< 歴代誌Ⅱ 14 >
1 アビヤその先祖等とともに寝りてダビデの邑に葬られその子アサこれに代りて王となれりアサの代になりて其國十年の間平穩なりき
Abiyaanis abbootii ofii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aasaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe; bara isaa keessas biyyattiin waggaa kudhan nagaadhaan jiraatte.
2 アサはその神ヱホバの目に善と視正義と視たまふ事を行へり
Aasaan waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii fi qajeelaa taʼe hojjete.
3 即ち異なる祭壇を取のぞき諸の崇邱を毀ち柱像を打碎きアシラ像を斫倒し
Innis iddoowwan aarsaa waaqota ormaa fi iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ni diige; soodduuwwan dhagaa fi siidaawwan Aasheeraa ni caccabse.
4 ユダに命じてその先祖等の神ヱホバを求めしめその律法と誡命を行はしめ
Akka sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaadu, akka seera isaa fi ajaja isaaf bulu ni ajaje.
5 ユダの一切の邑々より崇邱と日の像とを取除けり而して國は彼の前に平穩なりき
Magaalaawwan Yihuudaa hunda keessaas iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa ixaanaa balleesse; mootummaanis isa jalatti nagaadhaan ni jiraate.
6 彼また守衛の邑數箇をユダに建たり是はその國平安を得て此年頃戰爭なかりしに因る即ちヱホバ彼に安息を賜ひしなり
Innis waan biyyattiin nagaa argatteef Yihuudaa keessatti magaalaawwan dallaa jabaa qaban ni ijaare. Sababii Waaqayyo boqonnaa isaaf kenneef waggoota sana keessa namni tokko iyyuu lola isatti hin kaafne.
7 彼すなはちユダに言けるは我儕是等の邑を建てその四周に石垣を築き戌樓を起し門と門閂とを設けん我儕の神ヱホバを我儕求めしに因て此國なほ我儕の前にあり我ら彼を求めたれば四方において我らに平安を賜へりと斯彼ら阻滞なく之を建了たり
Innis namoota Yihuudaan akkana jedhe; “Kottaa nu magaalaawwan kanneen haa ijaarru; dallaa gamoo, cufaa fi danqaraawwan qabu itti naannessinee haa ijaarru; sababii nu Waaqayyo Waaqa keenya barbaanneef lafti kun ammas keenyuma; nu isa barbaanne; innis karaa hundaan boqonnaa nuuf kenne.” Isaan ni ijaaran; hojiin isaaniis ni milkaaʼeef.
8 アサの軍勢はユダより出たる者三十萬ありて楯と戈とを執りベニヤミンより出たる者二十八萬ありて小楯を執り弓を彎く是みな大勇士なり
Aasaan namoota Yihuudaa kanneen gaachana gurguddaa fi eeboo qabatan kuma dhibba sadii, namoota Beniyaam kanneen gaachana xixinnaa fi xiyyawwan qabatan kuma dhibba lamaa fi saddeettama qaba ture. Isaan kunneen hundi loltoota ciccimoo turan.
9 茲にエテオピア人ゼラ軍勢百萬人戰車三百輌を率ゐて攻きたりマレシヤに至りければ
Zeraan namichi Itoophiyaa tokko immoo loltoota miliyoona tokkoo fi gaariiwwan dhibba sadii fudhatee hamma Maareeshaatti isaanitti ni duule.
10 アサこれにむかひて進み出で共にマレシヤのゼパタの谷において戰爭の陣列を立つ
Aasaanis isatti baʼe; isaanis Sulula Zefaataa keessatti Maareeshaa iddoo lolaa qabatan.
11 時にアサその神ヱホバにむかひて呼はりて言ふヱホバよ力ある者を助くるも力なき者を助くるも汝においては異ること無し我らの神ヱホバよ我らを助けたまへ我らは汝に倚賴み汝の名に託りて往て此群集に敵るヱホバよ汝は我らの神にましませり人をして汝に勝せたまふ勿れと
Kana irratti Aasaan Waaqayyo Waaqa isaa waammatee akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo, kan akka kee namoota humna hin qabne gargaaree namoota jajjaboo jalaa baasu tokko iyyuu hin jiru. Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, nu sitti of kennineerraatii nu gargaari; maqaa keetiinis waraana akka malee guddaa kanatti duulleerra. Yaa Waaqayyo ati Waaqa keenya; akka namni sitti cimuuf ofitti hin dhiisin.”
12 ヱホバすなはちアサの前とユダの前においてエテオピア人を撃敗りたまひしかばエテオピア人逃はしりけるに
Waaqayyos fuula Aasaatii fi Yihuudaa duraa namoota Itoophiyoota ni dhaʼe; namoonni Itoophiyaas ni baqatan.
13 アサと之に從がふ民かれらをゲラルまで追撃り斯エテオピア人は倒れて再び振ふことを得ざりき其は彼等ヱホバとその軍旅に打敗られたればなりユダの人々の得たる掠取物は甚だ多りき
Aasaa fi loltoonni isaas hamma Geraaraatti isaan ariʼan. Waan Baayʼeen isaanii dhumaniif namoonni Itoophiyaa deebiʼanii bayyanachuu hin dandeenye; isaan fuula Waaqayyoo fi fuula loltoota isaa duratti barbadeeffamaniiruutii. Namoonni Yihuudaas boojuu baayʼee fudhatanii deebiʼan.
14 かれらはまたゲラルの四周の邑々を盡く撃やぶれり是その邑々ヱホバを畏れたればなり是において彼らその一切の邑より物を掠めたりしがその中より得たる掠取物は夥多かりき
Isaan sababii sodaachisni guddaan Waaqayyo biraa jaratti dhufeef gandoota naannoo Geraaraa jiran hunda barbadeessan. Isaanis sababii wantoonni boojiʼaman hedduun achi turaniif gandoota kanneen ni saaman.
15 また家畜のをる天幕を襲ふて羊と駱駝を多く奪ひ取り而してヱルサレムに歸りぬ
Akkasumas qubatawwan tiksootaa dhaʼanii karra hoolotaa fi reʼoota akka malee hedduu fi gaalawwan illee boojiʼanii fudhatan. Ergasiis Yerusaalemitti dachaʼan.