< 創世記 23 >

1 サラ百二十七歳なりき是即ちサラの齡の年なり
Saaraan waggaa dhibba tokkoo fi digdamii torba jiraatte; barri jireenya Saaraas kanuma ture.
2 サラ、キリアテアルバにて死り是はカナンの地のヘブロンなりアブラハム至りてサラのために哀み且哭り
Isheenis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon biyya Kanaʼaan keessaa sanatti duute; Abrahaamis Saaraadhaaf gadduu fi booʼuudhaaf jedhee dhaqe.
3 斯てアブラハム死人の前より起ち出てヘテの子孫に語りて言けるは
Abrahaam reeffa niitii isaa biraa kaʼee Heetotaan akkana jedhe;
4 我は汝等の中の賓旅なり寄居者なり請ふ汝等の中にて我は墓地を與へて吾が所有となし我をして吾が死人を出し葬ることを得せしめよ
“Ani gidduu keessanitti ormaa fi keessummaa dha. Akka ani duʼaa koo itti awwaalladhuuf lafa awwaalaaf taʼu natti gurguraa.”
5 ヘテの子孫アブラハムに應て之に言ふ
Heetonnis akkana jedhanii Abrahaamii fi deebii kennan;
6 我主よ我等に聽たまへ我等の中にありて汝は神の如き君なり我等の墓地の佳者を擇みて汝の死人を葬れ我等の中一人も其墓地を汝にをしみて汝をしてその死人を葬らしめざる者なかるべし
“Gooftaa, nu dhagaʼi. Ati nu gidduutti shuumii jabaa dha. Duʼaa kee iddoo awwaala keenyaa keessaa kan akka malee filatamaa taʼetti awwaalladhu. Nu keessaa namni iddoo awwaala isaatti duʼaa kee awwaallachuu si dhowwatu tokko iyyuu hin jiru.”
7 是に於てアブラハム起ち其地の民ヘテの子孫に對て躬を鞠む
Abrahaamis ol kaʼee fuula namoota biyya sanaa fuula Heetotaa duratti gad jedhee harka fuudhe.
8 而して彼等と語ひて言けるは若我をしてわが死人を出し葬るを得せしむる事汝等の意ならば請ふ我に聽て吾ためにゾハルの子エフロンに求め
Akkanas isaaniin jedhe; “Ani duʼaa koo akkan awwaalladhu fedhii yoo qabaattan na dhagaʼaatii Efroon ilma Zoohar sana naa kadhadhaa.
9 彼をして其野の極端に有るマクペラの洞穴を我に與へしめよ彼其十分の値を取て之を我に與へ汝等の中にてわが所有なる墓地となさば善し
Innis holqa Makfelaa jedhamu kan qarqara lafa qotiisaa isaatti argamu sana natti ni gurgura. Inni iddoo awwaalaa sana gatii guutuudhaan fuula keessan duratti akka natti gurguruuf naa gaafadhaa.”
10 時にエフロン、ヘテの子孫の中に坐しゐたりヘテ人エフロン、ヘテの子孫即ち凡て其邑の門に入る者の聽る前にてアブラハムに應へて言けるは
Efroon Heetichi saba isaa gidduu taaʼaa ture; innis utuma Heetonni gara karra magaalaa isaa dhufan sun hundi dhagaʼanuu akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
11 吾主よ我に聽たまへ其野は我汝に與ふ又其中の洞穴も我之を汝に與ふ我吾民なる衆人の前にて之を汝にあたふ汝の死人を葬れ
“Gooftaa ko, akkana miti; mee na dhaggeeffadhu; ani lafa qotiisaa kana siif nan kenna; holqa achi jirus siif nan kenna; ani fuula saba koo duratti holqa kana siifin kenna; duʼaa kee itti awwaalladhu.”
12 是に於てアブラハム其地の民の前に躬を鞠たり
Abrahaam amma illee fuula saba biyya sanaa duratti gad jedhee harka fuudhee,
13 而して彼其地の民に聽る前にてエフロンに語りて言けるは汝若之を肯はば請ふ吾に聽け我其野の値を汝に償はん汝之を吾より取れ我わが死人を彼處に葬らん
utuma isaan dhagaʼanuu Efrooniin, “Yoo fedhii kee taʼe, na dhagaʼi. Ani gatii lafa qotiisaa kanaa nan kaffala. Akka ani duʼaa koo achitti awwaalladhuuf gatii kana na harkaa fudhadhu” jedhe.
14 エフロン、アブラハムに答て曰けるは
Efroonis akkana jedhee Abrahaamiif deebii kenne;
15 わが主よ我に聽たまへ彼地は銀四百シケルに當る是は我と汝の間に豈道に足んや然ば汝の死人を葬れ
“Gooftaa ko, mee na dhagaʼi; gatiin lafa kanaa meetii saqilii dhibba afur taʼa; garuu kun anaa fi si gidduutti maali? Duʼaa kee itti awwaalladhu.”
16 アブラハム、エフロンの言に從ひエフロンがヘテの子孫の聽る前にて言たる所の銀を秤り商買の中の通用銀四百シケルを之に與へたり
Abrahaamis waan Efroon dubbate sana fudhatee gatii inni utuma Heetonni dhagaʼanuu himate sana madaaleef; gatiin sunis akka madaalii daldaltoota yeroo sanaatti meetii saqilii dhibba afur ture.
17 マムレの前なるマクペラに在るエフロンの野は野も其中の洞穴も野の中と其四周の堺にある樹も皆
Akkasitti lafti qotiisaa Efroon kan fuula Mamree dura, Makfelaa keessa jiru sun jechuunis lafti qotiisaatii fi holqi isa keessa jiru, mukni daangaa lafa qotiisaa sana keessa jiru hundi,
18 ヘテの子孫の前即ち凡て其邑に入る者の前にてアブラハムの所有と定りぬ
fuula Heetota gara karra magaalaa dhufan hundaa duratti akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.
19 厥後アブラハム其妻サラをマムレの前なるマクペラの野の洞穴に葬れり是即ちカナンの地のヘブロンなり
Ergasii Abrahaam biyya Kanaʼaan keessa, holqa Makfelaa kan Mamree bira jechuunis Kebroon bira jiru sanatti niitii isaa Saaraa Awwaallate.
20 斯く其野と其中の洞穴はヘテの子孫之をアブラハムの所有なる墓地と定めたり
Akkasitti lafa qotiisaa sunii fi holqi achi keessaa akka lafa awwaalaa taʼuuf Heetota irraa akka dhaalaatti Abrahaamitti dabarfame.

< 創世記 23 >