< Umatiyu 9 >

1 Yeso ma ribe uzirgi umei ma kafa uraba udandang ma ha ukatar nahum, a ba sa ma uni.
Yesuus bidiruu yaabbatee galaana ceʼee gara magaalaa isaa dhufe.
2 A dusa a en unu koni uwono unu kira, ma rarri upenge. sa yeso ma ira u hem unu ruba muwe ma, ma gun me vana um nata iruba a vatte ucara uwe men.
Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii” jedhe.
3 Sa wa kunna ani me are anu nyirte udangara u musa wa wa gun ina cece unu ugeme mazin unu cara Asere a bangan.
Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan.
4 Yeso ma russi imum me sa wazin nu bassa me anu ruba, ma gun we, yanini ya wuna izin nu bassa imum ibur a mu ruba mushi me.
Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu?
5 Nyanini ireki a gun hu a vatte ucara uwe men nan a gun hu hira dusa?
‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
6 In nyara irusi vana unu mazin unu bari sa ma dake ma vette ucara unun une “ma dusa ma gun me zika upenge uwe me udusa akura”.
Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
7 Unu me ma hiri ma dusa akura ame. Sa ni gura nanu na ira anime wa kunna biyau, wa nenziko Asere sa a nya anu usandi uni gino nikara me.
Namichis kaʼee mana isaatti gale.
8 Sa Yeso ma re aje in tanu ma gurna nan uye sa a gusan me matiyu ma ciki ahira u kabsa ikirfi ima nyanga.
Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan.
9 Yeso ma gun me tarsam ma hiri matarsi me.
Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe.
10 Abini me sa Yeso mazin na re imum yare a kura a Matiyu, anu kabsa ikirfi imanyanga nan anu cara ababga gbardang wa eh wa cukuno nan me nan anu tarsa ume me.
Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan.
11 Sa anu bezi urussa wa ira ani me, wa gun anu tarsa ume me nyanini ya wuna unu dungara ushi me mazin nare imum yare nan anu kabsa ikirfi imanyanga nan anu carsa abangan?
Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
12 Sa Yeso ma kunna, ma gun we, “Ana ti kun wani wa nyarsa uka inzo ana ahuna ba.
Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
13 Hanani ika nyara urusa imum me sa ma buki shi, 'In nyara iruba ineze inzo u nya imum ba' Russani ma aye barki anu usizikime inzo barki any sa wa mu kem ba.
Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”
14 Abini me anu tarsa u Yohana unu baptismanwa eh a hira a Yeso wa iki me “Nyanini ya wuna haru nan anu bezi urusa ri wuza ba.
Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan.
15 Yeso ma kabirka ma gun we “iruba inyani itiyon ida kee i curno me a ma nyani matiyon me nan wee? Tiye ti eze sa adi ziki manyani matiyon me a ceki we. A bini me ani wayi ribe ucenti.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.
16 Unu ma da ke ma wuzi ubarka udibi ukusu in nitira ni so ba, ubarka me udi nyungurko udibi me, u janika kang u akki aje me.
“Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
17 Ba de sa ma di wu uwangu uso anyumo aru a kuzu, ingi ma a wunan aru me adi tuza, uwangu me ukpeko akuri a curso me. Uwangu uso awu uni aru aso. Ani me amda dirame uwangu me nan aru me ba.
Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”
18 Yeso ma ra anyumo ubo uwe ani me urunu ukatuma ka Asere ma eh ma tunguno ma gun me “Uca um mara wono aye dara me, ma di hiri”.
Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen.
19 Yeso ma hiri nan anu tarsa umeme wa dusa nan nunume.
Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe.
20 A bini me une sa ma kem tiwe belum unu koni umaye, ma dari me udibi ana dumo.
Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe.
21 Ma mu hem iruba, ingi ma dari me udibi umeme indi huma.
Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
22 Yeso ma gamirka ma iri me, ma gun me, “Nata iruba iwe me uca um uhem uwe me wa human hu” abini me une me ma huma
Yesuusis garagalee ishee ilaalee, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!” jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite.
23 Sa Yeso ma hana akura una katuma me, makem ani shuruwa nan anu unu gbejere.
Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti,
24 Ma gun we hirani abame uca me mazin moro mani daki ma wono ba. wa wu me tizuza ti bi izi.
“Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee” jedhe. Isaan garuu isatti kolfan.
25 Sa ma gido we ma ribe ma meki uca me tari, ma hiri.
Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte.
26 Abanga me a samirka vat a manganga me.
Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe.
27 Sa Yeso ma ceki ahira me, arubo wa re wa tarsi unu tisa ume inikara “usam u Dauda burau duru”.
Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.
28 Sa Yeso ma ribe ara kura, arubu wa tarsi me, ma gun we “ya hem in da ke ihuman shi? wa kabirka” ee Ugomo Asere.
Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif.
29 Ma dari aje a we me ma gun we “Adi human shi barki u hem ushi me”.
Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen.
30 Abini me aje awe me a pokkino, Yeso ma hunguko we titui “kati ibuki aye ba.
Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa” jedhee jabeessee isaan akeekkachiise.
31 Sa wa suro wa samirka a banga me vat a manyanga me.
Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.
32 A ehn uye sa ugbergene ma karti me tizi awe tantu dusa.
Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan.
33 Sa asusso ugbergene me unu me ma tubi tize. Anu sa wa gurna ahira me wa tubi gusa “Dakki ta mu ira ana me anyumo Isarila ba”.
Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan.
34 Anu bezi urusa wa gu “Ahap in nikara nu gomo agbergene nini ma suzo agnergene men.
Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.
35 Yeso ma tarsi tipinpin nan ti denge tini gura unu bo abanga urunta Asere, nanunu humza ana tikoni sassas.
Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme.
36 Sa ma ira anu wa gurna gbardang ma kunna ugogoni uwe barki ijassesa wazin unu same sarki unu benki, kasi item ige sa izome unu nakura.
Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.
37 Ma gun nanu tarsa ume me “katuma ka ori gbardang, ana katumame cingilin.
Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa.
38 Barki ani me ikko ni ugomo Asere ukatuma ma tumi innanu akatuma wa wuzi me katuma”.
Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”

< Umatiyu 9 >