< エゼキエル書 26 >
1 十一年の月の首の日にヱホバの言我にのぞみて言ふ
Waggaa kudha tokkoffaatti, jiʼa sana keessaa guyyaa jalqabaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe:
2 人の子よツロはヱルサレムの事につきて言り嗚呼心地よし諸の國民の門破る是我に移るならん我は豐滿になるべし彼は荒はてたりと
“Yaa ilma namaa, Xiiroos waaʼee Yerusaalem, ‘Baga! Karri sabootaa cabeera; balbalawwan ishees naaf banamaniiru; egaa amma waan isheen onteef ani nan sooroma’ jetteertii;
3 是故に主ヱホバかく言たまふツロよ我汝を攻め海のその波濤を起すが如く多くの國人を汝に攻きたらしむべし
kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yaa Xiiroos, kunoo ani sitti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii isaa kaasu sana anis saboota baayʼee sitti nan kaasa.
4 彼らツロの石墻を毀ちその櫓を倒さん我その塵を拂ひ去りて是を乾ける磐と爲べし
Isaan dallaa Xiiroos ni diigu; gamoo ishees ni jigsu; ani biyyoo ishee irraa haxaaʼee kattaa qullaa hafe ishee nan godha.
5 是は海の中の網を張る處とならん我これを言ばなりと主ヱホバいひたまふ是は諸の國人に掠めらるべし
Isheen galaana keessatti iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan ni taati; ani dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan. Isheen sabootaaf boojuu taati;
6 その野にをる女子等は劍に殺されん彼らすなはち我のヱホバなるを知べし
intallan ishee kanneen walakkaa biyyaa jiranis goraadeedhaan ajjeefamu. Ergasii isaan akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.
7 主ヱホバかく言たまふ視よ我王の王なるバビロンの王ネブカデネザルをして馬車騎兵群衆および多くの民を率て北よりツロに攻きたらしむべし
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani karaa kaabaatii Nebukadnezar mooticha Baabilon, mootii moototaa sana fardeenii fi gaariiwwan wajjin, abbootii fardaatii fi raayyaa waraanaa guddaa isaa wajjin Xiiroositti nan fida.
8 野にをる汝の女子等をば彼劍にかけて殺し又汝にむかひて雲梯を建て汝にむかひて壘を築き汝にむかひて干を備へ
Innis intallan kee kanneen biyya walakkaa jiran goraadeedhaan fixa; dallaa ittiin si marsu ijaarrata; hamma dallaa keetiitti biyyoo ol tuula; gaachana isaas sitti ol kaafata.
9 破城槌を汝の石垣に向けその斧をもて汝の櫓を打碎かん
Innis jirma ittiin waa diigan dallaa keetti garagalfata; gamoowwan kees miʼa lolaatiin diiga.
10 その衆多の馬の煙塵汝を覆はん彼等敝れたる城に入るごとくに汝の門々に入來らん時その騎兵と輪と車の聲のために汝の石垣震動べし
Fardeen isaas hamma awwaaraan si haguuguu dandaʼanitti gar malee baayʼee taʼu. Yeroo inni akkuma namoota magaalaa dallaan ishee diigame seenaniitti karrawwan keetiin ol seenutti dallaan kee didichuu fardeen waraanaatiin, kan gaariiwwan waraanaatii fi kan gaariiwwan kaaniitiin ni raafama.
11 彼その馬の蹄をもて汝の諸の衢を踏あらし劍をもて汝の民を殺さん汝の榮光の柱地に仆るべし
Kotteewwan fardeen isaa daandiiwwan kee hunda ni dhidhiitu; innis namoota kee goraadeedhaan ajjeesa; utubaawwan kee jajjaboonis ni jigu.
12 彼ら汝の財寶を奪ひ汝の商貨を掠め汝の石垣を打崩し汝の樂き舘を毀ち汝の石と木と土を水に沈めん
Isaan qabeenya kee boojiʼu; miʼa kee kan daldalaa ni saamu; dallaa kee ni jigsu; manneen kee mimmiidhagoo ni diigu; dhagaa kee, jirmaa fi biyyoo kee galaanatti naqu.
13 我汝の歌の聲を止めん汝の琴の音は復聞えざるべし
Ani sirba kee nan hambisa; sagaleen baganaa keetii siʼachi hin dhagaʼamu.
14 我汝を乾ける磐となさん汝は網を張る處となり再び建ことなかるべし我ヱホバこれを言ふと主ヱホバ言たまふ
Ani kattaa qullaa hafe si taasisa; atis iddoo itti kiyyoo qurxummii diriirsan taata. Ati gonkumaa deebifamtee hin ijaaramtu; ani Waaqayyo dubbadheeraatii, jedha Waaqayyo Gooftaan.
15 主ヱホバ、ツロにかく言たまふ島々汝の仆るる聲 手負の呻吟 および汝の中の殺戮によりて震動ざらんや
“Waaqayyo Gooftaan Xiiroosiin akkana jedha: Yeroo warri madaaʼan aadanii fi yeroo namni si keessatti qalamutti biyyoonni qarqara galaanaa sagalee jiguu keetiitiin hin hollatanii?
16 海の君主等皆その座を下り朝服を脱ぎ繡ある衣を去り恐懼を身に纏ひ地に坐し時となく怖れ汝の事を驚かん
Ilmaan moototaa kanneen qarqara galaanaa jiraatan hundi teessoo isaanii irraa ni buʼu; uffata isaanii lafa kaaʼu; wayyaa isaanii kan faayeffames of irraa baasu. Isaan sodaadhaan guutamanii daaraa irra taaʼanii utuu addaan hin kutin waan sirra gaʼe sanaan naasuudhaan hollatu.
17 彼ら汝の爲に哀の詞を擧て汝に言ふべし汝海より出たる住處名の高き邑自己もその居民も共に海に於て勢力ある者その凡の居民に己を恐れしむる者よ汝如何にして亡びたるや
Isaanis waaʼee keetiif akkana jedhanii faarsanii siif booʼu: “‘Yaa magaalaa beekamtuu, kan namoota galaanaatiin guutamte ati akkamitti barbadoofte! Ati lammiiwwan kee wajjin galaana irratti irree jabeettii turte; warra achi jiraatan hundas sodaa keetiin guutte.
18 それ島々は汝の仆るる日に震ひ海の島々は汝の亡ぶるに驚くなり
Gaafa ati jigdutti, biyyoonni qarqara galaanaa ni hollatu; jigaatii keetiinis biyyoonni bishaan gidduu kanneen galaanaan marfaman akka malee sodaatan.’
19 主ヱホバかく言たまふ我汝を荒たる邑となし人の住はざる邑々のごとく爲し洋海を沸あがらしめて大水に汝を掩沒しめん時
“Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Yommuu ani akka magaalaawwan namni keessa hin jiraannee magaalaa onte si taasisutti, yommuu ani tujuba sirra garagalchee bishaan guddaadhaan si haguugutti,
20 汝を墓に往る者等の所昔時の民の所に下し汝をして下の國に住しめ古昔よりの墟址に於て彼の墓に下れる者等とともに居しめ汝の中に復人の住こと无らしむべし而して我活る人の地に榮を創造いださん
ani gara namoota duriitti, warra boolla buʼan wajjin boolla sin buusa. Ani akkuma diigama duriitti, warra boolla buʼan wajjin akka ati lafa jala jiraattu sin godha; atis lammata hin deebitu yookaan biyya warra lubbuun jiranii keessatti iddoo hin argattu.
21 我汝をもて人の戒懼となすべし汝は復有ることなし人汝を尋るも終に汝を看ざるべし主ヱホバこれを言ふなり
Anis dhuma kee suukaneessaa nan godha; atis siʼachi hin jiraattu. Ati ni barbaadamta; garuu siʼachi hin argamtu, jedha Waaqayyo Gooftaan.”