< エレミヤ書 19 >
1 ヱホバかくいひたまふ往て陶人の瓦罇をかひ民の長老と祭司の長老の中より數人をともなひて
Waaqayyo akkana jedha; “Dhaqiitii suphee dhooftuu irraa okkotee suphee bitadhu. Maanguddoota sabaatii fi luboota keessaa namoota muraasa fudhadhuutii,
2 陶人の門の前にあるベンヒンノムの谷にゆき彼處に於てわが汝に告んところの言を宣よ
gara Sulula Ben Hinoomitti kan balbala karra qiraacii biraa sana dhaqi. Achittis dubbii ani sitti himu labsi;
3 云くユダの王等とヱルサレムに住る者よヱホバの言をきけ萬軍のヱホバ、イスラエルの神かくいひたまふ視よ我災を此處にくだすべし凡そ之をきく者の耳はかならず鳴らん
akkanas jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaatii fi saba Yerusaalem dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Dhaggeeffadhaa! Kunoo, ani balaa gurra nama waan sana dhagaʼu hundatti hin tolle tokko iddoo kanatti nan fida.
4 こは彼ら我を棄てこの處を瀆し此にて自己とその先祖およびユダの王等の知ざる他の神に香を焚き且辜なきものの血をこの處に盈せばなり
Isaan na dhiisanii iddoo kana iddoo waaqota ormaa godhaniiruutii; iddoo kanattis waaqota isaanii yookaan abbootiin isaanii yookaan mootonni Yihuudaa hin beekiniif aarsaa gubamu dhiʼeessaniiru; iddoo kanas dhiiga namoota balleessaa hin qabneetiin guutaniiru.
5 又彼らはバアルの爲に崇邱を築き火をもて己の兒子を焚き燔祭となしてバアルにささげたり此わが命ぜしことにあらず我いひしことにあらず又我心に意はざりし事なり
Isaan ilmaan isaanii aarsaa ibiddaan gubamu godhanii Baʼaaliif dhiʼeessuuf iddoo ol kaʼaa Baʼaaliif ijaaraniiru; kunis waan ani isaan hin ajajin yookaan maqaa hin dhaʼin yookaan yaada koo keessa iyyuu hin turinii dha.
6 ヱホバいひたまふさればみよ此處をトペテまたはベンヒンノムの谷と稱ずして屠戮の谷と稱ふる日きたらん
Kanaafuu beekkadhaa; barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula Qalmaa jedhanii waamuu malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa, jedha Waaqayyo.
7 また我この處に於てユダとヱルサレムの謀をむなしうし劍をもて彼らを其敵の前とその生命を索る者の手に仆しまたその屍を天空の鳥と地の獸の食物となし
“‘Ani iddoo kanatti karoora Yihuudaatii fi karoora Yerusaalem nan diiga; akka isaan fuula diinota isaanii duratti, harka warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadaniitti goraadeedhaan dhuman nan godha; reeffa isaanii immoo allaattii samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata godhee nan kenna.
8 かつ此邑を荒して人の胡盧とならしめん凡そここを過る者はその諸の災に驚きて笑ふべし
Ani magaalaa kana onsee waan sodaa fi qoosaa nan godha; kan achiin darbu hundi sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
9 また彼らがその敵とその生命を索る者とに圍みくるしめらるる時我彼らをして己の子の肉女の肉を食はせん又彼らは互にその友の肉を食ふべし
Ani akka isaan foon ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii nyaatan nan godha; isaanis yeroo diinonni isaanii kanneen lubbuu isaanii galaafachuu barbaadan sun marsanii isaan dhiphisanitti foon walii isaanii nyaatu.’
10 汝ともに行く人の目の前にてその瓦罇を毀ちて彼らにいふべし
“Ergasii okkotee sana fuula warra si wajjin deemanii duratti cabsiitii
11 萬軍のヱホバかくいひ給ふ一回毀てば復全うすること能はざる陶人の器を毀つが如くわれ此民とこの邑を毀たんまた彼らは葬るべき地なきによりてトペテに葬られん
akkana isaaniin jedhi; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Akkuma okkoteen suphee dhooftuu kun erga caccabee booddee deebiʼee haaromfamuu hin dandeenye sana ani saba kanaa fi magaalaa kana nan caccabsa; sababii iddoon itti nama awwaalan biraa hin jirreef namoonni Toofetitti reeffa awwaalu.
12 ヱホバいひ給ふ我この處とこの中に住る者とに斯なし此邑をトペテの如くなすべし
Ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti waan kana nan fida, jedha Waaqayyo. Magaalaa kanas akkuma Toofet nan godha.
13 且ヱルサレムの室とユダの王等の室はトペテの處のごとく汚れん其は彼らすべての室の屋蓋のうへにて天の衆群に香をたき他の神に酒をそそげばなり
Manneen Yerusaalem keessaatii fi manneen mootota Yihuudaa jechuunis manneen jarri bantii isaanii irratti urjiiwwan samii hundaaf ixaana aarsanii waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafatan sun hundi akkuma iddoo Toofet kanaa ni xureeffamu.’”
14 ヱレミヤ、ヱホバの己を遣はして預言せしめたまひしトペテより歸りきたりヱホバの室の庭に立ちすべての民に語りていひけるは
Ermiyaasis ergasii Toofet iddoo Waaqayyo akka inni achitti raajii dubbatuuf itti isa erge sanaa deebiʼee oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa dhaabatee saba hundaan akkana jedhe;
15 萬軍のヱホバ、イスラエルの神かくいひたまふ視よわれ我いひし諸の災をこの邑とその諸の郷村にくださん彼らその項を強くして我言を聽ざればなり
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; ‘Mee dhaggeeffadhaa! Sababii isaan mata jabeeyyii taʼanii dubbii koo dhagaʼuu didaniif balaa ani isaanitti labsee ture hunda magaalaa kanaa fi gandoota naannoo ishee jiranitti nan fida.’”