< ヨブ 記 27 >

1 ヨブまた語を繼ぎていはく
Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
2 われに義しき審判を施したまはざる神 わが心魂をなやまし給ふ全能者此神は活く
“Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,
3 (わが生命なほ全くわれの衷にあり 神の氣息なほわが鼻にあり)
hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti,
4 わが口は惡を言ず わが舌は謊言を語らじ
afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu.
5 我決めて汝等を是とせじ 我に死るまで我が罪なきを言ことを息じ
Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
6 われ堅くわが正義を持ちて之を棄じ 我は今まで一日も心に責られし事なし
Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.
7 我に敵する者は惡き者と成り我を攻る者は義からざる者と成るべし
“Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu!
8 邪曲なる者もし神に絶れその魂神を脱とらるるに於ては何の望かあらん
Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba?
9 かれ艱難に罹る時に神その呼號を聽いれたまはんや
Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa?
10 かれ全能者を喜こばんや 常に神を龥んや
Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa?
11 われ神の御手を汝等に敎へん 全能者の道を汝等に隱さじ
“Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.
12 視よ汝等もみな自らこれを觀たり 然るに何ぞ斯愚蒙をきはむるや
Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?
13 惡き人の神に得る分 強暴の人の全能者より受る業は是なり
“Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:
14 その子等蕃れば劍に殺さる その子孫は食物に飽ず
Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.
15 その遺れる者は疫病に斃れて埋められ その妻等は哀哭をなさず
Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif.
16 かれ銀を積こと塵のごとく衣服を備ふること土のごとくなるとも
Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,
17 その備ふる者は義き人これを着ん またその銀は無辜者これを分ち取ん
waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.
18 その建る家は蟲の巣のごとく また番人の造る茅家のごとし
Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.
19 彼は富る身にて寢臥し重ねて興ること無し また目を開けば即ちその身きえ亡す
Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.
20 懼ろしき事大水のごとく彼に追及き 夜の暴風かれを奪ひ去る
Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.
21 東風かれを颺げて去り 彼をその處より吹はらふ
Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.
22 神かれを射て恤まず 彼その手より逃れんともがく
Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.
23 人かれに對ひて手を鳴し 嘲りわらひてその處をいでゆかしむ
Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”

< ヨブ 記 27 >