< 申命記 26 >
1 汝その神ヱホバの汝に與へて產業となさしめたまふ地にいりこれを獲てそこに住にいたらば
Ati yommuu biyya Waaqayyo Waaqni kee dhaala godhee siif kennutti galtee dhaaltee keessa qubattutti,
2 汝の神ヱホバの汝に與へたまへる地の諸の土產の初を取て筐にいれ汝の神ヱホバのその名を置んとて選びたまふ處にこれを携へゆくべし
midhaan lafa biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu irraa argattu hunda irraa mataa isaa fuudhiitii guuboo keessa kaaʼi. Ergasiis iddoo Waaqayyo Waaqni kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatu dhaqi;
3 而して汝當時の祭司に詣り之にいふべし我は今日なんぢの神ヱホバに申さん我はヱホバが我らに與へんと我らの先祖等に誓ひたまひし地に至れりと
luba yeroo sanatti hojii irra jiruun, “Ani biyya Waaqayyo akka nuu kennu abbootii keenyaaf waadaa galetti dhufuu koo harʼa fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nan labsa” jedhi.
4 然る時は祭司汝の手よりその筐をとりて汝の神ヱホバの壇のまへに之を置べし
Lubni sunis guuboo sana si harkaa fuudhee iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keetii dura ni kaaʼa.
5 汝また汝の神ヱホバの前に陳て言べし我先祖は憫然なる一人のスリア人なりしが僅少の人を將てエジプトに下りゆきて其處に寄寓をりそこにて終に大にして強く人口おほき民となれり
Atis Waaqayyo Waaqa kee duratti akkana jettee ni labsita; “Abbaan koo nama biyya Arraam kan asii fi achi godaanu ture; innis namoota xinnoo fudhatee Gibxitti gad buʼe; achis jiraatee saba guddaa, humna qabeessaa fi akka malee baayʼee taʼe.
6 然るにエジプト人我らに害を加へ我らを惱まし辛き力役を我らに負せたりしに因て
Warri Gibxi garuu nu hacuucuu fi nu dhiphisuudhaan hojii jabaa nutti feʼan.
7 我等先祖等の神ヱホバに向ひて呼はりければヱホバわれらの聲を聽き我らの艱難と勞苦と虐遇を顧みたまひ
Nu ergasii gara Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaatti iyyanne; Waaqayyos sagalee keenya dhagaʼee rakkina keenya, dadhabbii keenyaa fi hacuucamuu keenya arge.
8 而してヱホバ強き手を出し腕を伸べ大なる威嚇と徴證と奇跡とをもてエジプトより我らを導きいだし
Kanaafuu Waaqayyo harka jabaa fi irree diriirfameen, sodaachisa guddaadhaan, mallattoo fi dinqiidhaan Gibxii nu baase.
9 この處に我らを携へいりてこの地すなはち乳と蜜との流るる地を我らに賜へり
Iddoo kanattis nu fidee biyya aannanii fi damma baaftu kana nuuf kenne;
10 ヱホバよ今我なんぢが我に賜ひし地の產物の初を持きたれりと斯いひて汝その筐を汝の神ヱホバの前にそなへ汝の神ヱホバの前に禮拝をなすべし
ammas yaa Waaqayyo kunoo, ani midhaan lafa ati naa kennitee irraa mataa isaa fideera.” Guuboo sanas fuula Waaqayyo Waaqa keetii dura kaaʼiitii fuula isaa duratti gad jedhii sagadi.
11 而して汝は汝の神ヱホバの汝と汝の家に降したまへる諸の善事のためにレビ人および汝の中間なる旅客とともに樂むべし
Ati, Lewwonnii fi alagoonni gidduu kee jiraatan waan gaarii Waaqayyo Waaqni kee sii fi maatii keetiif kenne hundaan gammadaa.
12 第三年すなはち十に一を取の年に汝その諸の產物の什一を取りレビ人と客旅と孤子と寡婦とにこれを與へて汝の門の内に食ひ飽しめたる時は
Yommuu waggaa sadaffaatti jechuunis waggaa itti kennaa kudhan keessaa tokko baafamutti midhaan kee irraa erga kennaa kudhan keessaa tokko baaftee raawwatee booddee akka isaan magaalaawwan kee keessatti nyaatanii quufaniif Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenni.
13 汝の神ヱホバの前に言べし我は聖物を家より執いだしまたレビ人と客旅と孤子と寡婦とにこれを與へ全く汝が我に命じたまひし命令のごとくせり我は汝の命令に背かずまたこれを忘れざるなり
Ergasii Waaqayyo Waaqa keetiin akkana jedhi; “Ani akkuma ajaja kee kan ati na ajajje hundaatti qooda qulqulluu mana kootii baasee Lewwotaaf, alagootaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadhota hiyyeessaatiif kenneera. Ani ajajawwan kee irraa hin gorre yookaan tokkoo isaanii illee hin daganne.
14 我はこの聖物を喪の中に食ひし事なくをた汚穢たる身をもて之を携へ出しし事なくまた死人のためにこれを贈りし事なきなり我はわが神ヱホバの言に聽したがひて凡て汝が我に命じたまへるごとく行へり
Ani yeroon gadda irra tures kutaa qulqulluu sana irraa homaa hin nyaanne; yookaan ani yeroon xuraaʼetti isa irraa waan tokko illee hin fuune; warra duʼaniifis hin dhiʼeessine; ani Waaqayyo Waaqa kootiif ajajameera; waan ati na ajajje hundas hojjedheera.
15 願くは汝の聖住所なる天より臨み觀汝の民イスラエルと汝の我らに與へし地とに福祉をくだしたまへ是は我がわれらの先祖等に誓ひたまひし乳と蜜との流るる地なり
Samii irraa, iddoo jireenya keetii qulqulluu irraa gad ilaali; saba kee Israaʼelii fi biyya akkuma abbootii keenyaaf waadaa galtetti nuu kennite kan aannanii fi dammi keessaa burqu kana eebbisi.”
16 今日汝の神ヱホバこれらの法度と律法とを行ふことを汝に命じたまふ然ば汝心を盡し精心を盡してこれを守りおこなふべし
Waaqayyo Waaqni kee akka ati ajajawwanii fi seerawwan kanneen eegdu harʼa si ajaja; ati akka garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan isaan eegdu of eeggadhu.
17 今日なんぢヱホバを認めて汝の神となし且その道に歩みその法度と誡法と律法とを守りその聲に聽したがはんと言り
Ati akka Waaqayyo Waaqa kee taʼee fi akka karaa isaa irra deddeebitu, akka qajeelchawwan isaa, ajajawwanii fi seerawwan isaa eegdee isaaf ajajamtu harʼa dubbatteerta.
18 今日ヱホバまたその言しごとく汝を認めてその寶の民となし且汝にその諸の誡命を守れと言たまへり
Waaqayyos akkuma abdachiise sanatti akka ati saba isaatii fi qabeenya isaa taatee ajajawwan isaa hunda eegdu harʼa dubbateera.
19 ヱホバ汝の名譽と聲聞と榮耀とをしてその造れる諸の國の人にまさらしめたまはん汝はその神ヱホバの聖民となることその言たまひしごとくならん
Inni akka saboota uume hundaan olitti galataan, maqaa fi ulfinaan ol si kaasuu fi akkuma waadaa gale sanaatti akka ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluu taatu dubbateera.