< 歴代誌Ⅰ 17 >
1 ダビデその家に住にいたりてダビデ預言者ナタンに言けるは觀よ我は香柏の家に住む然れどもヱホバの契約の櫃は幕の下にありと
Daawit erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
2 ナタン、ダビデに言けるは神なんぢとともに在せば凡て汝の心にある所を爲せ
Naataan immoo deebisee Daawitiin, “Waaqni si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
4 往てわが僕ダビデに言へヱホバかく言ふ汝は我ために我の住べき家を建べからず
“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti.
5 我はイスラエルを導びき上りし日より今日にいたるまで家に住しこと無して但幕屋より幕屋に移り天幕より天幕に遷れり
Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture.
6 我イスラエルの人々と共に歩みたる處々にて我わが民を牧養ふことを命じたるイスラエルの士師の一人にもなんぢ何故に香柏の家を我ために建ざるやと一言にても言し事ありや
Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
7 然ば汝わが僕ダビデに斯言べし萬軍のヱホバかく言ふ我なんぢを牧場より取り羊に隨がふ處より取て我民イスラエルの君長と爲し
“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
8 汝が凡て往る處にて汝と偕にあり汝の諸の敵を汝の前より斷されり我また世の中の大なる人の名のごとき名を汝に得させん
Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha.
9 かつ我わが民イスラエルのために處を定めて彼らを植つけ彼らをして自己の處に住て重て動くこと無らしめん
Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
10 又惡人昔のごとく即ち我民イスラエルの上に士師を立たる時より已來のごとく重ねて彼らを荒すこと無るべし我汝の諸の敵を圧服ん且今我汝に告ぐヱホバまた汝のために家を建ん
akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa. “‘Ani akka Waaqayyo mana siif ijaaru sittin hima:
11 汝の日の滿汝ゆきて先祖等と偕になる時は我汝の生る汝の子を汝の後に立て且その國を堅うせん
Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
13 我は彼の父となり彼はわが子となるべし我は汝の先にありし者より取たるごとくに彼よりは我恩惠を取さらじ
Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu.
14 却て我かれを永く我家に我國に居置ん彼の位は何時までも堅く立べし
Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’”
15 ナタン凡て是等の言のごとく凡てこの異象のごとくダビデに語りければ
Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
16 ダビデ王入てヱホバの前に坐して言けるはヱホバ神よ我は誰わが家は何なれば汝此まで我を導きたまひしや
Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali?
17 神よ是はなほ汝の目には小き事たりヱホバ神よ汝はまた僕の家の遥後の事を語り高き者のごとくに我を見俲たまへり
Yaa Waaqi, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte.
18 僕の名譽についてはダビデこの上何をか汝に望むべけん汝は僕を知たまふなり
“Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii.
19 ヱホバよ汝は僕のため又なんぢの心に循ひて此もろもろの大なる事を爲し此すべての大なる事を示たまへり
Yaa Waaqayyo, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta.
20 ヱホバよ我らが凡て耳に聞る所に依ば汝のごとき者は無くまた汝の外に神は無し
“Yaa Waaqayyo, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
21 地の何の國か汝の民イスラエルに如ん是は在昔神の往て贖ひて己の民となして大なる畏るべき事を行なひて名を得たまひし者なり汝はそのエジプトより贖ひいだせし汝の民の前より國々の人を逐はらひたまへり
Sabni akka saba kee Israaʼel kan Waaqni saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa?
22 而して汝は汝の民イスラエルを永く汝の民となしたまふヱホバよ汝は彼らの神となりたまへり
Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Yaa Waaqayyo, ati Waaqa isaanii taateerta.
23 然ばヱホバよ汝が僕とその家につきて宣まひし言を永く堅うして汝の言し如く爲たまへ
“Ammas yaa Waaqayyo, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
24 願くは汝の名の堅く立ち永久に崇められて萬軍のヱホバ、イスラエルの神はイスラエルに神たりと曰れんことを願くは僕ダビデの家の汝の前に堅く立んことを
kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Waaqa; inni Waaqa Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
25 我神よ汝は僕の耳に示して之が爲に家を建んと宣へり是によりて僕なんぢの前に祈る道を得たり
“Yaa Waaqa ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si kadhachuudhaaf ija jabina argateera.
26 ヱホバよ汝は即ち神にましまし此恩典を僕に傳たまへり
Yaa Waaqayyo, ati Waaqa! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
27 願くは今僕の家を祝福て汝の前に永く在しめたまへ其はヱホバよ汝の祝福たまへる者は永く祝福を蒙ればなり
Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa Waaqayyo sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama.”