< 申命記 24 >

1 人妻を取てこれを娶れる後恥べき所のこれにあるを見てこれを好まずなりたらば離縁状を書てこれが手に交しこれをその家より出すべし
Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu.
2 その婦これが家より出たる後往て他の人に嫁ぐことをせんに
Isheen erga mana isaatii baatee booddee yoo niitii nama biraa taate,
3 後の夫もこれを嫌ひ離縁状を書てその手にわたして之を家より出し又はこれを妻にめとれるその後の夫死るあるも
yoo dhirsi ishee lammaffaan ishee jibbee waraqaa hiikkaa barreessee kenneefii mana isaatii ishee baase yookaan yoo inni duʼe,
4 是は已に身を汚玷したるに因て之を出したるその先の夫ふたたびこれを妻にめとるべからず是ヱホバの憎みたまふ事なればなり汝の神ヱホバの汝に與へて產業となさしめたまふ地に汝罪を負すなかれ
dhirsi inni jalqabaa kan ishee hiike sun erga isheen xurooftee booddee deebiʼee ishee fuudhuun isaaf hin eeyyamamu. Wanni kun fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha. Ati biyya Waaqayyo Waaqni kee akka dhaalaatti siif kennutti cubbuu hin fidin.
5 人あらたに妻を娶りたる時は之を軍に出すべからずまた何の職務をもこれに任すべからずその人は一年家に間居してその娶れる妻を慰むべし
Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
6 人その磨礱を質におくべからず是その生命をつなぐ物を質におくなればなり
Ati dhagaa daakuutii fi majii isaa yookaan majii isaa qofa illee taanaan akka qabdiitti hin fudhatin; kun lubbuu namaa qabdii godhanii fudhachuu taʼaatii.
7 イスラエルの子孫の中なるその兄弟を拐帶してこれを使ひまたはこれを賣る人あるを見ばその拐帶者を殺し然して汝らの中より惡を除くべし
Namni tokko yoo obboleessa isaa kan gosa Israaʼel tokko hatee garbicha godhate yookaan gurgurate inni ajjeefamuu qaba. Ati waan hamaa gidduu keetii baasi.
8 汝癩病を愼み凡て祭司たるレビ人が汝らに敎ふる所を善く守りて行ふべし即ち我が彼らに命ぜしごとくに汝ら守りて行ふべし
Waaʼee nama lamxaaʼee garuu akkuma Lewwonni luboota taʼan qajeelcha siif kennan sanatti hojjechuu kee qalbeeffadhu. Ati waan ani isaan ajaje of eeggannaadhaan duukaa buʼuu qabda.
9 汝らがエジプトより出きたれる路にて汝の神ヱホバがミリアムに爲たまひしところの事を誌えよ
Waan Waaqayyo Waaqni kee erga isin biyya Gibxiitii baatanii booddee karaa irratti Miiriyaamitti fide sana yaadadhu.
10 凡て汝の鄰に物を貸あたふる時は汝みづからこれが家にいりてその質物を取べからず
Yommuu ollaa keetiif liqii gosa kamii iyyuu kennitutti waan inni akka qabdiitti siif kennu fudhachuudhaaf mana isaa hin seenin.
11 汝は外に立をり汝が貸たる人その質物を外に持いだして汝に付すべし
Ati ala turiitii namichi ati waa liqeessituuf sun qabdii siif kennu sana siif haa fidu.
12 その人もし困苦者ならば之が質物を留おきて睡眠に就べからず
Yoo namni sun hiyyeessa taʼe qabdii isaa of bira hin bulchin.
13 かならず日の入る頃その質物を之に還すべし然せばその人おのれの上衣をまとふて睡眠につくことを得て汝を祝せん是汝の神ヱホバの前において汝の義となるべし
Akka inni kootii isaa uffatee buluuf utuu aduun hin dhiʼin deebisiif. Innis si eebbisa; wanni kun immoo fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti akka hojii qajeelummaatti siif hedama.
14 困苦る貧き傭人は汝の兄弟にもあれ又は汝の地にてなんぢの門の内に寄寓る他國の人にもあれ之を虐ぐべからず
Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin.
15 當日にこれが値をはらふべし日の入るまで延すべからず其は貧き者にてその心にこれを慕へばなり恐らくは彼ヱホバに汝を訴ふるありて汝罪を獲ん
Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni Waaqayyoon sitti waammatee wanni kun cubbuu sitti taʼa.
16 父はその子等の故によりて殺さるべからず子等はその父の故によりて殺さるべからず各人おのれの罪によりて殺さるべきなり
Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.
17 汝他國の人または孤子の審判を曲べからずまた寡婦の衣服を質に取べからず
Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin.
18 汝誌ゆべし汝はエジプトに奴隸たりしが汝の神ヱホバ汝を其處より贖ひいだしたまへり是をもて我この事をなせと汝に命ずるなり
Ati akka biyya Gibxitti garbicha turtee fi akka Waaqayyo Waaqni kee achii si fure yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana hojjettuuf si ajajuufis kanuma.
19 汝田野にて穀物を刈る時もしその一束を田野に忘れおきたらば返りてこれを取べからず他國の人と孤子と寡婦とにこれを取すべし然せば汝の神ヱホバ凡て汝が手に作ところの事に祝福を降したまはん
Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf alagoota, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
20 汝橄欖を打落す時は再びその枝をさがすべからずその遺れる者を他國の人と孤子と寡婦とに取すべし
Yommuu ija muka ejersa keetii harcaaftuttis kan hafe funaannachuuf jettee hin deebiʼin; waan hafe sana alagaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
21 また葡萄園の葡萄を摘とる時はその遺れる者を再びさがすべからず他國の人と孤子と寡婦とにこれを取すべし
Yommuu ija iddoo dhaabaa wayinii keetii walitti qabduttis waan hafe funaannachuudhaaf hin deebiʼin. Waan hafe sana alagaadhaaf, ijoollee abbaa hin qabnee fi haadha hiyyeessaatiif dhiisi.
22 汝誌ゆべし汝はエジプトの國に奴隸たりしなり是をもて我この事を爲せと汝に命ず
Ati akka Gibxitti garbicha turte yaadadhu. Wanni ani akka ati waan kana gootu si ajajuufis kanuma.

< 申命記 24 >