< Dániel 12 >

1 És abban az időben támad Mikháél, a nagy vezér, a ki mellettük áll a te néped fiainak és lészen szorongatás ideje, milyen még nem volt, a mióta nemzet létezik, egészen addig az időig; és abban az időben meg fog menekülni a te néped, mindenki, a ki fölírva találtatik a könyvben.
“Yeroo sanatti Miikaaʼel hangafni ergamootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu.
2 És sokan a föld porában alvók közül föl fognak ébredni: ezek örök életre s amazok gyalázatra, örök undorodásra.
Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu.
3 De a belátók fényleni fognak, mint az égboltozat fénye, s azok, a kik sokakat igazságra visznek, mint a csillagok mind örökké.
Ogeeyyiin akkuma ifa samiiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.
4 Te pedig, Dániél, zárd el a szavakat s pecsételjed le a könyvet a vég idejéig: buzgólkodni fognak sokan és gyarapodik a tudás.
Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kitaaba maramaa cufiitii chaappessi. Namoonni baayʼeen beekumsa dabalachuuf asii fi achi fiigu.”
5 És láttam én, Dániél, s íme más ketten állnak, az egyik a folyó partján innen, a másik a folyó partján tulnan.
Ani Daaniʼel nan ilaale; kunoo fuula koo dura namoonni biraa lama dhadhaabatanii turan; tokko qarqara lagaa gamanaan, inni lammaffaan immoo qarqara lagaa gamasiin ture.
6 És mondta a lenbe öltözött férfiúnak, a ki a folyó vizein fölül volt: Meddig a csodák vége?
Isaan keessaa tokko namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatii ol jiruun, “Waantonni dinqii kunneen raawwatamuuf yeroo hammamtu hafa?” jedhe.
7 És hallottam a lenbe öltözött férfiút, ki a folyó vizein fölül volt s fölemelte jobbját s balját az ég felé s esküdött az örökké élőre: egy időszak, két időszak s egy félnek multáig; s midőn végkép szétzúzzák a szent nép hatalmát, bevégződnek mindezek.
Namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatiin ol ture sun harka isaa mirgaatii fi bitaa ol qabe; anis isaa, “Wanni kun baraan, barootaaf walakkaa baraatiif taʼa. Yeroo humni namoota qulqulluu dhuma irratti cabutti wanni kun hundi fiixaan baʼa” jedhee isa bara baraan jiraatu sanaan kakatu nan dhagaʼe.
8 Én hallottam ugyan, de nem értettem meg; és mondtam: Uram, mi ezeknek utólja?
Anis nan dhagaʼe; garuu hin hubanne. Kanaafuu ani, “Yaa gooftaa ko, dhumni waan kana hundaa maal taʼa?” jedheen gaafadhe.
9 Mondta: Menj, Dániél, mert bezárva, lepecsételve vannak a szavak a végnek idejéig.
Innis akkana jedhee deebise. “Yaa Daaniʼel, sababii hamma bara dhumaatti dubbiin sun chaappaan chaappeffameef ati karaa kee qabadhu.
10 Meg fognak válogattatni s fehérittetni s olvasztatni sokan és gonoszul cselekesznek; mind a gonoszok nem fognak érteni, de a belátók fognak érteni.
Namoonni baayʼeen ni qulqulleeffamu; warra hirʼina hin qabne ni taʼu; ni calalamus; hamoonni garuu ittuma fufanii hammaatu. Namoota hamoo keessaa tokko iyyuu hin hubatan; ogeeyyiin garuu ni hubatu.
11 És attól az időtől kezdve, hogy elvitetik az állandó áldozat és hogy elhelyezik a pusztitó undokságot ezerkétszázkilenczven nap.
“Gaafa aarsaan guyyaa guyyaatti dhiʼaatu hambifamee jalqabee hamma gaafa wanni jibbisiisaan badiisa fidu sun achi dhaabatuutti guyyoota 1,290 taʼa.
12 Boldog az, a ki vár s megéri az ezerháromszázharminczöt napot.
Namni obsee dhuma guyyoota 1,335 qaqqabu eebbifamaa dha.
13 Te pedig menj a vég felé, s nyugodni fogsz és fel fogsz támadni sorsodra a napok végén!
“Ati garuu hamma dhumaatti karaa kee qabadhu. Ati ni boqotta; dhuma barootaattis dhaala kee kan siif qoodame fudhachuuf ni kaata.”

< Dániel 12 >