< エレミヤ書 17 >

1 ユダの罪は鐵の筆金剛石の尖をもてしるされその心の碑と汝らの祭壇の角に鐫らるるなり
“Cubbuun Yihuudaa meeshaa sibiilaatiin qirixaameera; qara dhagaatiinis gabatee garaa isaanii irrattii fi gaanfa iddoo aarsaa isaanii irratti barreeffameera.
2 彼らはその子女をおもふが如くに靑木の下と高岡のうへなるその祭壇とアシラをおもふ
Ijoolleen isaanii iyyuu iddoowwan aarsaa isaaniitii fi siidaa Aasheeraa kanneen mukkeen lalisaa cinaatii fi gaarran ol dheeroo irraa sana yaadatan.
3 われ野に在る我山と汝の資產と汝のもろもろの財產および汝の四方の境の内なる汝の罪を犯せる崇邱を擄掠物とならしめん
Ani sababii cubbuu biyya kee guute sanaatiif tulluu koo kan biyya keessaa, qabeenya keetii fi badhaadhummaa kee hunda iddoo ol kaʼaa kee wajjin dabarsee boojuuf nan kenna.
4 わが汝にあたへし產業より汝手をはなさん又われ汝をして汝の識ざる地に於て汝の敵につかへしめんそは汝ら我をいからせて限なく燃る火を發したればなり
Ati dogoggora mataa keetiitiin dhaala ani siif kenne ni dhabda. Ani biyya ati hin beekne keessatti diinota keetiif sin garboomsa; ati dheekkamsa koo qabsiifteertaatii; innis bara baraan ni bobaʼa.”
5 ヱホバかくいひたまふおほよそ人を恃み肉をその臂とし心にヱホバを離るる人は詛るべし
Waaqayyo akkana jedha: “Namni nama amanatu, kan jabina foonii irree isaa godhatu, kan garaan isaa Waaqayyo irraa garagalu abaaramaa dha.
6 彼は荒野に棄られたる者のごとくならん彼は善事のきたるをみず荒野の燥きたる處鹽あるところ人の住ざる地に居らん
Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa; yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu. Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaa biyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
7 おほよそヱホバをたのみヱホバを其恃とする人は福なり
“Namni Waaqayyoon amanatu, kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
8 彼は水の旁に植たる樹の如くならん其根を河にのべ炎熱きたるも恐るるところなしその葉は靑く亢旱の年にも憂へずして絕ず果を結ぶべし
Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame, kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa. Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu; baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha. Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu; ija naqachuus hin dhiisu.”
9 心は萬物よりも僞る者にして甚だ惡し誰かこれを知るをえんや
Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha; garmalees hamaa dha. Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
10 われヱホバは心腹を察り腎腸を試みおのおのに其途に順ひその行爲の果によりて報ゆべし
“Ani Waaqayyo nama hundaaf akkuma amala isaatti, akkuma waan hojii isaatiif maluutti gatii isaaf kennuuf garaa isaa nan sakattaʼa; qalbii isaas nan qora.”
11 鷓鴣のおのれの生ざる卵をいだくが如く不義をもて財を獲る者あり其人は命の半にてこれに離れその終に愚なる者とならん
Namni karaa hin malleen badhaadhummaa walitti qabatu akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqin hammattu ti. Walakkaa umurii isaatti badhaadhummaan sun isa dhiisee bada; dhuma irrattis gowwaa taʼuun isaa ni mirkaneeffama.
12 榮の位よ原始より高き者わが聖所たる者
Teessoon ulfina qabeessi durumaa jalqabee ol ol jedhu sun, iddoo qulqullummaa keenyaa ti.
13 イスラエルの望なるヱホバよ凡て汝を離るる者は辱められん我を棄る者は土に錄されん此はいける水の源なるヱホバを離るるによる
Yaa Waaqayyo, abdii Israaʼel, warri si dhiisan hundi ni qaaneffamu. Warri sirraa garagalan biyyoo keessatti galmeeffamaniiru; isaan Waaqayyoon burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiruutii.
14 ヱホバよ我を醫し給へ然らばわれ愈んわれを救ひたまへさらば我救はれん汝はわが頌るものなり
Yaa Waaqayyo na fayyisi; anis nan fayyaa; na oolchi, anis nan oolfama; kan ani jajadhu sumaatii.
15 彼ら我にいふヱホバの言は何にあるやいま之をのぞましめよと
Isaan ittuma fufanii, “Dubbiin Waaqayyoo eessa jira? Mee amma haa raawwatamu!” naan jedhu.
16 われ牧者の職を退かずして汝にしたがひ又禍の日を願はざりき汝これを知りたまふ我唇よりいづる者は汝の面の前にあり
Ani tiksee taʼee si tajaajiluu irraa duubatti hin deebine; ati akka ani guyyaa badiisaa hin hawwine ni beekta. Wanni afaan kootii baʼu fuuluma kee dura jira.
17 汝我を懼れしむる者となり給ふ勿れ禍の時に汝は我避場なり
Ati na hin rifachiisin; guyyaa badiisaatti ati daʼoo koo ti.
18 我を攻る者を辱しめ給へ我を辱しむるなかれ彼らを怖れしめよ我を怖れしめ給ふなかれ禍の日を彼らに來らしめ滅亡を倍して之を滅し給へ
Warri na adamsan haa qaaneffaman; ana garuu qaanii irraa na oolchi; isaan haa rifatan; ana garuu rifaatii irraa na eegi. Guyyaa badiisaa isaanitti fidi; badiisa dachaatiin isaan balleessi.
19 ヱホバ我にかくいひ給へり汝ゆきてユダの王等の出入する民の門及びヱルサレムの諸の門に立て
Waaqayyo akkana naan jedhe: “Dhaqiitii karra uummataa karaa mootonni Yihuudaa ittiin seenanii baʼan dura dhaabadhu; akkasumas karrawwan Yerusaalem kaan hunda dura dhaabadhu.
20 彼らにいへ此門より入る所のユダの王等とユダのすべての民とヱルサレムに住るすべての者よ汝らヱホバの言をきけ
Akkanas isaaniin jedhi; ‘Yaa mootota Yihuudaa, sabni Yihuudaa hundii fi namoonni Yerusaalem keessa jiraattan kanneen karra kanaan ol galtan hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
21 ヱホバかくいひたまふ汝ら自ら愼め安息日に荷をたづさへてヱルサレムの門にいる勿れ
Waaqayyo akkana jedha: Akka guyyaa Sanbataatiin baʼaa hin baanne yookaan karrawwan Yerusaalemiin ol hin galchine of eeggadhaa.
22 また安息日に汝らの家より荷を出す勿れ諸の工作をなす勿れ我汝らの先祖に命ぜしごとく安息日を聖くせよ
Akkuma ani abbootii keessan ajajetti guyyaa Sanbataa kabajaa malee guyyaa Sanbataatiin mana keessanii baʼaa gad hin baasinaa yookaan hojii kam iyyuu hin hojjetinaa.
23 されど彼らは遵はず耳を傾けずまたその項を強くして聽ず訓をうけざるなり
Taʼus isaan hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; garuu akka hin dhageenyee fi akka qajeelfama hin fudhanneef mataa jabaatan.
24 ヱホバいひ給ふ汝らもし謹愼て我にきき安息日に荷をたづさへてこの邑の門にいらず安息日を聖くなして諸の工作をなさずば
Waaqayyo akkana jedha; yoo isin na dhageessanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko illee karrawwan magaalaa kanaatiin ol galchuu dhiiftanii qooda kanaa gaafas hojii kam iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eegdan,
25 ダビデの位に坐する王等牧伯たちユダの民ヱルサレムに住る者車と馬に乗てこの邑の門よりいることをえんまた此邑には限なく人すまはん
mootonni teessoo Daawit irra taaʼan qondaaltota isaanii wajjin karrawwan magaalaa kanaatiin ol seenu. Isaanis qondaaltota isaanii wajjin gaariiwwanii fi fardeen yaabbatanii namoota Yihuudaatii fi warra Yerusaalem keessa jiraatan wajjin ni dhufu; magaalaan kunis magaalaa namni bara baraan keessa jiraatu ni taʼa.
26 また人々ユダの邑とヱルサレムの四周およびベニヤミンの地と平地と山と南の方よりきたり燔祭 犠牲 素祭 馨香 謝祭を携へてヱホバの室にいらん
Namoonnis magaalaawwan Yihuudaatii fi gandoota naannoo Yerusaalemiitii, biyya Beniyaamiitii fi biyya gaara keessaatii, biyya gaaraatii fi Negeebii aarsaa gubamuu fi qalma, aarsaa midhaanii, ixaanaa fi aarsaa galataa fidanii gara mana Waaqayyoo ni dhufu.
27 されど汝らもし我に聽ずして安息日を聖くせず安息日に荷をたづさへてヱルサレムの門にいらばわれ火をその門の内に燃してヱルサレムの殿舍を燬んその火は滅ざるべし
Yoo isin guyyaa Sanbataa addaan baaftanii eeguuf jettanii guyyaa Sanbataatiin baʼaa tokko iyyuu baattanii karrawwan Yerusaalemiin ol seenuu dhiisuudhaan anaaf ajajamuu baattan garuu ani ibidda hin dhaamne tokko karrawwan Yerusaalemitti nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoowwan Yerusaalem gubee barbadeessa.’”

< エレミヤ書 17 >