< Uluka 19 >

1 Yeso ma ribe ma hai u hana ujeriko.
Yesuus Yerikoo seenee achi keessa darbaa ture.
2 Ure unu niza nimeme takka, ma zi ugomo u kabsa.
Namichi Zakkewoos jedhamu tokkos achi ture; innis hangafa warra qaraxa walitti qabaniitii fi sooressa ture.
3 Ma zin nu suu u ira Yeso, senke ma iri meba, barki ma zi kauf.
Innis Yesuus nama akkamii akka taʼe arguu barbaade; garuu gabaabaa waan tureef, sababii baayʼina namootaatiif isa arguu hin dandeenye.
4 Ma sumi aje ma nyene utiti ma iri Yeso, barki Yeso ma zinnu aka.
Yesuus waan karaa sana irra darbaa tureef, Zakkewoos isa arguuf jedhee fiigee dura darbee muka qilxuu tokko yaabe.
5 Sa Yeso ma eh a hira me, ma yeze aje ma iri zakka ma gu, “Aye debe, ka nime in di cukuno a kura awe me.
Yesuus yommuu iddoo sana gaʼetti ol milʼatee, “Yaa Zakkewoos, harʼa mana kee ooluun narra jiraatii dafii gad buʼi” jedheen.
6 Maa tuu debe debe, ma ziki me inna puru arum.
Innis yommusuma gad buʼee gammachuudhaan isa simate.
7 Sa anu vat wa iri we, wa wu bibukum innu gusa, “Ma hana akura unu madini”.
Namoonni hundinuu yommuu waan kana arganitti, “Inni keessummaa ‘Nama cubbamaa’ taʼuu dhaqe!” jedhanii guungumuu jalqaban.
8 Zakka ma tonno magu, “Una kura ira, ukasu uturunga tum in di nya dira, inka ma cuzo i uye, indi kurzo wen kani na nazi.
Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, “Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa” jedhe.
9 Yeso ma gu in me, “Ka nime, ubura unice wa eye akura ageme, barki me me vana u Ibrahim mani.
Yesuus deebisee akkana jedheen; “Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera.
10 Barki vana unubu ma eh unyara 'imum ige sa ya kurno me, ma buri anu sa wa hurno we'.
Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii.”
11 Sa wa kuna tize me vat, ma tunga no uboo tize ta nyimo barki ma eh mamu nan Urshalima, wa gusi akura Asere adi kem we debe.
Yesuusis utuma isaan waan kana dhagaʼaa jiranuu itti fufee, fakkeenya tokko isaanitti hime; kanas sababii inni Yerusaalemitti dhiʼaatee fi sababii namoonni waan mootummaan Waaqaa yeruma sana mulʼatu seʼaniif dubbate.
12 Ma gu ba! Ure unu ribe a mare ma nyanga a piit ma kabi akura a nice ni meme, makuri.
Innis akkana jedhe; “Namichi sanyii mootii tokko muudamee mootii taʼee deebiʼuuf biyya fagoo dhaqe.
13 Ma titi ukirau a nyimo anu rere me, ma nya we ikirfi ukirau, magu in we, gamara tarin wa be u aye umeme.
Namichi sunis garboota isaa keessaa nama kudhan waamee, ‘Hamma ani deebiʼutti maallaqa kanaan daldalaa’ jedhee minnaanii kudhan isaanitti kenne.
14 Senke anu ni pin me nyari me, wa timi aye adumo ameme, wa gu, “Wada hem unu ugeme ma cukuno ugomo uruba.
“Namoonni biyya isaa garuu isa jibbanii, ‘Akka namichi kun nurratti mootii taʼu hin feenu!’ jedhanii bakka buʼoota isaanii isa duubaan ergatan.
15 Ya cukuno ani me sa ma kuuri ma eh, makabi ni nonzo, ma dungurka arere me sa ma nyawe ikirfi me a hira a meme, barki ma rusi nyanini wakem a nyimo katuma me.
“Innis erga muudamee mootii taʼee deebiʼee booddee garboonni inni maallaqa itti kennee ture sun ittiin daldalanii maal akka argatan beekuuf jedhee nama itti ergee isaan waamsise.
16 Unutuba aye a hira ame magu unakura! Unu katuma kawe me ma kinki ikirfi inu kirau a hira igino me.
“Garbichi jalqabaa dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa kudhan dhaleera’ jedheen.
17 Una dandang magun me, “Gajiya, ureme uriri, barki wa wuzi katuma kang imum 'icin', udi kem nikara ni canta utibira tinu kirau.
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii, ati waan gaarii hojjette. Sababii ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateef, magaalaa kudhan irratti taayitaa qabaadhu’ jedheen.
18 Uhana ukure me, mangu unakura ukure uwe me ma kem ukinki mani ciibi.
“Garbichi lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee minnaanii gara biraa shan dhaleera’ jedheen.
19 Unu dandang magu, udi canti ti hira tinu ciibi.
“Gooftaan isaas deebisee, ‘Atis magaalaa shan irratti moʼi’ jedheen.
20 Uye ma eh magu, “Una kura! Kaba ikirfi iweme sa ma inki memerum a nyimo aturunga.
“Inni sadaffaan immoo dhufee akkana jedhe; ‘Yaa Gooftaa, minnaaniin kee kunoo ti; ani huccuudhaan maree dhokseen ture.
21 Barki ma kumna biyau bi we me barki hu unu buru mani. Uke uziki a hira sa daa wa inkon ba, uke u ari ahira sa da wa birin ba.
Ati gara jabeessa waan taateef ani sin sodaadhe; ati waan hin kaaʼatin fudhatta; waan hin facaasinis haammatta.’
22 Unu udandang magu in me, “Atize tiwe me indi weki tize we me hu uburu mani. Urusa me unu buru mani, uni zinsa imum sa daa ma inki ba, unnu oro igesa da ma bira ma.
“Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa nana; ani dubbuma afaan keetiitiin sittin mura; ati akka ani nama dabaa waan hin kaaʼatin fudhatu, waan hin facaasinis haammatu taʼe beekta mitii?
23 Barki nyanini da wa inki ikirfi um me a hira u inso ikirfi ba, barki inka uganiya u kurzo ikirfi akem ya yoo.
Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf maaliif maallaqa koo mana baankii naa hin kaaʼin ree?’
24 Unu udandang magu in nanu age sa wa turi upuru umeme. Kaba ni ikirfi inya a deesa anya manu kiran.
“Gooftichis warra achi dhadhaabataniin, ‘Minnaanii sana isa harkaa fuudhaatii namicha minnaanii kudhan qabuuf kennaa’ jedhe.
25 Wa gu imme, “Una kura'. Me mazin inu kirau.
“Isaanis deebisanii, ‘Yaa Gooftaa, inni duraanuu minnaanii kudhan qaba’ jedhaniin.
26 Ma buka shi, vat deesa mazin adi kinki men, senki deesa mazin adi kabi a hira ameme.
“Inni immoo deebisee akkana jedhe; ‘Ani isinittin hima; kan qabu hundaafuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama;
27 Senke anu ishina um, An deesa wada zo me innu suu a wuzi katuma ace a we me, ayen we a hira am ihu we aje am.
diinota koo kanneen akka ani isaan irratti mootii taʼu hin barbaadin immoo as fidaatii fuula koo duratti isaan gogorraʼaa.’”
28 Sa ma buki tizeme, ma meki una uhana Urshalima.
Yesuus erga waan kana dubbatee booddee Yerusaalemitti ol baʼuuf isaan dura deemaa ture.
29 Uganiya wa biki sa ma eh upuru u Betafaji na u Baitanya, a nipana sa a tisa ulivet, ma a tumi anu ware ana tarsa umeme.
Innis akkuma Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen tulluu Gaara Ejersaa jedhamu biraa sanatti dhiʼaateen barattoota isaa keessaa lama erge;
30 Magu, “hani a giro ukure me, inka ya ribe idi kem vana ubezenki sa daa amu tara me ucira ba, sopo ni bini i eh mini.
akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu. Isa hiikaatii as fidaa.
31 Inka uye ma iko shi nyani ya wuna izinni sopo ubini? Guna, “Una kura ma nyara bini”.
Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif hiiktu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada’ jedhaa.”
32 Anu age sa a tume we wa kem vana ubizenki gu ubuka u Yeso me.
Warri ergamanis dhaqanii waan hunda akkuma inni isaanitti himetti argatan.
33 Sa wa zinnu sopo u vana ubizenki me, unu ubini magu in we aneni izinnu sopo u bini?
Utuu isaan ilmoo harree sana hiikaa jiranuus warri harree sanaa, “Ilmoo harree kana maaliif hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
34 Waa gu, “Una kura ma zinmu suu ubini.
Isaanis, “Gooftaatu isa barbaada” jedhanii deebisan.
35 Wa ha in bini a hira Yeso, wa vete turunga tiwe me azesere a bini watari Yeso azesere me.
Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis harree sana irra buusan; Yesuusinis irra teessisan.
36 Sa ma ha, waa nati turunga tiwe uname.
Utuu inni deemuus namoonni uffata isaanii karaa irra afan.
37 Sa ma eh mamu ahira a ni pana ni o live ma tuu, vat anu tarsa umeme wa tunguno u tarsa ume unu. nonzo ume innu yeze agwiran barki vat katuma ka dandang sa wa iri.
Yeroo inni daandii Tulluu Ejersaa irraa gad buʼutti dhiʼaatettis, barattoonni hundi hojii dinqii arganii turan hundatti gammadanii, sagalee guddaan akkana jedhanii Waaqa galateeffachuu jalqaban.
38 Wa ga, “Ugomo ugongon mani sa ma di eh a nyimo aniza ni na kura. Apuru arum azesere nan ni nonzo ni dandang.
“Mootiin maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Nagaan samii irratti, ulfinnis ol gubbaatti!”
39 Aye anu rusa utize a nyimo anu agwardang wa gun me “Anu bezi utize, gwarika anu tarsa uwe me.
Namoota achi turan keessaas Fariisonni tokko tokko Yesuusiin, “Yaa Barsiisaa, barattoota kee ifadhu!” jedhan.
40 Yeso ma gu, “Ma buka shi in ka anu wa wu tik, apo adi yeze angiran.
Innis deebisee, “Ani isinittin hima; yoo isaan calʼisan illee dhagoonni ni iyyu” jedheen.
41 Sa Yeso ma biki a nipin, maa shii barki nipin me.
Yesuusis yommuu Yerusaalemitti dhiʼaatee magaalattii argetti ni booʼeef;
42 Magu, “Inka i nisa vat a tiye tigeme, ko shi me, imum sa i eze inna purum! Senke a humze uni aje ashi me.
akkanas jedhe; “Utuu atumti waan harʼa nagaa siif kennu beektee gaarii ture! Amma garuu ija kee duraa dhokfameera.
43 Ba! Tiye tide eh ace ashi me sa anushina ushi me wadi barka ugombi uhara uru, wadi kete shin wa noko shi ko uya uwatu.
Guyyoonni itti diinonni kee koobii sitti ijaaranii, si marsanii, karaa hundaanis baʼuu si dhowwan sitti ni dhufuutii.
44 Wadi vavi shi adizi nan na hana ashi me. Wa daa ciki nire nipo azesere anire ba, barki ya nyari uka ba me uganiya sa Asere ma nyari ubura ushi me.
Diinonni siʼii fi ijoollee kee warra dallaa kee keessa jiraatan biyyootti maku. Isaan dhagaa tokko dhagaa kaan irratti hin dhiisan; ati yeroo itti Waaqni gara kee dhufu hin beekneetii.”
45 Yeso marube a nyimo udenge Asere ma tun gono u suzo anu age sa wazin bi ziza ziza.
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra gurgurachaa turan ariʼuu jalqabe.
46 Magu in we. A nyettike a kura am adi cukuno a biringara, ya kurzo ani ubanku u cukuzono wa kari.
Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa taʼa’ jedhamee barreeffameera; isin garuu ‘Holqa saamtotaa’ gootaniirtu” isaaniin jedhe.
47 Ba! Yeso ma zinni beziza anu ko uya uwui a nyimo udenge wa Asere me. Una dang anu dungurka ma nan na nu rusa, nan na na aje wa nabu wa nyari wa hume.
Guyyuma guyyaanis mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture; luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi dura buʼoonni sabaa garuu isa ajjeesuudhaaf jabeessanii barbaadaa turan.
48 Senke daa wa kem una uwuza anime ba, senke vat anime sa wazi inna kumna ume memerum.
Taʼus isaan karaa ittiin isa ajjeesan hin arganne; namoonni hundinuu yaada tokkoon waan inni dubbate dhaggeeffachaa turaniitii.

< Uluka 19 >