< ヨブ 記 32 >

1 ヨブみづから見て己の正義とするに因て此三人の者之に答ふる事を止む
Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.
2 時にラムの族ブジ人バラケルの子エリフ怒を發せり ヨブ神よりも己を正しとするに因て彼ヨブにむかひて怒を發せり
Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.
3 またヨブの三人の友答ふるに詞なくして猶ヨブを罪ありとせしによりて彼らにむかひて怒を發せり
Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.
4 エリフはヨブに言ふことをひかへて俟をりぬ 是は自己よりも彼等年老たればなり
Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.
5 茲にエリフこの三人の口に答ふる詞の有ざるを見て怒を發せり
Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.
6 ブジ人バラケルの子エリフすなはち答へて曰く 我は年少く汝等は年老たり是をもて我はばかりて我意見をなんぢらに陳ることを敢てせざりき
Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: “Ani umuriidhaan xinnaa dha; isin garuu jaarsolii dha; kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu nan saalfadhe; nan sodaadhes.
7 我意へらく日を重ねたる者宜しく言を出すべし 年を積たる者宜しく智慧を敎ふべしと
Ani, ‘Umuriin ni dubbata; barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.
8 但し人の衷には靈あり 全能者の氣息人に聰明を與ふ
Garuu hafuura nama keessa jiru, hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
9 大なる人すべて智慧あるに非ず 老たる者すべて道理に明白なるに非ず
Ogeessi jaarsa qofa miti; kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.
10 然ば我言ふ 我に聽け 我もわが意見を陳ん
“Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; anis waanan beeku isinitti nan hima.
11 視よ我は汝らの言語を俟ち なんぢらの辯論を聽き なんぢらが言ふべき言語を尋ね盡すを待り
Ani yeroo isin dubbattan nan obse; yeroo isin jechoota filattanitti illee ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;
12 われ細に汝らに聽しが汝らの中にヨブを駁折る者一人も無く また彼の言詞に答ふる者も無し
ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Iyyoobin hin amansiifne; namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.
13 おそらくは汝等いはん 我ら智慧を見得たり 彼に勝つ者は唯神のみ 人は能はずと
Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.
14 彼はその言語を我に向て發さざりき 我はまた汝らの言ふ所をもて彼に答へじ
Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.
15 彼らは愕ろきて復答ふる所なく 言語かれらの衷に浮ばず
“Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; dubbiinis isaan harkaa badde.
16 彼等ものいはず立とどまりて重ねて答へざればとて我あに俟をるべけんや
Erga isaan calʼisanii, erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa?
17 我も自らわが分を答へわが意見を吐露さん
Ani deebii koo nan kenna; waanan beeku nan hima.
18 われには言滿ち わが衷の心しきりに迫る
Dubbiin na keessa guuteeraatii; hafuurri na keessa jirus na kakaasa;
19 わが腹は口を啓かざる酒のごとし 新しき皮嚢のごとく今にも裂んとす
garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.
20 われ説いだして胸を安んぜんとす われ口を啓きて答へん
Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.
21 かならず我は人に偏らず 人に諂はじ
Ani nama wal hin caalchisu; yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.
22 我は諂らふことを知ず もし諂らはば我の造化主ただちに我を絶たまふべし
Utuu ani nama saaduu beekee, Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.

< ヨブ 記 32 >