< ヘブル人への手紙 7 >
1 此のメルキゼデクはサレムの王にて至高き神の祭司たりしが、王たちを破りて還るアブラハムを迎へて祝福せり。
Malkiiseedeq mootii Saalemiitii fi luba Waaqa Waan Hundaa Olii ture. Innis utuu Abrahaam mootota moʼatee deebiʼuu itti dhufee isa eebbise;
2 アブラハムは彼に凡ての物の十分の一を分け與へたり。その名を釋けば第一に義の王、次にサレムの王、すなはち平和の王なり。
Abrahaamis waan hundumaa kudhan keessaa tokko isaaf kenne. Jalqabatti maqaan isaa, “Mootii qajeelummaa” jechuu dha; ergasii immoo, “Mootii Saalem” jechuunis, “Mootii nagaa” jechuu dha.
3 父なく、母なく、系圖なく、齡の始なく、生命の終なく、神の子の如くにして限りなく祭司たり。
Inni abbaa yookaan haadha hin qabu; hidda dhalootaas hin qabu; jalqaba guyyootaa yookaan dhuma jireenyaas hin qabu; inni akkuma Ilma Waaqaatti luba bara baraa taʼee jiraata.
4 先祖アブラハム分捕物のうち十分の一、最も善き物を之に與へたれば、その人の如何に尊きかを思ふべし。
Egaa Abrahaam hangafni abbootii iyyuu erga waan boojiʼe irraa kudhan keessaa tokko isaaf kennee, Malkiiseedeq hammam guddaa akka taʼe mee ilaalaa!
5 レビの子 等のうち祭司の職を受くる者は、律法によりて、民すなはちアブラハムの腰より出でたる己が兄弟より、十分の一を取ることを命ぜらる。
Ilmaan Lewwii warri luboota taʼan yoo obboloonni isaanii sanyii Abrahaam taʼan iyyuu namoota irraa jechuunis obbolootuma isaanii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatan seerri ni ajaja.
6 されど此の血脈にあらぬ彼は、アブラハムより十分の一を取りて約束を受けし者を祝福せり。
Namichi sanyii isaanii irraa hin taʼin kun garuu Abrahaam isa waadaan galameef sana irraa kudhan keessaa tokko fudhatee isa eebbise.
7 それ小なる者の大なる者に祝福せらるるは論なき事なり。
Inni xinnaan akka isa guddaadhaan eebbifamu shakkii hin qabu.
8 かつ此所にては死ぬべき者 十分の一を受くれども、彼處にては『活くるなり』と證せられた者これを受く。
Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko namoota duʼa hin oolleen walitti qabama; karaa kaaniin immoo isa jiraataa taʼuun isaa dhugaa baʼameef sanaan walitti qabama.
9 また十分の一を受くるレビすら、アブラハムに由りて十分の一を納めたりと云ふも可なり。
Lewwiin inni kudhan keessaa tokko walitti qabu mataan isaa iyyuu kudhan keessaa harka tokko karaa Abrahaamiitiin baaseera jechuun ni dandaʼama;
10 そはメルキゼデクのアブラハムを迎へし時に、レビはなほ父の腰に在りたればなり。
Malkiiseedeq yommuu Abrahaamin simatetti Lewwiin mudhii abbaa ofii isaa keessa tureetii.
11 もしレビの系なる祭司によりて全うせらるる事ありしならば(民は之によりて律法を受けたり)何ぞなほ他にアロンの位に等しからぬメルキゼデクの位に等しき祭司の起る必要あらんや。
Utuu sirni lubummaa Lewwii kan hirʼina hin qabne taʼee, silaa lubni biraa kan akka sirna lubummaa Aroonitti utuu hin taʼin lubni akka sirna lubummaa Malkiiseedeqitti filatame dhufuun isaa maaliif barbaachise ree? Seerri sirna lubummaa Lewwii kana irratti hundeeffamee sabaaf kennameetii.
12 祭司の易る時には律法も亦 必ず易るべきなり。
Yommuu lubummaan geeddaramu seerichis akkasuma geeddaramaatii.
13 此 等のことは曾て祭壇に事へたることなき他の族に屬する者をさして云へるなり。
Inni wanni kun waaʼee isaa dubbatame sun gosti isaa kan biraa ti; gosa kana keessaas namni tokko iyyuu takkumaa iddoo aarsaa hin tajaajille.
14 それ我らの主のユダより出で給へるは明かにして、此の族につき、モーセは聊かも祭司に係ることを云はざりき。
Gooftaan keenya akka sanyii Yihuudaa irraa dhalate beekamaadhaatii; Museenis gosa sana ilaalchisee waaʼee lubummaa homaa hin dubbanne.
15 又メルキゼデクのごとき他の祭司おこり、肉の誡命の法に由らず、朽ちざる生命の能力によりて立てられたれば、我が言ふ所いよいよ明かなり。
Yommuu lubni akka Malkiiseedeqi kan biraa kaʼutti, wanni nu dubbanne sun ittuma caalee ifa taʼa;
16 又メルキゼデクのごとき他の祭司おこり、肉の誡命の法に由らず、朽ちざる生命の能力によりて立てられたれば、我が言ふ所いよいよ明かなり。
innis utuu ajaja fooniitiin hin taʼin humna jireenya hin badneetiin luba taʼe.
17 そは『なんぢは永遠にメルキゼデクの位に等しき祭司たり』と證せられ給へばなり。 (aiōn )
Waaʼee isaas, “Akkuma sirna Malkiiseedeqitti, ati luba bara baraa ti” jedhamee dhugaa baʼameeraafiitii. (aiōn )
Ajajni duraa sun waan dadhabaa fi kan hin fayyadne tureef diigameera.
19 (律法は何をも全うせざりしなり)更に優れたる希望を置かれたり、この希望によりて我らは神に近づくなり。
Sababii seerri waanuma tokko illee kan mudaa hin qabne hin godhiniif abdiin caalu kan nu ittiin gara Waaqaatti dhiʼaannu tokko dhufeera.
Kunis kakaa malee hin taane! Warri kaan immoo kakaa tokko malee luboota taʼan;
21 彼は誓なくしては爲られず、誓をもて祭司とせられ給へり。即ち彼に就きて『主ちかひて悔い給はず、「なんじは永遠に祭司たり」』と言ひ給ひしが如し。 (aiōn )
inni garuu yeroo Waaqni, “Gooftaan, ‘Ati luba bara baraa ti’ jedhee kakateera; inni yaada isaa hin geeddaru” isaan jedhetti kakaadhaan luba taʼe. (aiōn )
22 イエスは斯くも優れたる契約の保證となり給へり。
Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
23 かの人々は死によりて永くその職に留ることを得ざる故に、祭司となりし者の數 多かりき。
Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan;
24 されど彼は永遠に在せば易ることなき祭司の職を保ちたまふ。 (aiōn )
Yesuus garuu waan bara baraan jiraatuuf lubummaa hin geeddaramne qaba. (aiōn )
25 この故に彼は己に頼りて神にきたる者のために執成をなさんとて常に生くれば、之を全く救ふこと得給ふなり。
Kanaaf inni yeroo hundumaa waan isaaniif kadhachuuf jiraatuuf warra karaa isaatiin gara Waaqaa dhufan guutumaan guutuutti fayyisuu ni dandaʼa.
26 斯くのごとき大 祭司こそ我らに相應しき者なれ、即ち聖にして惡なく、穢なく、罪人より遠ざかり、諸般の天よりも高くせられ給へり。
Egaa luba ol aanaa qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa.
27 他の大 祭司のごとく先づ己の罪のため、次に民の罪のために日々 犧牲を献ぐるを要し給はず、その一たび己を献げて之を成し給ひたればなり。
Inni akka luboota ol aantota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.
28 律法は弱みある人々を立てて大 祭司とすれども、律法の後なる誓の御言は、永遠に全うせられ給へる御子を大 祭司となせり。 (aiōn )
Seerichi namoota dadhaboo, luboota ol aantota godhee muudaatii; dubbiin kakaa kan seera booddee dhufe garuu, Ilma Waaqaa isa bara baraan mudaa hin qabne sana muuda. (aiōn )