< 創世記 49 >

1 ヤコブその子等を呼ていひけるは汝らあつまれ我後の日に汝らが遇んところの事を汝等につげん
Yaaqoob ilmaan isaa ofitti waamee akkana jedhe: “Akka ani waan bara dhumaa keessa isinitti dhufu isinitti himuuf mee walitti qabamaa.
2 汝等つどひて聽けヤコブの子等よ汝らの父イスラエルに聽け
“Yaa ilmaan Yaaqoob mee walitti qabamaa dhaggeeffadhaa; abbaa keessan Israaʼelin dhaggeeffadhaa.
3 ルベン汝はわが冢子わが勢わが力の始威光の卓越たる者權威の卓越たる者なり
“Yaa Ruubeen, ati ilma koo hangafa; humna koo, mallattoo jalqabaa kan jabina kootii ti; ati ulfinaan ni caalta; humnaan illee ni caalta.
4 汝は水の沸あがるがごとき者なれば卓越を得ざるべし汝父の床にのぼりて浼したればなり嗚呼彼はわが寢牀にのぼれり
Ati akka bishaanii asii fi achi raafamta; ol aantummaas hin qabaattu; ati siree abbaa keetiitti ol baatee, afata kootti ol baatee xureessiteertaatii.
5 シメオン、レビは兄弟なりその劍は暴逆の器なり
“Simiʼoonii fi Lewwiin obboloota; goraadeen isaanii miʼa fincilaa ti.
6 我魂よかれらの席にのぞむなかれ我寶よかれらの集會につらなるなかれ其は彼等その怒にまかせて人をころしその意にまかせて牛を筋截たればなり
Lubbuun koo marii isaaniitti hin seenin; ulfinni koos yaaʼii isaaniitti hin dabalamin; isaan dheekkamsa isaaniitiin nama ajjeesaniiruutii; fedhii ofii isaaniitiinis qotiyyoo naafachiisaniiru.
7 その怒は烈しかれば詛ふべしその憤は暴あれば詛ふべし我彼らをヤコブの中に分ちイスラエルの中に散さん
Aariin isaanii inni hamaan, dheekkamsi isaanii inni gara jabeessi abaaramaa haa taʼu! Ani Yaaqoob keessa isaan nan bittinneessa; Israaʼel keessas isaan nan facaasa.
8 ユダよ汝は兄弟の讚る者なり汝の手はなんぢの敵の頸を抑へんなんぢの父の子等なんぢの前に鞠ん
“Yaa Yihuudaa obboloonni kee si leellisu; harki kee morma diina keetii qaba; ilmaan abbaa keetii siif sagadu.
9 ユダは獅子の子の如しわが子よ汝は所掠物をさきてかへりのぼる彼は牡獅子のごとく伏し牝獅のごとく蹲まる誰か之をおこすことをせん
Yaa Yihuudaa ati saafela leencaa ti; yaa ilma koo ati adamoodhaa deebita. Inni akka leencaa, akka leenca dhalaas, riphee ciisa; eenyutu ija jabaatee isa kaasa ree?
10 杖ユダを離れず法を立る者その足の間をはなるることなくしてシロの來る時にまでおよばん彼に諸の民したがふべし
Hamma bulchaan dhufutti bokkuun harka Yihuudaatii, uleen bulchiinsaa miilla isaa gidduudhaa hin dhabamu; saboonnis isaaf ni ajajamu.
11 彼その驢馬を葡萄の樹に繋ぎその牝驢馬の子を葡萄の蔓に繋がん又その衣を酒にあらひ其服を葡萄の汁にあらふべし
Inni harree isaa muka wayiniitti, ilmoo harree isaa immoo damee filatamaatti hidhata; wayyaa isaa daadhii wayiniitiin, wandaboo isaa immoo dhiiga gumaa wayiniitiin miiccata.
12 その目は酒によりて紅くその齒は乳によりて白し
Iji isaa daadhii wayinii irra diimata; ilkaan isaa immoo aannan irra addaata.
13 ゼブルンは海邊にすみ舟の泊る海邊に住はんその界はシドンにおよぶべし
“Zebuuloon qarqara galaanaa jiraata; buufata dooniiwwaniis taʼa; daangaan isaas hamma Siidoonaatti balʼata.
14 イッサカルは羊の牢の間に伏す健き驢馬の如し
“Yisaakor harree jabaa feʼiisa lama gidduu ciisuu dha.
15 彼みて安泰を善としその國を樂とし肩をさげて負ひ租税をいだして僕となるべし
Innis yeroo akka iddoon boqonnaa isaa hammam gaarii taʼee fi akka lafti isaa tolaa taʼe argutti baʼaa baachuuf gatiittii isaa gad qabata; hojii humnaa hojjechuuf of kenna.
16 ダンはイスラエルの他の支派の如く其民を鞫かん
“Daan gosoota Israaʼel keessaa akka isa tokkootti, saba isaatiif murtii qajeelaa ni kenna.
17 ダンは路の旁の蛇のごとく途邊にある蝮のごとし馬の踵を噛てその騎者をして後に落しむ
Daan bofa qarqara karaa ti; akka buutii daandii irraa, kan akka namichi farda yaabbatu gara duubaatti kufuuf kottee fardaa idduu ni taʼa.
18 ヱホバよわれ汝の拯救を待り
“Yaa Waaqayyo, ani fayyisuu kee nan eeggadha.
19 ガドは軍勢これにせまらんされど彼返てその後にせまらん
“Gaad weerartootaan ni dhaʼama; inni garuu faana buʼee isaan dhaʼa.
20 アセルよりいづる食物は美るべし彼王の食ふ美味をいださん
“Aasheer buddeenni isaa furdaa dha; inni mootiidhaaf nyaata tolaa ni kenna.
21 ナフタリは釋れたる麀のごとし彼美言をいだすなり
“Niftaalem borofa hiikamtee dha; dubbii gaariis ni dubbata.
22 ヨセフは實を結ぶ樹の芽のごとし即ち泉の傍にある實をむすぶ樹の芽のごとしその枝つひに垣を踰ゆ
“Yoosef muka wayinii ija qabeessa, muka wayinii ija qabeessa burqaa bishaaniitti dhiʼoo jiruu dha; dameen isaa dallaa irra yaaʼa.
23 射者彼をなやまし彼を射かれを惡めり
Warri iddaa qabatan waraana isatti banan; isatti futtaasan; isa jibbanis.
24 然どかれの弓はなほ勁くあり彼の手の臂は力あり是ヤコブの全能者の手によりてなり其よりイスラエルの磐なる牧者いづ
Garuu iddaan isaa jabaatee hafe; irreen harka isaa, harka Waaqa Jabaa Yaaqoobiin jabeeffame. Achiis Tiksee sanaan, Kattaa Israaʼeliin,
25 汝の父の神による彼なんぢを助けん全能者による彼なんぢを祝まん上なる天の福、下によこたはる淵の福、乳哺の福、胎の福、汝にきたるべし
Waaqa abbaa keetii isa si gargaaruun, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu isa eebba samii gubbaatiin, eebba gadi fagoo isa jalaatiin, eebba harmaatii fi gadameessaatiin si eebbisu sanaan ni eebbifamta.
26 父の汝を祝することはわが父祖の祝したる所に勝て恒久の山の限極にまでおよばん是等の祝福はヨセフの首に歸しその兄弟と別になりたる者の頭頂に歸すべし
Eebbi abbaa keetii, eebba tulluuwwan durii, arjummaa gaarran durii caala. Kun hundi mataa Yoosefiitti, gubbee mataa isa obboloota isaa keessaa hoogganaa taʼeetti haa qabatu.
27 ベニヤミンは物を噛む狼なり朝にその所掠物を啖ひ夕にその所攫物をわかたん
“Beniyaam yeeyyii baayʼee beelaʼee dha; ganama waan adamse itti gaggabee nyaata; galgala immoo boojuu hira.”
28 是等はイスラエルの十二の支派なり斯その父彼らに語り彼等を祝せりすなはちその祝すべき所にしたがひて彼等諸人を祝せり
Warri kunneen hundi gosoota Israaʼel kudha lamaan; kunis waan abbaan isaanii yeroo eebba tokkoo tokkoo isaaniif taʼuun isaan eebbisetti isaanitti dubbatee dha.
29 ヤコブまた彼等に命じて之にいひけるは我はわが民にくははらんとすヘテ人エフロンの田にある洞穴にわが先祖等とともに我をはうむれ
Ergasiis Yaaqoob akkana jedhee isaan ajaje; “Ani gara saba kootiitti walitti qabamuu gaʼeera; holqa lafa qotiisaa Efroon namicha gosa Heeti sanaatti abbootii koo biratti na awwaalaa.
30 その洞穴はカナンの地にてマムレのまへなるマクペラの田にあり是はアブラハムがヘテ人エフロンより田とともに購て所有の墓所となせし者なり
Holqi kunis holqa biyya Kanaʼaan keessatti Mamree biratti lafa qotiisaa Makfelaa keessatti argamu kan Abrahaam iddoo awwaalaa godhachuuf Efroon namicha gosa Heeti sana irraa lafa qotiisaa wajjin bitatee dha.
31 アブラハムとその妻サラ彼處にはうむられイサクとその妻リベカ彼處に葬られたり我またかしこにレアを葬れり
Abrahaamii fi niitiin isaa Saaraan achitti awwaalaman; Yisihaaqii fi niitiin isaa Ribqaan achitti awwaalaman; anis achumattan Liyaa awwaale.
32 彼田とその中の洞穴はヘテの子孫より購たる者なり
Lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru Heetota irraa bitaman.”
33 ヤコブその子に命ずることを終し時足を床に斂めて氣たえてその民にくははる
Yaaqoob akkuma ilmaan isaa ajajuu raawwateen miilla isaa siree irratti ol deebifatee hafuura dhumaa baafate; gara saba isaattis walitti qabame.

< 創世記 49 >