< テモテへの手紙第一 4 >

1 されど御靈あきらかに、或 人の後の日に及びて、惑す靈と惡鬼の教とに心を寄せて、信仰より離れんことを言ひ給ふ。
Akka bara dhufuuf jiru keessa namoonni tokko tokko hafuurota sobaatii fi barsiisa hafuurota hamoo duukaa buʼuudhaan amantii dhiisan Hafuurri Qulqulluun ifa baasee dubbata.
2 これ虚僞をいふ者の僞善に由りてなり。彼らは良心を燒金にて烙かれ、
Barsiisni akkasiis karaa namoota fakkeessuudhaan sobanii warra qalbiin isaanii akka waan gubaan gubameetti hadoodeetiin dhufa.
3 婚姻するを禁じ、食を斷つことを命ず。されど食は神の造り給へる物にして、信じかつ眞理を知る者の感謝して受くべきものなり。
Isaanis fuudhaa fi heeruma dhowwu; nyaata Waaqni akka warri amananii fi warri dhugaa beekan galataan fudhatanii nyaataniif jedhee uume sanas akka namoonni lagatan ajaju.
4 神の造り給へる物はみな善し、感謝して受くる時は棄つべき物なし。
Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru;
5 そは神の言と祈とによりて潔めらるるなり。
inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
6 汝もし此 等のことを兄弟に教へば、信仰と汝の從ひたる善き教との言にて養はるる所のキリスト・イエスの良き役者たるべし。
Atis yoo wantoota kanneen obbolootatti himte, dubbii amantiitii fi barsiisa gaarii duukaa buʼaa turte sanaan bilchaattee tajaajilaa gaarii kan Kiristoos Yesuus taata.
7 されど妄なる談と老いたる女の昔話とを捨てよ、また自ら敬虔を修行せよ。
Oduu xuraaʼaa fi mammaaksa beeraa irraa fagaadhu; qooda kanaa nama Waaqaa taʼuuf of leenjisi.
8 體の修行もいささかは益あれど、敬虔は今の生命と後の生命との約束を保ちて凡ての事に益あり。
Leenjiin dhagnaa faayidaa xinnaa qabaatii; Waaqatti buluun garuu jireenya ammaatiifis jireenya dhufuuf jiruufis waan waadaa of keessaa qabuuf waan hundaaf fayyada.
9 これ信ずべく正しく受くべき言なり。
Jechi kun amanamaa fi kan guutumaan guutuutti fudhatamuu maluu dha.
10 我らは之がために勞しかつ苦心す、そは我ら凡ての人、殊に信ずる者の救主なる活ける神に望を置けばなり。
Sababii abdii keenya Waaqa jiraataa isa Fayyisaa nama hundaa keessumattuu kan warra isatti amananii taʼe sana irra kaaʼanneef nuus kanaaf jennee ni dadhabna; ni tattaaffannas.
11 汝これらの事を命じかつ教へよ。
Wantoota kanneen ajaji; barsiisis.
12 なんぢ年 若きをもて人に輕んぜらるな、反つて言にも、行状にも、愛にも、信仰にも、潔にも、信者の模範となれ。
Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.
13 わが到るまで、讀むこと勸むること教ふる事に心を用ひよ。
Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
14 なんぢ長老たちの按手を受け、預言によりて賜はりたる賜物を等閑にすな。
Kennaa kee isa yommuu jaarsoliin harka isaanii sirra kaaʼanitti karaa raajiitiin siif kenname sana hin dagatin.
15 なんぢ心を傾けて此 等のことを專ら務めよ。汝の進歩の明かならん爲なり。
Waan kanattis jabaadhu; akka namni hundinuu guddachuu kee arguufis guutumaan guututti itti of kenni.
16 なんぢ己とおのれの教とを愼みて此 等のことに怠るな、斯くなして己と聽く者とを救ふべし。
Jireenya keetii fi barsiisa kee eeggadhu. Ittis jabaadhu; waan kana gochuu keetiinis ofii keetii fi warra si dhagaʼan ni fayyiftaatii.

< テモテへの手紙第一 4 >