 36 >

1 エリフまた言詞を繼て曰く
Eliihuun ittuma fufee akkana jedhe:
2 暫らく我に容せ我なんぢに示すこと有ん 尚神のために言ふべき事あればなり
“Ani akka qooda Waaqaa wanni jedhamu hedduun jiru sitti nan argisiisaatii mee xinnoo naa obsi.
3 われ廣くわが知識を取り我の造化主に正義を歸せんとす
Ani beekumsa koo fagoodhaa nan fida; qajeelummaa Uumaa kootiis nan labsa.
4 わが言語は眞實に虚僞ならず 知識の完全き者なんぢの前にあり
Akka dubbiin koo soba hin taʼin mirkaneeffadhu; kan beekumsaan hirʼina hin qabne tokko si wajjin jira.
5 視よ神は權能ある者にましませども何をも藐視めたまはず その了知の能力は大なり
“Waaqni jabaa dha; garuu eenyun iyyuu hin tuffatu; inni jabaa dha; kaayyoo isaattis cimee dhaabata.
6 惡しき者を生し存ず 艱難者のために審判を行ひたまふ
Inni hamoota hin jiraachisu; warra rakkataniif garuu murtii qajeelaa ni kenna.
7 義しき者に目を離さず 位にある王等とともに永遠に坐せしめて之を貴くしたまふ
Ija isaa qajeeltota irraa hin buqqifatu; mootota wajjin teessoo irra isaan teessisa; bara baraanis ol isaan guddisa.
8 もし彼ら鏈索に繋がれ 艱難の繩にかかる時は
Garuu yoo namoonni foncaadhaan hidhaman, yoo funyoo rakkinaatiinis hidhaman,
9 彼らの所行と愆尤とを示してその驕れるを知せ
inni hojii isaanii, daba isaan of tuulummaan hojjetanis isaanitti ni hima.
10 彼らの耳を開きて敎を容れしめ かつ惡を離れて歸れよと彼らに命じたまふ
Inni gurra isaanii sirreeffama dhaggeeffachuuf ni bana; akka isaan waan hamaa irraa qalbii jijjiirratanis ni ajaja.
11 もし彼ら聽したがひて之に事へなば繁昌てその日を送り 樂しくその年を渉らん
Isaan yoo ajajamanii isa tajaajilan, bara jireenya isaanii badhaadhummaan, umurii isaaniis gammachuudhaan fixatu.
12 若かれら聽したがはずば刀劍にて亡び 知識を得ずして死なん
Yoo ajajamuu baatan garuu, goraadeedhaan badu; beekumsa malees ni duʼu.
13 しかれども心の邪曲なる者等は忿怒を蓄はへ 神に縛しめらるるとも祈ることを爲ず
“Warri garaan isaanii Waaqa irraa fagaate, aarii of keessatti kuufatu; yommuu inni foncaan isaan hidhutti illee gargaarsa barbaachaaf hin iyyan.
14 かれらは年わかくして死亡せ 男娼とその生命をひとしうせん
Isaan dargaggummaa isaanii keessa duʼu; jireenyi isaaniis xuraaʼota gidduutti bada.
15 神は艱難者を艱難によりて救ひ 之が耳を虐遇によりて開きたまふ
Inni garuu warra dhiphatan dhiphina isaanii keessaa baasa; rakkoo isaanii keessattis isaanitti dubbata.
16 然ば神また汝を狹きところより出して狹からぬ廣き所に移したまふあらん 而して汝の席に陳ぬる物は凡て肥たる物ならん
“Inni dhiphina keessaa si baasee gara lafa balʼaa dhiphina hin qabneetti, maaddii coomaan guutametti si geessa.
17 今は惡人の鞫罰なんぢの身に充り 審判と公義となんぢを執ふ
Amma garuu murtiin hamootaaf malu sirra tuulameera; murtii fi haqni si qabataniiru.
18 なんぢ忿怒に誘はれて嘲笑に陷いらざるやう愼しめよ 收贖の大なるが爲に自ら誤るなかれ
Akka badhaadhummaan si hin gowwoomsine of eeggadhu; akka baayʼinni mattaʼaas karaa irraa si jalʼisu hin godhin.
19 なんぢの號叫なんぢを艱難の中より出さんや 如何に力を盡すとも所益あらじ
Badhaadhummaan kee yookaan tattaaffiin kee guddaan sun hundi rakkoo irraa si eeguu dandaʼaa?
20 世の人のその處より絶る其夜を慕ふなかれ
Halkan itti namoonni mana isaaniitii buqqifaman hin hawwin.
21 愼しみて惡に傾むくなかれ 汝は艱難よりも寧ろ之を取んとせり
Ati akka hamminatti hin deebine of eeggadhu; qooda rakkinaa waan kana filatteertaatii.
22 それ神はその權能をもて大なる事を爲したまふ 誰か能く彼のごとくに敎晦を埀んや
“Kunoo Waaqni humna isaatiin ol ol jedheera; barsiisaan akka isaa eenyu?
23 たれか彼のためにその道を定めし者あらんや 誰かなんぢは惡き事をなせりと言ふことを得ん
Namni karaa isatti himu, yookaan kan, ‘Ati dogoggorteerta’ isaan jedhu eenyu?
24 なんぢ神の御所爲を讚歎ふることを忘れざれ これ世の人の歌ひ崇むる所なり
Hojii isaa kan namoonni faarfannaadhaan jajan sana, leellisuu hin dagatin.
25 人みな之を仰ぎ觀る 遠き方より人これを視たてまつるなり
Namni hundinuu argeera; tokkoon tokkoon namaas fagootti xiyyeeffatee ilaala.
26 神は大なる者にいまして我儕かれを知たてまつらず その御年の數は計り知るべからず
Dhugumaan Waaqni guddaa dha; nus isa hin beeknu; baayʼina bara isaas namni beekuu hin dandaʼu.
27 かれ水を細にして引あげたまへば霧の中に滴り出て雨となるに
“Inni copha bishaanii ol baasa; hurrii isaas walitti qabee bokkaatti geeddara.
28 雲これを降せて人々の上に沛然に灌ぐなり
Duumessis jiidha isaa gad coccobsa; bokkaan guddaanis namatti rooba.
29 たれか能く雲の舒展る所以 またその幕屋の響く所以を了知んや
Eenyutu akka inni itti duumessoota diriirsu, akka inni itti dunkaana isaa keessaa qaqawweessaʼus hubachuu dandaʼa?
30 視よ彼その光明を自己の周圍に繞らし また海の底をも蔽ひたまひ
Akka inni itti bakakkaa naannoo isaatti bittinneessu, akka inni itti tuujuba galaanaa illee haguugu ilaali.
31 これらをもて民を鞫き また是等をもて食物を豐饒に賜ひ
Kun haala inni ittiin saboota bulchuu fi nyaata baayʼinaan isaaniif kennuu dha.
32 電光をもてその兩手を包み その電光に命じて敵を撃しめたまふ
Inni harka isaa bakakkaadhaan ni guuta; akka bakakkaan sun iddoo akeeka isaa dhaʼus ni ajaja.
33 その鳴聲かれを顯はし 家畜すらも彼の來ますを知らすなり
Kakawween isaa akka bakakkaan dhufu labsa; looni iyyuu akka inni dhiʼaate beeksisu.

< ヨブ 記 36 >