< イザヤ書 61 >

1 主ヱホバの靈われに臨めり こはヱホバわれに膏をそそぎて貧きものに福音をのべ傳ふることをゆだね 我をつかはして心の傷める者をいやし俘囚にゆるしをつげ 縛められたるものに解放をつげ
Sababii Waaqayyo akka ani hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef, Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira. Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf, akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa, warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
2 ヱホバのめぐみの年とわれらの神の刑罰の日とを告しめ 又すべて哀むものをなぐさめ
akka ani bara tola Waaqayyootii fi guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf, akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,
3 灰にかへ冠をたまひてシオンの中のかなしむ者にあたへ 悲哀にかへて歡喜のあぶらを予へ うれひの心にかへて讃美の衣をかたへしめたまふなり かれらは義の樹 ヱホバの植たまふ者 その榮光をあらはす者ととなへられん
akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee, qooda daaraa miidhagina, qooda booʼichaa, zayitii gammachuu, qooda abdii kutachuu immoo, wayyaa galataa kennuuf na erge. Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo, kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
4 彼等はひさしく荒たる處をつくろひ 上古より廢れたる處をおこし 荒たる邑々をかされて新にし世々すたれたる處をふたたび建べし
Isaan waan dur diigame deebisanii ijaaru; iddoowwan bara dheeraan dura onanii turanis akka duraatti deebisu; magaalaawwan diigaman, kanneen dhaloota hedduun dura onanii turan ni haaromsu.
5 外人はたちてなんぢらの群をかひ 異邦人はなんぢらの畑をたがへす者となり 葡萄をつくる者とならん
Alagoonni bushaayee keessan ni tiksu; ormoonnis lafa qotiisaa fi iddoo dhaabaa wayinii keessanii keessa ni hojjetu.
6 然どなんぢらはヱホバの祭司ととなへられ われらの神の役者とよばれ もろもろの國の富をくらひ かれらの榮をえて自らほこるべし
Isin luboota Waaqayyoo jedhamtanii ni waamamtu; tajaajiltoota Waaqa keenyaa jedhamtaniis ni moggaafamtu. Isin qabeenya sabootaa ni nyaattu; badhaadhummaa isaaniitiin illee ni boontu.
7 曩にうけし恥にかへ倍して賞賜をうけ凌辱にかへ嗣業をえて樂むべし 而してその地にありて倍したる賞賜をたもち永遠によろこびを得ん
Qooda qaanii keessanii hiree dachaa ni argattu; qooda salphinaa isin dhaala keessanitti ni gammaddu; kanaafuu isin biyya keessan keessatti hiree dachaa ni dhaaltu; gammachuun bara baraas kan keessan.
8 われヱホバは公平をこのみ邪曲なるかすめごとをにくみ 眞實をもて彼等にむくいをあたへ 彼等ととこしへの契約をたつべければなり
“Ani Waaqayyo murtii qajeelaa nan jaalladhaatii; saamichaa fi yakka nan jibba. Ani amanamummaa kootiin isaan nan badhaasa; kakuu bara baraas isaan wajjin nan gala.
9 かれらの裔はもろもろの國のなかに知れ かれらの子輩はもろもろの民のなかに知れん すべてこれを見るものはそのヱホバの祝したまへる裔なるを辨ふべし
Sanyiin isaanii saboota gidduutti, ijoolleen isaanii immoo uummata gidduutti ni beekamu. Warri isaan argan hundi, akka isaan saba Waaqayyo eebbise taʼan ni beeku.”
10 われヱホバを大によろこび わが靈魂はわが神をたのしまん そは我にすくひの衣をきせ義の外服をまとはせて 新郎が冠をいただき新婦が玉こがねの飾をつくるが如くなしたまへばなり
Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada; lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi. Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu, misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana, wayyaa fayyinaa natti uffiseera uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
11 地は芽をいだし畑はまけるものを生ずるがごとく 主ヱホバは義と譽とをもろもろの國のまへに生ぜしめ給ふべし
Akkuma lafti biqiltuu biqilchitee iddoon biqiltuu immoo akka sanyiin guddattu godhu sana Waaqayyo Gooftaan akka qajeelummaa fi galanni fuula saboota hundaa duratti biqilan ni godha.

< イザヤ書 61 >