< 創世記 33 >

1 爰にヤコブ目をあげて視にエサウ四百人をひきゐて來しかば即ち子等を分ちてレアとラケルと二人の仕女とに付し
Yaaqoobis ol jedhee ilaalee kunoo Esaawu namoota dhibba afur wajjin utuu dhufaa jiruu arge; innis Liyaatti, Raahelii fi xomboreewwan lamaanitti ijoollee gargari hire.
2 仕女とその子等を前におきレアとその子等を次におきラケルとヨセフを後におきて
Xomboreewwanii fi ijoollee isaanii dura aanse; Liyaa fi ijoollee ishee itti aansee, Raahelii fi Yoosefin immoo dugda duuba buuse.
3 自彼等の前に進み七度身を地にかがめて遂に兄に近づきけるに
Ofii isaatii immoo isaan dura darbee hamma obboleessa isaa bira gaʼutti yeroo torba lafatti gad jedhee harka fuudhe.
4 エサウ趨てこれを迎へ抱きてその頸をかかへて之に接吻すしかして二人ともに啼泣り
Esaawu garuu Yaaqoobin simachuuf itti fiigee isa hammate; morma isaattis marmee isa dhungate. Isaan lachanuu walitti booʼan.
5 エサウ目をあげて婦人と子等を見ていひけるは是等の汝とともなる者は誰なるやヤコブいひけるは神が僕に授たまひし子なりと
Esaawus ol jedhee ilaalee dubartootaa fi ijoollee argee, “Warri si wajjin jiran kunneen eenyu?” jedhee gaafate. Yaaqoobis deebise, “Isaan ijoollee Waaqni arjummaadhaan ana garbicha keetiif kennee dha” jedhe.
6 時に仕女等その子とともに近よりて拜し
Xomboreewwanii fi ijoolleen isaanii dhiʼaatanii gad jedhanii harka fuudhan.
7 レアも亦その子とともに近よりて拜す其後にヨセフとラケルちかよりて拜す
Itti aansaniis Liyaa fi ijoolleen ishee dhufanii gad jedhanii harka fuudhan. Dhuma irratti immoo Yoosefii fi Raahel dhufanii gad jedhani harka fuudhan.
8 エサウ又いひけるは我あへる此諸の群は何のためなるやヤコブいふ主の目の前に恩を獲んがためなり
Esaawu, “Bushaayee fi loon ani argu kun hundi maali?” jedhee gaafate. Yaaqoobis, “Ani fuula kee fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuuf jedhee ti” jedhe.
9 エサウいひけるは弟よわが有ところの者は足り汝の所有は汝自ら之を有てよ
Esaawu immoo, “Yaa obboleessa koo ani waan na gaʼu qaba. Ati waan qabdu ofuma keetii hambifadhu” jedheen.
10 ヤコブいひけるは否我もし汝の目の前に恩をえたらんには請ふわが手よりこの禮物を受よ我汝の面をみるに神の面をみるがごとくなり汝また我をよろこぶ
Yaaqoobis akkana jedhe; “Maaloo akkas miti! Yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, kennaa kana na harkaa fudhadhu. Egaa amma ati fuula tolaadhaan na simatteerta; fuula kee arguun anaaf akkuma fuula Waaqaa arguutii.
11 神我をめぐみたまひて我が有ところの者足りされば請ふわが汝にたてまつる禮物を受よと彼に強ければ終に受たり
Sababii Waaqni natti arjoomee anis waan na barbaachisu hunda qabuuf maaloo kennaa ani siif fide kana fudhadhu.” Esaawus waan Yaaqoob cimsee isa kadhateef kennaa sana ni fudhate.
12 エサウいひけるは我等いでたちてゆかん我汝にさきだつべし
Esaawus, “Kottu karaa keenya itti fufnee haa deemnu; ani si dura nan buʼaa” jedhe.
13 ヤコブ彼にいひけるは主のしりたまふごとく子等は幼弱し又子を持る羊と牛と我にしたがふ若一日これを驅すごさば群みな死ん
Yaaqoob garuu akkana isaan jedhe; “Akka ijoolleen dadhaboo taʼanii fi akka anis hoolotaa fi saawwan hoosisaniif kunuunsa gochuu qabu ati gooftaan koo ni beekta. Horiin kunneen yoo guyyuma tokkoon jarjarsuudhaan oofaman hundi isaanii ni dhumu.
14 請ふわが主僕にさきだちて進みたまへ我はわが前にゆくところの家畜と子女に足にまかせて徐に導きすすみセイルにてわが主に詣らん
Gooftaan koo garbicha isaa dura darbee haa deemu; ani immoo hamman Seeʼiiritti gooftaa koo qaqqabutti akkuma humna bushaayee fuula koo dura jirutii fi akkuma humna ijoolleetti suuta jedhee nan deema.”
15 エサウいひけるは然ば我わがひきゐる人數人を汝の所にのこさんヤコブいひけるは何ぞ此を須んや我をして主の目の前に恩を得せしめよ
Esaawus, “Yoos namoota koo keessaa muraasa si biratti nan dhiisa” jedhe. Yaaqoob immoo, “Kun maaliif barbaachisaa? Fuula gooftaa koo duratti fudhatama argachuun qofti na gaʼa” jedhe.
16 是に於てエサウは此日その途にしたがひてセイルに還りぬ
Esaawus guyyuma sana karaa isaa irra Seeʼiiritti deebiʼe.
17 斯てヤコブ、スコテに進みて己のために家を建て又家畜のために廬を作れり是によりて其處の名をスコテ(廬)といふ
Yaaqoob garuu Sukooti dhaqee achitti ofii isaatiif mana ijaarrate; horii isaatiif immoo daasii ijaare. Kanaafuu iddoon sun Suukooti jedhame.
18 ヤコブ、パダンアラムより來りて恙なくカナンの地にあるシケムの邑に至り邑の前にその天幕を張り
Yaaqoob erga kaaba dhiʼa Phaadaan Arraamiitii deebiʼee booddee nagaan magaalaa Sheekem ishee biyya Kanaʼaan keessaa sana gaʼee fuula magaalattii dura qubate.
19 遂にその天幕をはりしところの野をシケムの父ハモルの子等の手により金百枚にて購とり
Innis lafa dunkaana isaa irra dhaabate sana ilmaan Hamoor irraa meetii dhibbaan bitate; Hamoor immoo abbaa Sheekem.
20 彼處に壇をきづきて之をエル、エロヘ、イスラエル(イスラエルの神なる神)となづけたり
Yaaqoobis achitti iddoo aarsaa ijaaree El Elohee Israaʼel jedhee moggaase.

< 創世記 33 >