< होशे 5 >

1 “हे पुरोहितो, यह बात सुनो! हे इस्राएलियो, ध्यान दो! राज घरानो, सुनो! यह न्याय तुम्हारे विरुद्ध है: तुम मिज़पाह में एक फंदा बन गये हो, ताबोर में बिछाये गये एक जाल हो.
“Isin luboonni waan kana dhagaʼaa! Israaʼeloonnis qalbeeffadhaa! Yaa mana mootii dhaggeeffadhu! Murtiin kun isinitti murama: Isin Miisphaatti kiyyoo, Taaboor irratti immoo xaxoo diriirsaa turtan.
2 विद्रोहियों ने घोर नरसंहार किया है, मैं उन सबको अनुशासित करूंगा.
Finciltoonni ajjeechaatti jabaataniiru. Ani isaan hunda nan adaba.
3 मैं एफ्राईम के बारे में सब कुछ जानता हूं; इस्राएल की बात मुझसे छिपी नहीं है. हे एफ्राईम, तुम वेश्यावृत्ति में लिप्‍त हो; इस्राएल भ्रष्‍ट हो गया है.
Ani waaʼee Efreem hunda beeka; Israaʼelis na duraa hin dhokattu. Yaa Efreem, ati amma sagaagaltummaatti deebiteerta; Israaʼelis xuraaʼeera.
4 “उनके काम उन्हें अपने परमेश्वर की ओर लौटने नहीं देते. वेश्यावृत्ति की आत्मा उनके दिल में है; वे याहवेह को नहीं मानते हैं.
“Hojiin isaanii akka isaan gara Waaqa isaaniitti deebiʼan hin eeyyamuuf. Hafuurri sagaagaltummaa garaa isaanii keessa jira; isaan Waaqayyoon hin beekan.
5 इस्राएल का घमंड उसी के विरुद्ध गवाही देता है; इस्राएली, और तो और एफ्राईम भी अपने पापों में लड़खड़ाते हैं; यहूदिया भी उनके साथ लड़खड़ाता है.
Of tuulummaan Israaʼel dhugaa isaanitti baʼa; Israaʼeloonni, Efreem mataan isaa iyyuu cubbuu isaanii keessatti gufatu; Yihuudaanis isaan wajjin gufata.
6 जब वे अपनी भेड़-बकरी और गाय-बैल के झुंड को लेकर याहवेह की खोज में जाते हैं, तो याहवेह उन्हें नहीं मिलते हैं; क्योंकि उन्होंने अपने आपको उनसे अलग कर लिया है.
Isaan yommuu Waaqayyoon barbaaduudhaaf bushaayee fi loon isaanii fudhatanii deemanitti, isa hin argatan; inni isaan dhiisee deemeeraatii.
7 उन्होंने याहवेह के साथ विश्वासघात किया है; वे अवैध बच्‍चे पैदा करते हैं. जब वे नये चांद के भोज का उत्सव मनाएंगे, तो वह उनके खेतों को निगल जाएगा.
Isaan Waaqayyoof amanamoo miti; seeraan ala ijoollee godhatu. Yeroo isaan Ayyaana Baatii Haaraa ayyaaneffatanitti inni lafa qotiisaa isaanii ni balleessa.
8 “गिबियाह नगर में तुरही बजाओ, रामाह नगर में नरसिंगा फूंको. बेथ-आवेन में युद्ध की घोषणा ऊंची आवाज में करो; हे बिन्यामिन, हमारी अगुवाई करो.
“Gibeʼaa keessatti malakata, Raamaa keessatti immoo gaanfa afuufaa. Beet Aawwen keessatti iyya lolaa dhageessisaa; yaa Beniyaam, ati dura qajeeli.
9 हिसाब करने के दिन एफ्राईम बेकार हो जाएगा. इस्राएल के गोत्रों के बीच मैं उसी बात की घोषणा करूंगा, जिसका होना निश्चित है.
Guyyaa ifannaatti Efreem ni ona. Ani gosoota Israaʼel gidduutti waan mirkanaaʼe nan labsa.
10 यहूदिया के अगुए उनके जैसे हैं जो सीमा के पत्थरों को हटाते हैं. उन पर मैं अपना कोप पानी के बाढ़ की तरह उंडेलूंगा.
Bulchitoonni Yihuudaa akkuma nama dhagaa daarii dhiibu tokkoo ti. Ani akkuma lolaa bishaanii dheekkamsa koo isaanitti gad nan lolaasa.
11 एफ्राईम सताया जाता है, न्याय में कुचला गया है, क्योंकि उसने मूर्तियों के पीछे जाने की ठानी है.
Efreem sababii waaqota tolfamoo duukaa buʼuu jaallateef akka malee hacuucamee murtiidhaan lafatti dhidhiitame.
12 मैं एफ्राईम के लिए कीड़े के समान, और यहूदाह के लोगों के लिए एक सड़न के जैसा हूं.
Ani Efreemitti akka bilii, Yihuudaatti immoo akka daanaʼoo ti.
13 “जब एफ्राईम ने अपनी बीमारी, और यहूदिया ने अपने घाव को देखा, तब एफ्राईम अश्शूर की तरफ गया, और बड़े राजा से सहायता की याचना की. परंतु वह तुम्हें न तो चंगा कर सकता है, और न ही तुम्हारे घावों को ठीक कर सकता है.
“Yommuu Efreem dhukkuba isaa, Yihuudaanis madaa isaa argetti, Efreem gara Asooritti garagalee mooticha guddaa gargaarsa kadhachuudhaaf nama itti erge. Inni garuu isin fayyisuu, madaa keessanis wayyeessuu hin dandaʼu.
14 क्योंकि एफ्राईम के लिए मैं एक सिंह के जैसा, और यहूदाह के लिए एक बड़े सिंह के जैसा हो जाऊंगा. मैं उन्हें फाड़कर टुकड़े-टुकड़े कर दूंगा और चला जाऊंगा; मैं उन्हें उठाकर ले जाऊंगा, और उन्हें छुड़ाने वाला कोई न होगा.
Ani Efreemitti akkuma leencaa, Yihuudaattis akkuma saafela leencaa nan taʼa. Ani gargar isaan ciccireen biraa deema; ani isaan guureen deema; namni isaan oolchus hin jiru.
15 जब तक वे अपने अपराध को मान नहीं लेते और मेरी ओर लौट नहीं आते मैं अपने स्थान में नहीं लौटूंगा; अपनी दुर्गति के समय वे मन लगाकर मेरी खोज करेंगे.”
Ergasii ani hamma isaan balleessaa isaanii fudhatanitti iddoo kootti nan deebiʼa. Isaan fuula koo barbaaddatu; rakkoo isaanii keessatti jabaatanii na barbaaddatu.”

< होशे 5 >