< 創世記 2 >

1 斯天地および其衆群悉く成ぬ
Uumamni samiitii fi lafaa, kan waan isaan keessa jiru hundaas haala kanaan xumurame.
2 第七日に神其造りたる工を竣たまへり即ち其造りたる工を竣て七日に安息たまへり
Waaqni hojii hojjechaa ture hunda guyyaa torbaffaatti fixe; kanaafuu inni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote.
3 神七日を祝して之を神聖めたまへり其は神其創造爲たまへる工を盡く竣て是日に安息みたまひたればなり
Waaqni sababii gaafa sana hojii waa uumuu kan hojjechaa ture hunda irraa boqoteef guyyaa torbaffaa eebbisee qulqulleesse.
4 ヱホバ神地と天を造りたまへる日に天地の創造られたる其由來は是なり
Seenaan samiiwwaniitii fi lafaa kan yeroo isaan uumamanii, yeroo Waaqayyo Waaqni lafaa fi samiiwwan uumee kanaa dha.
5 野の諸の灌木は未だ地にあらず野の諸の草蔬は未生ぜざりき其はヱホバ神雨を地に降せたまはず亦土地を耕す人なかりければなり
Sababii Waaqayyo Waaqni bokkaa hin roobsiniif, namni lafa qotus waan hin jiraatiniif margi tokko iyyuu lafa irratti hin mulʼanne; biqiltuunis lafa qotiisaa irratti hin biqille ture.
6 霧地より上りて土地の面を遍く潤したり
Garuu bishaan lafa keessaa burqee lafa hunda obaasa ture.
7 ヱホバ神土の塵を以て人を造り生氣を其鼻に嘘入たまへり人即ち生靈となりぬ
Waaqayyo Waaqni biyyoo lafaa irraa nama tolche; hafuura jireenyaas funyaan isaatti baafate; namnis uumama jiraataa taʼe.
8 ヱホバ神エデンの東の方に園を設て其造りし人を其處に置たまへり
Waaqayyo Waaqnis Eeden keessatti gama baʼa biiftuutti iddoo biqiltuu qopheesse; nama tolche sanas achi keessa kaaʼe.
9 ヱホバ神觀に美麗く食ふに善き各種の樹を土地より生ぜしめ又園の中に生命の樹および善惡を知の樹を生ぜしめ給へり
Waaqayyo Waaqni mukkeen gosa hundaa lafa keessaa biqilche; inni mukkeen ija namaatti tolanii fi nyaataafis gaarii taʼan biqilche. Iddoo biqiltuu sana keessas muka jireenyaatii fi muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisutu ture.
10 河エデンより出て園を潤し彼處より分れて四の源となれり
Lagni iddoo biqiltuu sana obaasu tokkos Eeden keessaa burqa ture; lagni sun Eedenii kaʼee gargar baʼee laga afur taʼe.
11 其第一の名はピソンといふ是は金あるハビラの全地を繞る者なり
Maqaan laga tokkoffaa Phiishoon; innis guutummaa biyya Hawiilaa, iddoo warqeen jirutti naannaʼee yaaʼa.
12 其地の金は善し又ブドラクと碧玉彼處にあり
Warqeen biyya sanaa gaarii dha; hapheen urgaaʼuu fi sardooniksiin achitti argamu.
13 第二の河の名はギホンといふ是はクシの全地を繞る者なり
Maqaan isa lammaffaa Giihooni; innis guutummaa lafa Itoophiyaatti naannaʼee yaaʼa.
14 第三の河の名はヒデケルといふ是はアッスリヤの東に流るるものなり第四の河はユフラテなり
Maqaan laga sadaffaa Xegroosi; innis karaa baʼa biiftuutiin Asoor cina yaaʼa. Lagni afuraffaan immoo Efraaxiis jedhama.
15 ヱホバ神其人を挈て彼をエデンの園に置き之を埋め之を守らしめ給へり
Waaqayyo Waaqni akka inni isa misoomsuu fi akka inni isa eeguuf jedhee nama fuudhee Iddoo Biqiltuu Eeden keessa kaaʼe.
16 ヱホバ神其人に命じて言たまひけるは園の各種の樹の果は汝意のままに食ふことを得
Waaqayyo Waaqnis akkana jedhee nama ajaje; “Muka iddoo biqiltuu kana keessa jiru hunda irraa nyaachuu ni dandeessa;
17 然ど善惡を知の樹は汝その果を食ふべからず汝之を食ふ日には必ず死べければなり
garuu muka waan gaarii fi waan hamaa nama beeksisu sana irraa hin nyaatin; gaafa isa irraa nyaatte dhugumaan ni duutaatii.”
18 ヱホバ神言たまひけるは人獨なるは善らず我彼に適ふ助者を彼のために造らんと
Waaqayyo Waaqni, “Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf” jedhe.
19 ヱホバ神土を以て野の諸の獸と天空の諸の鳥を造りたまひてアダムの之を何と名るかを見んとて之を彼の所に率ゐいたりたまへりアダムが生物に名けたる所は皆其名となりぬ
Waaqayyo Waaqnis bineensaa fi simbirroota samii hundumaa lafa irraa tolche. Maqaa inni isaaniif baasu ilaaluuf jedhees gara namichaatti isaan fide; wanni namichi sun tokkoo tokkoo uumamawwan lubbu qabeeyyii ittiin waame kam iyyuu maqaa taʼeef.
20 アダム諸の家畜と天空の鳥と野の諸の獸に名を與へたり然どアダムには之に適ふ助者みえざりき
Namichi sunis horii qeʼee hundaaf, simbirroota samii hundaaf, bineensa hundaaf maqaa baase. Addaamiif garuu gargaartuun isatti toltu hin argamne.
21 是に於てヱホバ神アダムを熟く睡らしめ睡りし時其肋骨の一を取り肉をもて其處を填塞たまへり
Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche.
22 ヱホバ神アダムより取たる肋骨を以て女を成り之をアダムの所に携きたりたまへり
Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
23 アダム言けるは此こそわが骨の骨わが肉の肉なれ此は男より取たる者なれば之を女と名くべしと
Namichis akkana jedhe; “Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti; foon kunis foon foon kootii ti; isheen waan dhiira irraa argamteef ‘dubartii’ jedhamti.”
24 是故に人は其父母を離れて其妻に好合ひ二人一體となるべし
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
25 アダムと其妻は二人倶に裸體にして愧ざりき
Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.

< 創世記 2 >