< 歴代誌Ⅰ 22 >

1 ダビデ言けるはヱホバ神の室は此なりイスラエルの燔祭の壇は此なりと
Ergasii Daawit, “Kun mana Waaqayyo Waaqaa ti; kun immoo iddoo aarsaa, aarsaan gubamu Israaʼeliif itti dhiʼeeffamuu dha” jedhe.
2 ダビデすなはち命じてイスラエルの地に居る異邦人を集めしめ又神の室を建るに用ふる石を琢ために石工を設けたり
Kanaafuu Daawit akka alagoonni Israaʼel keessa jiraatan walitti qabaman ajaje; isaan keessaas akka isaan ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif dhagaa soofame qopheessaniif warra dhagaa cabsan ni filate.
3 ダビデまた門の扉の釘および鎹に用ふる鐵を夥しく備へたり又銅を數しれぬほどに夥しく備へたり
Inni mismaara ittiin hundaa balbalaa hojjetanii fi miʼa ittiin walitti qabsiisan hojjechuudhaaf sibiila akka malee baayʼee fi naasii madaalliin isaa hamma hin qabne ni kenne.
4 また香柏を備ふること數しれず是はシドン人およびツロの者夥多しく香柏をダビデの所に運びきたりたればなり
Daawitis sababii warri Siidoonaatii fi warri Xiiroos birbirsa akka malee baayʼee isaaf fidaniif birbirsa baayʼinni isaa lakkaaʼamuu hin dandeenye ni kenne.
5 ダビデ言けるは我子ソロモンは少くして弱し又ヱホバのために建る室は極めて高大にして萬國に名を得榮を得る者たらざる可らず今我其がために準備をなさんとダビデその死る前に大に之が準備をなせり
Daawit akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon ijoollee dha; muuxannoo illee hin qabu. Manni Waaqayyoof ijaaramu kun immoo ulfina qabeessa, kan gurra qabuu fi kan fuula saboota hundaa duratti akka malee miidhagu taʼuu qaba. Kanaafuu ani isaaf qophii nan godha.” Akkasiin Daawit utuu hin duʼin qophii guddaa godhe.
6 而して彼その子ソロモンを召てイスラエルの神ヱホバのために家を建ることを之に命ぜり
Ergasii Daawit ilma isaa Solomoonin waamee akka inni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif mana ijaaru isa ajaje.
7 即ちダビデ、ソロモンに言けるは我子よ我は我神ヱホバの名のために家を建る志ありき
Daawitis Solomooniin akkana jedhe: “Yaa ilma ko, ani Maqaa Waaqayyo Waaqa kootiif mana ijaaruu yaadee ture.
8 然るにヱホバの言われに臨みて言り汝は多くの血を流し大なる戰爭を爲したり汝我前にて多の血を地に流したれば我名の爲に家を建べからず
Garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: ‘Ati dhiiga baayʼee dhangalaafteerta; lola hedduus lolteerta. Ati sababii fuula koo duratti dhiiga baayʼee lafa irratti dhangalaafteef Maqaa kootiif mana hin ijaartu.
9 視よ男子汝に生れん是は平安の人なるべし我これに平安を賜ひてその四周の諸の敵に煩はさるること無らしめん故に彼の名はソロモン(平安)といふべし彼の世に我平安と靜謐をイスラエルに賜はん
Kunoo ilmi tokko siif ni dhalata; innis nama boqonnaa ni taʼa; anis diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda irraa boqonnaa nan kennaaf. Maqaan isaas Solomoon jedhama; ani bara mootummaa isaa keessa Israaʼeliif nagaa fi tasgabbii nan kenna.
10 彼わが名のために家を建ん彼はわが子となり我は彼の父とならん我かれの國の祚を固うして永くイスラエルの上に立しめん
Namni Maqaa kootiif mana ijaaru isa. Inni ilma naaf taʼa; anis abbaa nan taʼaaf. Teessoo mootummaa isaas Israaʼel irratti bara baraan jabeessee nan dhaaba.’
11 然ば我子よ願くはヱホバ汝とともに在し汝を盛ならしめ汝の神ヱホバの室を建させて其なんぢにつきて言たる如くしたまはんことを
“Egaa yaa ilma ko, akkuma inni waaʼee kee dubbate sanatti akka mana Waaqayyo Waaqa keetii ijaaruun siif milkaaʼuuf Waaqayyo si wajjin haa taʼu.
12 惟ねがはくはヱホバ汝に智慧と穎悟を賜ひ汝をイスラエルの上に立て汝の神ヱホバの律法を汝に守らせたまはんことを
Akka ati yommuu inni Israaʼel irratti aangoo siif kennutti seera Waaqayyo Waaqa keetii eegduuf Waaqayyo ogummaa fi hubannaa siif haa kennu.
13 汝もしヱホバがイスラエルにつきてモーセに命じたまひし法度と例規を謹みて行はば汝旺盛になるべし心を強くしかつ勇め懼るる勿れ慄くなかれ
Akkasiin ati yoo ajajaa fi seera Waaqayyo karaa Museetiin Israaʼeliif kenne sana akka gaariitti eegde ni milkoofta. Jabaadhu; onnoomis. Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin.
14 視よ我患難の中にてヱホバの室のために金十萬タラント銀百萬タラントを備へまた銅と鐵とを數しれぬほど夥多しく備へたり又材木と石をも備へたり汝また之に加ふべし
“Kunoo, ani ijaarsa mana Waaqayyootiif warqee taalaantii kuma dhibba tokko, meetii taalaantii miliyoona tokko, naasii fi sibiila akka malee baayʼee kan madaalamuu hin dandeenye, mukaa fi dhagaa illee qopheessuu irratti akka malee dadhabeera. Atis itti dabaluu ni dandeessa.
15 かつまた工人夥多しく汝の手にあり即ち石や木を琢刻む者および諸の工作を爲すところの工匠など都てあり
Ati hojjettoota hedduu qabda; isaanis: warra dhagaa cabsan, warra mana dhagaa ijaaranii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban, akkasumas namoota ogummaa hojii gosa gosaa,
16 夫金銀銅鐵は數限りなし汝起て爲せ願くはヱホバ汝とともに在せと
kan hojii warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, ogeeyyii hojii harkaa warra lakkoobsi isaanii hin beekamne qabda. Egaa amma hojii jalqabi; Waaqayyos si wajjin haa taʼu.”
17 ダビデまたイスラエルの一切の牧伯等にその子ソロモンを助くることを命じて云く
Ergasii Daawit akka isaan ilma isaa Solomoon gargaaraniif dura buutota Israaʼel hunda ni ajaje.
18 汝らの神ヱホバなんぢらと偕に在すならずや四方において泰平を汝らに賜へるならずや即ちこの地の民を我手に付したまひてこの地はヱホバの前とその民の前に服せり
Akkanas isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin jira mitii? Inni gama hundaan boqonnaa isiniif kenneera mitii? Inni jiraattota biyya kanaa dabarsee natti kenneeraatii; biyyattiinis Waaqayyoo fi saba isaatiif garboomteerti.
19 然ば汝ら心をこめ精神をこめて汝らの神ヱホバを求めよ汝ら起てヱホバ神の聖所を建てヱホバの名のために建るその室にヱホバの契約の櫃と神の聖器を携さへいるべし
Amma Waaqayyo Waaqa keessan barbaaduuf garaa fi lubbuu keessan guutuudhaan kutadhaa kaʼaa. Akka taabota kakuu Waaqayyootii fi miʼoota qulqulluu kan Waaqaa fiddanii mana qulqullummaa kan Maqaa Waaqayyootiif ijaaramuuf jiru sanatti galchitaniif mana Waaqayyo Gooftaa ijaaruu jalqabaa.”

< 歴代誌Ⅰ 22 >