< イザヤ書 41 >

1 もろもろの島よわがまへに默せ もろもろの民よあらたなる力をえて近づききたれ 而して語れ われら寄集ひて諭らはん
Waaqayyo akkana jedha; “Yaa biyyoota bishaan gidduu, fuula koo duratti calʼisaa! Saboonni jabina isaanii haa haaromfatan! Isaan fuula duratti baʼanii haa dubbatan; walii wajjin murtiidhaaf haa dhiʼaannu.
2 たれか東より人をおこししや われは公義をもて之をわが足下に召し その前にもろもろの國を服せしめ また之にもろもろの王ををさめしめ かれらの劍をちりのごとくかれらの弓をふきさらるる藁のごとくならしむ
“Kan baʼa biiftuutii nama tokko kakaasee qajeelummaadhaan tajaajila isaatiif isa waame eenyu? Inni saboota dabarsee harka isaatti kenna; moototas isa jalatti bulcha. Inni goraadee isaatiin daaraa, xiyya isaatiinis habaqii bubbeedhaan bittinnaaʼu isaan godha.
3 斯て彼はこれらのものを追 その足いまだ行ざる道をやすらかに過ゆけり
Inni isaan ariʼee, daandii miilli isaa irra deemee hin beekne irra nagaan darba.
4 このことは誰がおこなひしや たが成しや たが太初より世々の人をよびいだししや われヱホバなり 我ははじめなり終なり
Jalqabaa kaasee dhaloota waamee waan kana kan tolchee fi hojjete eenyu? Ani Waaqayyo isa duraa ti; isa dhumaatiifis ani isuma.”
5 もろもろの島はこれを見ておそれ地の極はをののきて寄集ひきたれり
Biyyoonni bishaan gidduu arganii sodaatu; daariiwwan lafaa ni hollatu. Isaanis ni dhiʼaatu; gara fuula duraattis dhufu;
6 かれら互にその隣をたすけ その兄弟にいひけるは なんぢ雄々しかれ
tokkoon tokkoon namaa wal gargaara; obboleessa isaatiinis, “Jabaadhu!” jedha.
7 木匠は鐵工をはげまし鎚をもて平らぐるものは鐵碪をうつものを勵ましていふ 接合せいとよしと また釘をもて堅うして搖くことなからしむ
Tumtuun sibiilaa tumtuu warqee ni jajjabeessa; inni burruusaan wal qixxeessus, isa gemmoo irratti sibiila tumu jajjabeessa. Waaʼee sibiila walitti baqsuu, “Wanni kun gaarii dha” jedha. Akka inni hin sochooneefis Waaqa tolfamaa sana mismaaraan walitti qabsiisa.
8 然どわが僕イスラエルよ わが選めるヤコブわが友アブラハムの裔よ
“Ati garuu, yaa garbicha koo Israaʼel, yaa Yaaqoob kan ani filadhe, sanyii Abrahaam michuu kootii,
9 われ地のはてより汝をたづさへきたり地のはしよりなんぢを召 かくて汝にいへり 汝はわが僕われ汝をえらみて棄ざりきと
ani handaara lafaatii si fudhadhe; golee fagoodhaan si waammadhe. Ani, ‘Ati garbicha koo ti’ siin jedhe; ani si filadheera; si hin gannes,
10 おそるるなかれ 我なんぢとともにあり 驚くなかれ我なんぢの神なり われなんぢを強くせん 誠になんぢを助けん 誠にわがただしき右手なんぢを支へん
Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii; hin raafamin; ani Waaqa keetii. Ani sin jabeessa; sin gargaaras; ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.
11 視よなんぢにむかひて怒るものはみな恥をえて惶てふためかん なんぢと爭ふものは無もののごとくなりて滅亡せん
“Kunoo, warri sitti aaran hundi, ni qaanaʼu; ni salphatus; warri siin morman akka waan hin jirree taʼu; ni badus.
12 なんぢ尋ぬるとも汝とたたかふ人々にあはざるべし 汝といくさする者はなきものの如くなりて虚しくなるべし
Ati diinota kee barbaadduu iyyuu, isaan hin argattu. Warri waraana sitti banan, guutumaan guutuutti akka waan hin jirree taʼan.
13 そは我ヱホバなんぢの神はなんぢの右手をとりて汝にいふ 懼るるなかれ我なんぢを助けんと
Ani Waaqayyo Waaqni kee harka kee mirgaa nan qabaatii; inni, ‘Hin sodaatin; ani sin gargaaraa’ siin jedhus anuma.
14 またヱホバ宣給ふ なんぢ虫にひとしきヤコブよイスラエルの人よ おそるるなかれ我なんぢをたすけん汝をあがなふものはイスラエルの聖者なり
Yaa Yaaqoob raammoo nana, Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin; ani mataan koo sin gargaaraatii” jedha Waaqayyo, Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.
15 視よわれ汝をおほくの鋭歯ある新しき打麥の器となさん なんぢ山をうちて細微にし岡を粃糠のごとくにすべし
“Ani kunoo, meeshaa ittiin midhaan dhaʼan, meeshaa haaraa fi qaramaa kan ilkaan baayʼee qabu sin taasisa. Ati tulluuwwan dhooftee caccabsita; gaarran immoo akka habaqii goota.
16 なんぢ簸げば風これを巻さり 狂風これを吹ちらさん 汝はヱホバによりて喜びイスラエルの聖者によりて誇らん
Ati jara ni afarsita; qilleensis ol isaan fudhata; bubbeen jabaan isaan bittinneessa. Ati garuu Waaqayyotti ni gammadda; Qulqullicha Israaʼelinis ulfina argatta.
17 貧しきものと乏しきものと水を求めて水なくその舌かわきて衰ふるとき われヱホバ聽てこたへん 我イスラエルの神かれらを棄ざるなり
“Hiyyeeyyii fi rakkattoonni bishaan barbaadu; garuu homaa hin argatan; arrabni isaanii dheebuudhaan goggogeera. Ani Waaqayyo garuu deebii nan kennaaf; ani Waaqni Israaʼel jara hin gatu.
18 われ河をかぶろの山にひらき泉を谷のなかにいだし また荒野を池となし乾ける地を水の源と變ん
Lafa ol kaʼaa qullaa irra lageen nan yaasa; sululoota keessa immoo burqaa nan burqisiisa. Gammoojjii haroo bishaaniitti, lafa goges burqaa bishaaniitti nan geeddara.
19 我あれのに香柏 合歎樹 もちの樹 および油の樹をうゑ沙漠に松 杉 及び黄楊をともに置ん
Gammoojjii keessatti gaattiraa, laaftoo, kusaayee fi ejersa nan biqilcha. Lafa onaa keessatti immoo, Birbirsa, qararoo fi hadheessa wal faana nan dhaaba.
20 かくて彼等これを見てヱホバの手の作たまふところイスラエルの聖者の造り給ふ所なるをしり且こころをとめ且ともどもにさとらん
Kunis akka namoonni akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, akka Qulqullichi Israaʼel waan kana uume arganii beekaniif, akkasumas akka hundi isaanii waan kana qalbeeffatanii hubataniif.
21 ヱホバ言給く なんぢらの道理をとり出せ ヤコブの王いひたまはく 汝等のかたき證をもちきたれ
“Dhimma keessan dhiʼeeffadhaa” jedha Waaqayyo; “Ragaa keessan fidadhaa” jedha mootiin Yaaqoob.
22 これを持來りてわれらに後ならんとする事をしめせ そのいやさきに成るべきことを示せ われら心をとめてその終をしらん 或はきたらんとする事をわれらに聞すべし
“Akka isaan waan taʼuuf jiru nutti himaniif, waaqota keessan tolfamoo fidadhaa. Akka nu isaan hubannee waan isaan dhuma irratti taʼan beeknuuf, wantoonni bara dur maal akka turan nutti himaa. Yookaan wantoota dhufuuf jiran nutti odeessaa;
23 なんぢら後ならんとすることをしめせ我儕なんぢらが神なることを知らん なんぢら或はさいはひし或はわざはひせよ 我儕ともに見ておどろかん
akka nu akka isin waaqota taatan beeknuuf, waan fuul duratti taʼuuf jiru nutti himaa. Akka nu rifannee sodaan guutamnuuf, waan gaarii yookaan waan hamaa hojjedhaa.
24 視よなんぢらは無もののごとし なんぢらの事はむなし なんぢらを撰ぶものは憎むべきものなり
Kunoo isin wayittuu hin hedamtan; hojiin keessanis gonkumaa gatii hin qabu; kan isin filatu kam iyyuu jibbisiisaa dha.
25 われ一人を起して北よりきたらせ我が名をよぶものを東よりきたらしむ 彼きたりもろもろの長をふみて泥のごとくにし陶工のつちくれを踐がごとくにせん
“Ani nama tokko kaabaa nan kaase; innis dhufa; inni baʼa biiftuutii dhufus maqaa koo ni waammata. Inni akkuma suphee dhooftuun suphee dhidhiitu sana, bulchitoota akka dhoqqeetti dhidhiita.
26 たれか初よりこれらの事をわれらに告てしらしめたりや たれか上古よりわれらに告てこは是なりといはしめたりや 一人だに告るものなし一人だに聞するものなし 一人だになんぢらの言をきくものなし
Akka nu beekuu dandeenyuuf eenyutu jalqabumaa kaasee waan kana dubbate? Yookaan akka nu, ‘Inni sirrii dha’ jechuu dandeenyuuf eenyutu duraan dursee waan kana dubbate? Eenyu iyyuu waan kana hin himne; namni tokko iyyuu duraan dursee hin himne; namni tokko iyyuu dubbii keessan hin dhageenye.
27 われ豫じめシオンにいはん なんぢ視よ かれらを見よと われ又よきおとづれを告るものをヱルサレムに予へん
Namni jalqabatti, ‘Kunoo isaan as jiru!’ jedhee Xiyoonitti hime ana ture. Ani nama oduu gaarii himu tokko Yerusaalemiif kenneera.
28 われ見るに一人だになし かれらのなかに謀略をまうくるもの一人だになし 我かれらに問どこたふるもの一人だになし
Ani nan ilaale; garuu homtuu hin turre; isaan keessaa namni gorsa kennu tokko iyyuu hin jiru; yommuu ani isaan gaafadhus namni deebii kennu tokko iyyuu hin jiru.
29 かれらの爲はみな徒然にして無もののごとし その偶像は風なりまた空しきなり
Kunoo, hundi isaanii faayidaa hin qaban! Hojiin isaaniis gatii hin qabu; fakkiiwwan isaaniis qilleensuma duwwaa dha.

< イザヤ書 41 >