< Matayo 5 >
1 U Yesu naewaliona iumbi, akahega akalongola Mulugulu, naewikie pihi, iamanyisigwa akwe akaza kitalakwe.
Yesuus yommuu namoota baayʼee argetti, tulluutti ol baʼee taaʼe. Barattoonni isaas gara isaa dhufan;
2 Akaligitya nukuamanyisa, akalunga,
innis isaan barsiisuu jalqabe. Akkanas jedhe:
3 “Bahu awa nia kia amunkolo kunsoko utemi wa kigulu wao.
“Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
4 Bahu niakite ikinyauwai, azizapumbuligwa.
Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii.
5 Bahu awa niapolo, kunsoko azizamisala ihi.
Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii.
6 Bahu awa niakite inzala ni nyota atai kunsoko azizalisigwa ikute.
Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha; isaan ni quufuutii.
7 Bahu awania hegelya imilanda nienso aziza hegeligwa.
Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii.
8 Bahu awa niankolo nza azemuona Itunda.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii.
9 Bahu awa niakaminkanya, nsoko nianso azezitangwa ana ang'wi Tunda.
Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
10 Bahu awa neitumigwa usese kunsoko atai, nsoko utemi wa kigulu wao.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
11 Bahu unye niantu akumutukila nukumitumya ubi, nukumligitya ubi nuteele kunsoko ane.
“Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.
12 Lowi nukulumbiilya kunsoko ikipegwa kanyu kikulu kigulu. Kunsoko inge uu aiaitumilya ubi ianyakidagu nia kali.
Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
13 Unye mi munyu wa unkumbigulu umunyu iga ulimilye umulyo wake, ukutula ne munyu hange? Singa ukutula uza kukintu nikingiza inge ukugung'wa kunzi nukupambatwa nimigulu aantu.
“Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.
14 Unye miwelu wa unkumbigulu. Ihi nizengilwe mulugulu nishalipihile.
“Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.
15 Iantu singa akakilya ulumule nukuluika pihi a nkapu, akumiika migulya, ikualika ihi niakoli munyumba.
Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna.
16 Leka uwelu wanyu welye kuntongeela aantu kunsoko aione intendo yanyu ninza hangi amukulye utata wanyu nuakigulu.
Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
17 Leki kusigiili kina ainzile gazanja uzipiili nia anyakidagu. Singa zegazanja zilekondanilya.
“Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne.
18 Kutai kumuila unkumbigulu nihi ihi ukile hangi kutile uzipiilya hata nung'wi, mpaka nuzetula wakondigwa.
Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
19 Kululo wihi nuibananga ilagiilyo ninino nilamalagiilyo aya nukuamanyisa kituma niangiza uu ukitangwa munino muutemi wa kigulu. Inge gwa wihi nuiambile nukuimanyisa ukitangwa muutemi wa kigulu.
Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.
20 Kunsoko numuie itai anyu igehite kumikelinkela itai a mafarisayo, shanga mukingile mtemi wa kigulu.
Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
21 Amigulu ikali ailambuwe kina leka, “kubulaga” numubulagi wihi ukole mubii wa ulamulya.
“Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’jedhame dhageessaniirtu.
22 Hangi kumuila wihi ni shumuloilwe muluna akwe ukutula ukole mubii wa ulamulwa. Hangi muntu wihi nukumuila umunyandugu wakwe kina shufaile! ukutula mubii wianza. Nuyu wihi nuilunga uwe wimupungu, ukutula mubii wa moto wamu jehanamu. (Geenna )
Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata. (Geenna )
23 Ang'wi ukupumya isongeelyo kuntongeela ikumbikilo, kunu aza mileile numunyandugu shamiungamie,
“Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte,
24 Lileke isongeelyo pa ntongeela pi kumbikilo, uambi nzila ende miungamile hanza numunyandugu wako, usuke uzupumye gwa isongeelyo.
kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.
25 Kayi igombi numilei wako munzila nimukili mulongoe kianza, hakamuhite kigombya umilei wako uhumile akuleke mumikono angwa mlamuli hangi ugung'we kukitungo.
“Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta.
26 Tai numuie shangaukulekelwa mpaka mulipe impia nimudaigwe.
Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.
27 Migule iligitigwe kina leka, “Kugoolya.”
“Isin akka, ‘Hin ejjin’jedhame dhageessaniirtu.
28 Numuie kina wihi nukumugoza umusungu nukumulowa wagoolya munkolo akwe.
Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
29 Ang'wi iliho lako nila mukono wako nua kigoha lenda kutwala muibe, liheje uligume kule nuewe, ikatula bahu muili unino ugung'we unukulu uguneke kugung'wa ku jehanamu. (Geenna )
Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii. (Geenna )
30 Ang'we umukono wa kigoha inda nsoko akukumpa uteme ugume kuli, sunga umuili nungiza uleke kugung'wa ku jehanamu. (Geenna )
Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya. (Geenna )
31 Itambuwe kina wihi nukumuzunsa umusungu wakwe ampe ikilingisilyo kutai na ulamulwa.
“Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’jedhameera.
32 Une numuie wihi nukumleka umusungu wakwe nsoko a ugoolya, ukutula wituma usambo. Hangi wihi nukumuhugela anga wapegwa ulamulwa wa tai ukutula wituma usambo.
Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
33 Hangi migule aitambuue kuantu ao niakali, leki kutambuli uteele, kululo twali itai anyu kumukulu.
“Ammas akka warra duriitiin, ‘Waan kakatte Gooftaadhaaf guuti malee sobaan hin kakatin’jedhame dhageessaniirtu.
34 Une numuie, leki kutambula hata niniino, ang'wi kigulu, nsoko kung'wanso kung'witunda.
Ani garuu isinittin hima; gonkumaa hin kakatinaa: samiidhaan hin kakatinaa; inni teessoo Waaqaatii;
35 Ang'wi mihi, nsoko wieka ituntu lakupambatilya impambatilyo yakwe ang'wi Yerusalemu, nsoko ingi kisali ni kamutemi numukulu.
yookaan lafaan hin kakatinaa; isheen ejjeta miilla isaatii; yookaan Yerusaalemiin hin kakatinaa; isheen magaalaa Mooticha Guddaatii.
36 Leka kulapa nitwe lako, kunsoko shukulipeula isingi ling'we litule lyelu ang'wi ilwaalu.
Mataa keetiinis hin kakatin; ati rifeensa tokko illee addeessuu yookaan gurraachesuu hin dandeessuutii.
37 Ingi gwa inkani yanyu, tai, tai, singau, singa u, kunsoko ayo nakangeelya ipuma kumulugu.
Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
38 Migule iligitigwe kina, liho na liho ni lino na lino.
“‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’akka jedhame dhageessaniirtu.
39 Une numuie leki inkungumi nu muntu nu mubii, anga wakukua ikunda nilamkono wa kigoha mupiuele nilulya.
Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi.
40 Ang'wi wihi nuloilwe kulongola nuewe kianza anga wakuhegelya inkanzu ako, muleke ni joho lao.
Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif.
41 Nuyu wihi nukuonyeelya kulongola muhinzo ung'we, longola nung'wenso mihinzo ibiili.
Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi.
42 Wihi nukulompa mpe, hangi uleke kumuhita uyu nutakile umukopise.
Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.
43 Migule iligitigwe mlowe umunyakisali wako, na umuhukilwe umubi wako.
“‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu.
44 Kululo numuie, alowi iabi anyu, alompeeli awa nimutasha.
Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
45 Ingi gwa mutule miano wang'wa tata wanyu nuakigulu, kunsoko wialikila ilyoa iabi niaza. Hangi wikuisa imbula kuabi niaza.
kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.
46 Anga mualowe ao nizamualoilwe nye, mipata kintu kii? Aiahoela mpia shaituma ne itii?
Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii?
47 Anga mulamushe ianyandugu anyu du mipata ntuni kua uya? Ianyakilungu shaituma ne uu?
Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii?
48 Kululo ihumikile mutule mia tai, anga utata wanyu nuakigulu nukoli mutai.
Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.