< イザヤ書 63 >

1 このエドムよりきたり緋衣をきてボヅラよりきたる者はたれぞ その服飾はなやかに大なる能力をもて嚴しく歩みきたる者はたれぞ これは義をもてかたり大にすくひをほどこす我なり
Kan uffata isaa halluu diimaa cuuphee Edoom keessaa, Bozraadhaa dhufaa jiru kun eenyu? Kan ulfina uffatee guddina jabina isaatiin fuula duratti deemaa jiru kun eenyu? “Inni anuma, kan qajeelummaan dubbatu, kan oolchuufis humna qabu anaa dha.”
2 なんぢの服飾はなにゆゑに赤くなんぢの衣はなにゆゑに酒榨をふむ者とひとしきや
Uffanni kee maaliif akkuma uffata nama boolla wayinii itti cuunfan keessatti wayinii dhidhiitu tokkoo diimata?
3 我はひとりにて酒榨をふめり もろもろの民のなかに我とともにする者なし われ怒によりて彼等をふみ忿恚によりてかれらを蹈にじりたれば かれらの血わが衣にそそぎわが服飾をことごとく汚したり
“Ani kophaa koo boolla itti wayinii cuunfan keessatti wayinii nan dhidhiite; saboota keessaa namni tokko iyyuu na wajjin hin turre. Ani aarii kootiin isaan irra dhaabadhee dheekkamsa kootiin gad isaan dhidhiite; dhiigni isaanii wayyaa kootti faffacaʼe; wayyaa koo hundas ni faale.
4 そは刑罰の日わが心の中にあり 救贖の歳すでにきたれり
Guyyaan haaloo baʼuu garaa koo keessa jiraatii; waggaan ani itti nama furus dhufeera.
5 われ見てたすくる者なく扶る者なきを奇しめり この故にわが臂われをすくひ我いきどほり我をささへたり
Anis milʼadhee nama na gargaaru tokko iyyuu nan dhabe; gargaarsa tokko iyyuu dhabnaan nan dinqisiifadhe; kanaafuu irreen koo fayyina naa fide; dheekkamsi koos na utube.
6 われ怒によりてもろもろの民をふみおさへ 忿恚によりてかれらを酔しめ かれらの血を地に流れしめたり
Ani aarii kootiin saboota irra nan dhidhiite; dheekkamsa kootiinis isaan nan macheesse; dhiiga isaanii lafa irra nan lolaase.”
7 われはヱホバのわれらに施したまへる各種のめぐみとその譽とをかたりつげ 又その憐憫にしたがひ其おほくの恩惠にしたがひてイスラエルの家にほどこし給ひたる大なる恩寵をかたり告ん
Akkuma waan inni nuuf hojjete hundaatti ani waaʼee jaalala Waaqayyoo // kan hin geeddaramne sanaa hojii inni ittiin galateeffamuu qabu nan odeessa; wantoota gaggaarii inni akkuma gara laafinaa fi arjummaa isaa hedduu sanaatti mana Israaʼeliif hojjete baayʼee ani dhugumaan nan odeessa.
8 ヱホバいひたまへり 誠にかれらはわが民なり 虚僞をせざる子輩なりと 斯てヱホバはかれらのために救主となりたまへり
Innis, “Isaan dhugumaan saba koo ti; ijoollee hin sobnee dha” jedhe; kanaafuu inni Fayyisaa isaanii taʼe.
9 かれらの艱難のときはヱホバもなやみ給ひてその面前の使をもて彼等をすくひ その愛とその憐憫とによりて彼等をあがなひ彼等をもたげ昔時の日つねに彼等をいだきたまへり
Dhiphina isaanii hunda keessatti, innis ni dhiphate; ergamaan Waaqayyoo kan fuula isaa dura dhaabatu isaan baraare. Jaalalaa fi araara isaatiin isaan fure; bara durii hunda keessa, inni ol fuudhee isaan baate.
10 然るにかれらは悖りてその聖靈をうれへしめたる故にヱホバ翻然かれらの仇となりて自らこれを攻たまへり
Isaan garuu fincilanii Hafuura isaa Qulqulluu gaddisiisan. Kanaafuu inni deebiʼee diina isaanii taʼe; inni mataan isaas isaan lole.
11 爰にその民いにしへのモーセの日をおもひいでて曰けるは かれらとその群の牧者とを海より携へあげし者はいづこにありや 彼等のなかに聖靈をおきしものは何處にありや
Kana irratti sabni isaa bara durii, bara Museetii fi saba isaa yaadatee akkana jedhe: Inni tiksee bushaayee isaa wajjin galaana keessaa isaan baase sun eessa jira? Inni Hafuura isaa Qulqulluu gidduu isaanii buuse,
12 榮光のかひなをモーセの右にゆかしめ 彼等のまへに水をさきて自らとこしへの名をつくり
kan akka irreen isaa ulfina qabeessi jabaan sun, harka mirgaa kan Musee wajjin jiraatuuf erge, kan maqaa bara baraa ofii isaatiif godhachuudhaaf fuula isaanii duratti bishaan gargar qoode,
13 彼等をみちびきて馬の野をはしるがごとく躓かで淵をすぎしめたりし者はいづこに在りや
kan tuujuba keessaan isaan qajeelche sun eessa jira? Isaan akkuma farda biyya balʼaa keessa gulufu tokkoo hin gufanne;
14 谷にくだる家畜の如くにヱホバの靈かれらをいこはせ給へり 主よなんぢは斯おのれの民をみちびきて榮光の名をつくり給へり
akkuma loon dirreetti bobbaʼaniitti, Hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif kenne. Akki ati itti maqaa ulfina qabu ofii keetiif godhachuudhaaf jettee saba kee qajeelchite kanaa dha.
15 ねがはくは天より俯觀なはし その榮光あるきよき居所より見たまへ なんぢの熱心となんぢの大能あるみわざとは今いづこにありや なんぢの切なる仁慈と憐憫とはおさへられて我にあらはれず
Ati samii irraa, teessoo kee qulqulluu fi ulfina qabeessa sana irraa gad ilaali. Hinaaffaan keetii fi jabinni kee eessa jiru? Jaalallii fi gara laafinni kee nurraa ittifamaniiru.
16 汝はわれらの父なり アブラハムわれらを知ず イスラエルわれらを認めず されどヱホバよ汝はわれらの父なり 上古よりなんぢの名をわれらの贖主といへり
Yoo Abrahaam nu beekuu baatee, yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu, ati dhugumaan abbaa keenya; Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya; Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.
17 ヱホバよ何故にわれらをなんぢの道より離れまどはしめ我儕のこころを頑固にして汝を畏れざらしめたまふや 願くはなんぢの僕等のためになんぢの產業なる支派のために歸りたまへ
Yaa Waaqayyo, ati maaliif akka nu karaa kee irraa badnuu fi akka garaan keenya jabaatee nu si sodaachuu didnu nu goota? Sababii garboota kee, gosoota handhuuraa kee taʼaniitiif jedhii deebiʼi.
18 汝のきよきたみ地をえて久しからざるにわれらの敵なんぢの聖所をふみにじれり
Sabni kee yeroo yartuuf iddoo kee qulqulluu dhaalee ture; amma garuu diinonni keenya iddoo kee qulqulluu gad dhidhiitaa jiru.
19 我儕はなんぢに上古より治められざる者のごとく なんぢの名をもて稱られざる者のごとくなりぬ
Nu durumaa jalqabnee kanuma kee ti; ati garuu isaan hin bulchine; isaanis maqaa keetiin hin waamamne.

< イザヤ書 63 >