< 申命記 6 >
1 是すなはち汝らの神ヱホバが汝らに敎へよと命じたまふところの誡命と法度と律法とにして汝らがその濟りゆきて獲ところの地にて行ふべき者なり
Ajajawwan, qajeelfamawwanii fi seerri isin yeroo biyya Yordaanos ceetanii dhaaltanitti eegdan kanneen akka ani isin barsiisuuf Waaqayyo Waaqni keessan na ajaje kanneenii dha;
2 是は汝と汝の子および汝の孫をしてその生命ながらふる日の間つねに汝の神ヱホバを畏れしめて我が汝らに命ずるその諸の法度と誡命とを守らしめんため又なんぢの日を永からしめんための者なり
kunis akka bara jireenya keessanii guutuu isin, ijoolleen keessanii fi ijoolleen ijoollee keessanii qajeelfamawwanii fi ajajawwan ani isiniif kennu hunda eeguudhaan Waaqayyo Waaqa keessan sodaattanii umuriin keessan dheeratuuf.
3 然ばイスラエルよ聽て謹んでこれを行へ然せば汝は福祉を獲汝の先祖の神ヱホバの汝に言たまひしごとく乳と蜜の流るる國にて汝の數おほいに増ん
Yaa Israaʼel dhagaʼi; akka biyya aannanii fi dammi keessaa burqu sana keessatti akkuma Waaqayyo Waaqni abbootii keetii si abdachiise sanatti sitti tolee guddaa baayʼattuuf ajajami.
4 イスラエルよ聽け我らの神ヱホバは惟一のヱホバなり
Yaa Israaʼel dhagaʼi; Waaqayyo Waaqni keenya Waaqayyo tokkicha.
5 汝心を盡し精神を盡し力を盡して汝の神ヱホバを愛すべし
Garaa kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa kee jaalladhu.
6 今日わが汝に命ずる是らの言は汝これをその心にあらしめ
Ajajawwan ani harʼa siif kennu kunneen garaa kee keessa haa jiraatan.
7 勤て汝の子等に敎へ家に坐する時も路を歩む時も寝る時も興る時もこれを語るべし
Ijoollee kees cimsii barsiisi. Yeroo mana teessu, yeroo karaa deemtu, yeroo ciiftuu fi yeroo dammaqxutti waaʼee isaanii odeessi.
8 汝またこれを汝の手に結びて號となし汝の目の間におきて誌となし
Akka mallattootti harkatti hidhadhu; adda kee irrattis maxxanfadhu.
Michichilawwan balbala mana keetiitii fi karrawwan kee irrattis isaan barreessi.
10 汝の神ヱホバその汝の先祖アブラハム、イサク、ヤコブにむかひて汝に與んと誓ひたりし地に汝を入しめん時は汝をして汝が建たる者にあらざる大なる美しき邑々を得させ
Yeroo Waaqayyo Waaqni kee biyya magaalaawwan gurguddaa fi babbareedoo kanneen ati hin ijaarin siif kennuuf gara biyya abbootii kee jechuunis Abrahaamiif, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakate sanatti si galchutti,
11 汝が盈せるに非る諸の佳物を盈せる家を得させ汝が堀たる者にあらざる堀井を得させたまふべし汝は食ひて飽ん
yeroo manneen miʼa gosa hundaa kan ati hin guutatiniin guutame, boolla bishaanii kan ati hin qotin, mukkeen wayiniitii fi ejersaa kanneen ati hin dhaabin siif kennamanii atis nyaattee quuftutti,
12 然る時は汝愼め汝をエジプトの地奴隸たる家より導き出ししヱホバを忘るる勿れ
ati akka Waaqayyo biyya Gibxi, biyya garbummaatii si baase sana hin daganne of eeggadhu.
13 汝の神ヱホバを畏れてこれに事へその名を指て誓ふことをすべし
Waaqayyoon Waaqa kee sodaadhu; isuma qofa tajaajili; maqaa isaatiinis kakadhu.
14 汝ら他の神々すなはち汝の四周なる民の神々に從ふべからず
Waaqota biraa jechuunis waaqota saboota naannoo keetii duukaa hin buʼin;
15 汝らの中にいます汝の神ヱホバは嫉妬神なれば恐くは汝の神ヱホバ汝にむかひて怒を發し汝を地の面より滅し去たまはん
sababii Waaqayyo Waaqni kee inni gidduu kee jiraatu sun Waaqa hinaafu taʼeef, aariin isaa sirratti bobaʼee lafa irraa si balleessa.
16 汝マツサにおいて試みしごとく汝の神ヱホバを試むるなかれ
Akka Maasaah keessatti gootan sana Waaqayyo Waaqa keessan hin qorinaa.
17 汝らの神ヱホバの汝らに命じたまへる誡命と律法と法度とを汝ら謹みて守るべし
Ajajawwan Waaqayyo Waaqa keessanii, qajeelfamawwanii fi seerawwan inni isiniif kenne akka gaariitti eegaa.
18 汝ヱホバの義と視善と視たまふ事を行ふべし然せば汝福祉を獲かつヱホバの汝の先祖に誓ひたまひしかの美地に入てこれを產業となすことを得ん
Akka sitti toluu fi akka biyya gaarii Waaqayyo abbootii keetiif kennuuf kakate sana seentee dhaaltuuf waan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa fi gaarii taʼe hojjedhu.
19 ヱホバまたその言たまひし如く汝の敵をことごとく汝の前より逐はらひたまはん
Ati akkuma Waaqayyo jedhe sanatti diinota kee hunda fuula kee duraa ni baafta.
20 後の日に至りて汝の子なんぢに問てこの汝らの神ヱホバが汝らに命じたまひし誡命と法度と律法とは何のためなるやと言ば
Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, “Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Waaqayyo Waaqni keenya isin ajaje kanaa maali?” jedhee si gaafate,
21 汝その子に告て言べし我らは昔エジプトにありてパロの奴隸たりしがヱホバ強き手をもて我らをエジプトより導き出したまへり
akkana jedhii itti himi; “Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Waaqayyo garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide.
22 即ちヱホバわれらの目の前において大なる畏るべき徴と奇蹟をエジプトとパロとその全家とに示したまひ
Waaqayyo fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete.
23 我らを其處より導き出して其曾て我等の先祖に誓ひし地に我らを入せて之を我らに與へたまへり
Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide.
24 而してヱホバ我らにこの諸の法度を守れと命じたまふ是われらをして我らの神ヱホバを畏れて常に幸ならしめんため又ヱホバ今日のごとく我らを守りて生命を保たしめんとてなりき
Waaqayyo akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Waaqayyo Waaqa keenya sodaannu nu ajaje.
25 我らもしその命ぜられたるごとく此一切の誡命を我らの神ヱホバの前に謹んで守らば是われらの義となるべしと
Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa.”