< Genesis 4 >

1 Kinaidda ti lalaki ti asawana a ni Eva. Nagsikog isuna ket impasngayna ni Cain. Kinuna ti babai, “Nangipasngayak iti lalaki babaen iti tulong ni Yahweh.”
Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin ilma tokko argadheera” jette.
2 Kalpasanna, impasngayna ti kabsat ni Cain a ni Abel. Ita, ni Abel ket nagbalin nga agpaspastor, idinto a ni Cain ket nagtrabaho iti daga.
Itti aansitees obboleessa isaa Abeelin deesse. Abeel tiksee hoolotaa ture; Qaayin immoo lafa qota ture.
3 Napasamak nga iti panaglabas ti tiempo, nangidatag ni Cain kadagiti bunga ti daga kas daton kenni Yahweh.
Yeroo muraasa keessatti Qaayin waan lafti baafteef keessaa Waaqayyoof aarsaa dhiʼeesse.
4 Ni Abel met ket nangidatag manipud kadagiti umuna nga annak ti arbanna ken kadagiti taba. Inawat ni Yahweh ni Abel ken ti datonna,
Abeel immoo hangafoota hoolota isaa keessaa cooma cooma isaa dhiʼeesse. Waaqayyo faara tolaadhaan gara Abeelii fi gara aarsaa inni dhiʼeesse sanaa ilaale.
5 ngem saanna nga inawat ni Cain ken ti datonna. Isu a nakaunget unay ni Cain, ket nagruppanget isuna.
Gara Qaayinii fi gara aarsaa isaa garuu hin ilaalle. Kanaafuu Qaayin akka malee aaree fuulli isaa gurraachaʼe.
6 Kinuna ni Yahweh kenni Cain, “Apay ngay met a makaunget ken nakaruppangetka?
Waaqayyos Qaayiniin akkana jedhe; “Ati maaliif aarte? Fuulli kees maaliif gurraachaʼe?
7 No ar-aramidem ti umno, saanka kadi nga awaten? Ngem no saanmo nga ar-aramiden ti umno, agur-uray ti basol iti ruangan ket tartarigagayannaka a tenglen, ngem masapul nga iturayam daytoy.”
Utuu waan qajeelaa hojjettee silaa ati fudhatama argatta mitii? Garuu yoo waan qajeelaa hojjechuu baatte cubbuun balbala kee duratti riphee si eeggata; si qabachuu barbaadas; ati garuu isa moʼachuu qabda.”
8 Nakisarita ni Cain iti kabsatna a ni Abel, ket kabayatan nga addada iti kataltalunan, dinuklos ni Cain ti kabsatna a ni Abel ket pinatayna isuna.
Qaayinis ergasii obboleessa isaa Abeeliin, “Kottu mee dirreetti baanaa” jedhe. Utuma dirree irra jiranuus Qaayin obboleessa isaa Abeelitti kaʼee isa ajjeese.
9 Kalpasanna, kinuna ni Yahweh kenni Cain, “Sadino ti ayan ti kabsatmo a ni Abel?” Kinunana, “Saanko nga ammo. Siak aya ti para-aywan iti kabsatko?”
Waaqayyos, “Obboleessi kee Abeel eessa jira?” jedhee Qaayin gaafate. Qaayin immoo, “Ani hin beeku; ani eegduu obboleessa kootiitii?” jedhee deebise.
10 Kinuna ni Yahweh, “Ania ti inaramidmo? Umaw-awag kaniak ti dara ti kabsatmo manipud iti daga.
Waaqayyo akkana jedhe; “Ati maal goote? Dhiigni obboleessa keetii lafaa natti iyyaa jira.
11 Ita, nailunodka iti daga, inungapna dagiti ngiwatna a mangawat iti dara ti kabsatmo manipud iti imam.
Ati amma abaaramaa dha; lafa dhiiga obboleessa keetii si harkaa fudhachuuf afaan banatte irraas ni ariʼamta.
12 Manipud ita, no sukayem ti daga, saanna nga ipaay ti pigsana kenka. Aglemmelemmeng ken agalla-allakanto iti daga.”
Yeroo ati lafa qotattutti lafti deebitee midhaan siif hin kennitu. Ati lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne taata.”
13 Kinuna ni Cain kenni Yahweh,” Ti dusak ket dakdakkel ngem iti kabaelak.
Qaayin immoo Waaqayyoon akkana jedhe; “Adabamuun koo waan ani baachuu dandaʼuun ol.
14 Pudno, iti daytoy nga aldaw ket pinatalawnakon manipud iti daytoy a daga ket mailemmengakto manipud iti rupam. Aglemmelemmeng ken agalla-allaakto iti daga, ket siasinoman a makasarak kaniak ket patayennak.”
Kunoo ati harʼa biyyaa na ariʼaa jirta; anis fuula kee duraa nan dhokadha; lafa irratti joortuu boqonnaa hin qabne nan taʼa; namni na argatu kam iyyuus na ajjeesa.”
15 Kinuna ni Yahweh kenkuana, “No addaman ti mangpapatay kenni Cain, mabalesto isuna iti maminpito a daras.” Kalpasanna, minarkaan ni Yahweh ni Cain, tapno saanto isuna a dangran ti siasinoman a tao a makasarak kenkuana.
Waaqayyo garuu, “Akkana miti; namni Qaayinin ajjeesu kam iyyuu dachaa torba haaloo baafama” jedheen. Waaqayyos akka namni isa argatu tokko iyyuu isa hin ajjeefneef Qaayinitti mallattoo godhe.
16 Isu a pimmanaw ni Cain manipud iti presensia ni Yahweh ket nagnaed iti daga iti Nod, iti daya iti Eden.
Ergasiis Qaayin fuula Waaqayyoo duraa baʼee Eeden irraa karaa baʼa biiftuutiin biyya Noodi keessa jiraate.
17 Kinaidda ni Cain ti asawana ket nagsikog. Impasngayna ni Enoc. Nangibangon isuna iti siudad ket pinanagananna daytoy nga insurotna iti nagan ti putotna a ni Enoc.
Qaayin niitii isaa beeke; isheenis ulfooftee Henookin deesse. Qaayinis magaalaa tokko hundeesse; magaalaa sanas Henook jedhee maqaa ilma isaatiin waame.
18 Naaddaan ni Enoc iti putot ket isu ni Irad. Naaddaan ni Irad iti putot ket isu ni Mehujael. Naaddan ni Mehujael iti putot ket isu ni Metusael. Naaddaan ni Metusael iti putot ket isu ni Lamec.
Henook Iiraadin dhalche; Iiraadi Meʼeelin dhalche; Mehuuyaaʼeel Matusaaʼelin dhalche; Matusaaʼel immoo Laamehin dhalche.
19 Dua iti inasawa ni Lamec: Ada ti nagan ti maysa ken Zilla met ti nagan ti maysa.
Laameh dubartoota maqaan isaanii Aadaa fi Xiilaa jedhamu lamaan fuudhe.
20 Impasngay ni Ada ni Jabal. Isuna ti ama dagiti agnanaed kadagiti tolda nga addaan kadagiti taraken nga ayup.
Aadaan Yaabaalin deesse; Yaabaalis abbaa warra dunkaana keessa jiraatanii horii horsiisanii ture.
21 Jubal ti nagan ti kabsatna a lalaki. Isuna ti ama dagiti agtuktukar iti arpa ken plauta.
Maqaan obboleessa isaa Yuubaal ture; inni immoo abbaa warra kiraara rukutaniitii fi ulullee afuufanii ti.
22 Ni Zilla met, impasngayna ni Tubal Cain, nga agpanpanday kadagiti alikamen a tanso ken landok. Ti kabsat a babai ni Tubal Cain ket ni Naama.
Xiilaan immoo ilma Tuubaal Qaayin jedhamu kan naasii fi sibiila tumee meeshaawwan garaa garaa hojjetu deesse; obboleettiin Tuubaal Qaayinis Naʼamaa turte.
23 Kinuna ni Lamec kadagiti assawana, “Ada ken Zilla, dummegkayo iti timekko; dakayo nga assawa ni Lamec, dumngegkayo iti ibagak. Ta nakapatayak iti lalaki gapu iti panangsugatna kaniak, maysa nga agtutubo a lalaki gapu ta dinunornak.
Laameh niitota isaatiin akkana jedhe; “Aadaa fi Xiilaan na dhagaʼaa; yaa niitota Laamehii dubbii koo dhaggeeffadhaa. Nama tokko waan inni na madeesseef, dargaggeessa tokko waan inni na miidheef ani isa ajjeeseera.
24 No ni Cain ket naibales iti naminpito a daras, pudno a maibales ni Lamec iti pitopulo ket pito a daras.”
Yoo Qaayiniif dachaa torba haaloon baafame Laamehiif immoo dachaa torbaatamii torba ni baafama.”
25 Kinaidda manen ni Adan ti asawana ket naganak iti maysa pay a lalaki. Pinanaganan ni Eva dayta iti Set ket kinunana, “Inikkannak ti Dios iti maysa pay nga anak a lalaki a kasukat ni Abel, ta pinatay isuna ni Cain.”
Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, “Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera” jettee “Seeti” jettee moggaafte.
26 Naaddaan ni Set iti putot ket pinanagananna iti Enos. Kalpasanna, ket inrugi dagiti tattao nga immawag iti nagan ni Yahweh.
Seetiifis ilmi ni dhalate; innis Enoosh jedhee isa moggaase. Bara sana namoonni maqaa Waaqayyoo waammachuu jalqaban.

< Genesis 4 >