< エレミヤ書 24 >

1 バビロンの王ネブカデネザル、ユダの王ヱホヤキムの子ヱコニヤおよびユダの牧伯等と木匠と鐵匠をヱルサレムよりバビロンに移せしのちヱホバ我にヱホバの殿の前に置れたる二筐の無花果を示したまへり
Erga Nebukadnezar mootichi Baabilon Yehooyaakiin mooticha Yihuudaa ilma Yehooyaaqiimii fi qondaaltota Yihuudaa, ogeeyyii hojii harkaatii fi tumtuuwwan Yihuudaa boojiʼee Yerusaalemii gara Baabilonitti geessee booddee Waaqayyo ija harbuu guuboo lama fuula mana qulqullummaa Waaqayyoo duratti na argisiise.
2 その一の筐には始に熟せしがごとき至佳き無花果ありその一の筐にはいと惡くして食ひ得ざるほどなる惡き無花果あり
Guuboon tokko ija harbuu akka malee gaarii kan ijaa duraan bilchaate fakkaatu qaba ture; guuboon kaan immoo ija harbuu akka malee tortoree, sababii tortoruu isaatiif nyaatamuu hin dandeenye qaba ture.
3 ヱホバ我にいひ給ひけるはヱレミヤよ汝何を見しや我答へけるは無花果なりその佳き無花果はいと佳しその惡きものは至惡しくして食ひ得ざるほどに惡し
Waaqayyos, “Yaa Ermiyaas, ati maal argita?” naan jedhe. Anis, “Ija harbuu nan arga; ija gaariin akka malee gaarii dha; inni tortoraan immoo sababii akka malee tortoreef nyaatamuu hin dandaʼu” jedheen deebise.
4 ヱホバの言また我にのぞみていふ
Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
5 イスラエルの神ヱホバかくいふ我わが此處よりカルデヤ人の地に逐ひやりしユダの虜人を此佳き無花果のごとくに顧みて惠まん
“Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Ani boojiʼamtoota Yihuudaa warra ani iddoo kanaa baasee biyya Baabilonotaatti erge sana akkuma ija gaarii kanaatti ija gaariin nan ilaala.
6 我彼等に目をかけて之をめぐみ彼らを此地にかへし彼等を建て仆さず植て拔じ
Ani faayidaa isaaniitiif ija koo isaan irra buufadhee biyya kanatti deebisee isaan nan fida; ani isaanan ijaara malee isaan hin diigu; ani isaanan dhaaba malee isaan hin buqqisu.
7 我彼らに我のヱホバなるを識るの心をあたへん彼等我民となり我彼らの神とならん彼等は一心をもて我に歸るべし
Ani akka isaan akka ani Waaqayyo isaanii taʼe beekaniif qalbii nan kennaaf. Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa; isaan garaa guutuudhaan gara kootti ni deebiʼuutii.
8 ヱホバかくいひたまへり我ユダの王ゼデキヤとその牧伯等およびヱルサレムの人の遺りて此地にをる者ならびにエジプトの地に住る者とを此惡くして食はれざる惡き無花果のごとくになさん
“‘Waaqayyo akkana jedha; ani garuu Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi hambaawwan Yerusaalem kanneen biyya kana keessatti hafanii fi warra Gibxi keessa jiraatan akkuma ija harbuu kan waan akka malee tortoreef namni nyaachuu hin dandeenye sanaatti nan dhiisa.
9 我かれらをして地のもろもろの國にて虐遇と災害にあはしめん又彼らをしてわが逐やらん諸の處にて辱にあはせ諺となり嘲と詛に遭しめん
Ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti balfamoo fi jibbamoo isaan nan godha; iddoo ani itti isaan bittinneessu hundattis tuffatamoo, waan kolfaa, waan qoosaatii fi waan abaarsaa isaan nan godha.
10 われ劍と饑饉と疫病をかれらの間におくりて彼らをしてわが彼らとその先祖にあたへし地に絕るにいたらしめん
Ani hamma isaan biyya ani isaanii fi abbootii isaaniitiif kenne irraa barbadaaʼanitti goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga.’”

< エレミヤ書 24 >