< 歴代誌Ⅱ 10 >

1 爰にレハベアム、シケムに往り其はイスラエルみな彼を王となさんとてシケムに到りたればたり
Rehooboʼaamis sababii Israaʼeloonni hundinuu mootii isa gochuudhaaf achi yaaʼaniif kaʼee Sheekem dhaqe.
2 ネバテの子ヤラベアムはさきにソロモン王の面を避てエジプトに逃れ居しがこのことを聞てエジプトより歸れり
Yerobiʼaam ilmi Nebaat yommuu oduu kana dhagaʼetti deebiʼee dhufe; inni Solomoon Mooticha jalaa baqatee Gibxi jiraachaa tureetii.
3 人衆人を遣はして之を招きたるなり斯てヤラベアムとイスラエルの人みな來りてレハベアムに語りて言けるは
Kanaafuu Yerobiʼaamitti nama erganii waamanii, innii fi Israaʼel hundinuu gara Rehooboʼaam dhaqanii akkana jedhaniin:
4 汝の父我らの軛を苦しくせり然ば汝今汝の父の苦しき役とその我らに蒙むらせたる重き軛を軽くしたまへ然れば我儕なんぢに事へん
“Abbaan kee waanjoo ulfaatu nurra kaaʼee ture; ati immoo amma hojii inni humnaan nu hojjechiise sanaa fi waanjoo ulfaataa inni nurra kaaʼe sana nuuf salphisi; nus si tajaajillaa.”
5 レハベアムかれらに言けるは汝ら三日を經て再び我に來れと民すなはち去り
Rehooboʼaam immoo deebisee, “Bultii sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedheen. Kanaafuu namoonni sun baʼanii deeman.
6 是においてレハベアム王その父ソロモンの生る間これが前に立たる老人等に計りて言けるは汝ら如何に敎へて此民に答へしむるや
Ergasiis Rehooboʼaam Mootichi maanguddoota bara jireenya isaa keessa abbaa isaa Solomoonin tajaajilaniin mariʼate. Innis, “Isin akka ani namoota kanaaf maal deebisu na gorsitu?” jedhee gaafate.
7 彼らレハベアムに語りて言けるは汝もし此民を厚く待ひ之を悦こばせ善言を之に語らば永く汝の僕たらんと
Isaanis, “Yoo ati saba kanaaf garaa laaftee isaan gammachiiftee deebii gaarii kenniteef, isaan yeroo hunda tajaajiltoota kee ni taʼu” jedhanii deebisaniif.
8 然るに彼その老人等の敎へし敎を棄て自己とともに生長て己の前に立ところの少年等と計れり
Rehooboʼaam garuu gorsa maanguddoonni kennaniif didee dargaggoota isa wajjin guddatan kanneen isa tajaajilan wajjin mariʼate.
9 即ち彼らに言けるは汝ら如何に敎へて我らをして此我に語りて汝の父の我らに蒙むらせし軛を軽くせよと言ふ民に答へしむるやと
Innis, “Gorsi keessan maal? Namoota, ‘Waanjoo abbaan kee nurra kaaʼe kana nuuf salphisi’ naan jedhan kanaaf akkamitti haa deebisnu?” jedhee isaan gaafate.
10 彼とともに生長たる少年等かれに語りて言けるは汝に語りて汝の父我らの軛を重くしたれば汝これを我らのために軽くせよと言たる此民に汝かく答へ斯これに言べし吾小指は我父の腰よりも太し
Dargaggoonni isa wajjin guddatan sunis akkana jedhanii deebisaniif; “Namoonni, ‘Abbaan kee waanjoo ulfaataa nurra kaaʼe; ati garuu waanjoo keenya nuu salphisi’ siin jedhan; ati amma akkana jedhiin; ‘Qubni koo xinnaan mudhii abbaa kootii irra furdaa dha.
11 我父は汝らに重き軛を負せたりしが我は更に汝らの軛を重くせん我父は鞭をもて汝らを懲せしが我は蠍をもて汝らを懲さんと
Abbaan koo waanjoo ulfaataa isin irra kaaʼe; ani immoo hammas caalaa iyyuu isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa.’”
12 偖またヤラベアムと民等は皆王の告て第三日に再び我にきたれと言しごとく第三日にレハベアムに詣りしに
Bultii sadii booddee akkuma mootichi, “Guyyaa sadii keessatti deebiʼaa gara koo kottaa” jedhe sana Yerobiʼaamii fi namoonni hundi gara Rehooboʼaamitti deebiʼan.
13 王荒々しく彼らに答へたり即ちレハベアム王老人の敎を棄て
Mootichi immoo afaan hamaadhaan deebii kenneef. Gorsa maanguddootaas didee,
14 少年の敎のごとく彼らに告て言けるは我父は汝らの軛を重くしたりしが我は更に之を重くせん我父は鞭をもて汝らを懲せしが我は蠍をもて汝らを懲さんと
gorsa dargaggootaa fudhatee, “Abbaan koo waanjoo keessan isinitti ulfaachise; ani immoo hammas iyyuu caalaa isinittan ulfaachisa. Abbaan koo qacceedhaan isin garafe; ani immoo torbaanqabaadhaanan isin garafa” jedhe.
15 王かく民に聽ことをせざりき此事は神より出たる者にしてその然るはヱホバかつてシロ人アヒヤによりてネバテの子ヤラベアムに告たる言を成就んがためなり
Kanaafuu mootichi namoota sana hin dhaggeeffanne; wanni kun akka dubbiin Waaqayyo karaa Ahiiyaa namicha biyya Shiiloo sanaatiin Yerobiʼaam ilma Nebaatitti dubbate sun raawwatamuuf Waaqayyo biraa dhufeetii.
16 イスラエルの民みな王の己に聽ざるを見しかば王に答へて言けるは我らダビデの中に何の分あらんやヱッサイの子の中には所有なしイスラエルよ汝ら各々その天幕に歸れダビデ族よ今おのれの家を顧みよと斯イスラエルは皆その天幕に歸れり
Israaʼel hundi yommuu akka mootichi isaan dhaggeeffachuu dide arganitti, akkana jedhanii mootichaaf deebii kennan: “Nu Daawit irraa qooda maalii qabna? Ilma Isseey irraas maal qabna? Yaa Israaʼel gara dunkaana keetii! Yaa Daawit atis mana kee eeggadhu!” Kanaafuu Israaʼeloonni hundi gara mana ofii isaaniitti deebiʼan.
17 但しユダの邑々に住るイスラエルの子孫の上にはレハベアムなほ王たりき
Israaʼeloota magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatan garuu Rehooboʼaamtu bulchaa ture.
18 レハベアム王役夫の頭なるアドラムを遣はしけるにイスラエルの子孫石をもてこれを撃て死しめたればレハベアム王急ぎてその車に登りてエルサレムに逃かへれり
Rehooboʼaam mootichis Hadooraam itti gaafatamaa hojjettoota hojii humnaa ni erge; Israaʼeloonni immoo dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan. Rehooboʼaam mootichi garuu ariitiidhaan gaarii ofii isaa yaabbatee jalaa miliqee Yerusaalemitti baqate.
19 是のごとくイスラエルはダビデの家に背きて今日にいたる
Kanaafuu Israaʼeloonni hamma harʼaatti mana Daawititti fincilaniiru.

< 歴代誌Ⅱ 10 >