< זכריה 9 >

משא דבר יהוה בארץ חדרך ודמשק מנחתו כי ליהוה עין אדם וכל שבטי ישראל׃ 1
Raajiin dubbii Waaqayyoo biyya Hadraakitti ni dhufa; Damaasqoo irras ni buʼa; iji namoota hundaa fi gosoota Israaʼel hundaa gara Waaqayyo ni ilaalaatii;
וגם חמת תגבל בה צר וצידון כי חכמה מאד׃ 2
akkasumas gara Hamaati ishee daangaa irraa, isaan ogeeyyii taʼan iyyuu gara Xiiroosii fi Siidoonaas ni ilaala.
ותבן צר מצור לה ותצבר כסף כעפר וחרוץ כטיט חוצות׃ 3
Xiiroos daʼannoo jabaa ijaarratteerti; meetii akka awwaaraatti, warqees akkuma kosii daandii irraatti tuullateerti.
הנה אדני יורשנה והכה בים חילה והיא באש תאכל׃ 4
Gooftaan garuu qabeenya ishee irraa fuudhee humna ishee galaana irratti barbadeessa; isheenis ibiddaan dhumti.
תרא אשקלון ותירא ועזה ותחיל מאד ועקרון כי הביש מבטה ואבד מלך מעזה ואשקלון לא תשב׃ 5
Ashqaloon waan kana argitee ni sodaatti; Gaazaan immoo dhukkubsattee aaddi; Eqroonis akkasuma taati; abdiin ishee coollageeraatii. Gaazaan mootii ishee ni dhabdi; Eqroonis ontee hafti.
וישב ממזר באשדוד והכרתי גאון פלשתים׃ 6
Namoonni ormaa Ashdoodin ni qabatu; anis of tuulummaa Filisxeemotaa nan balleessa.
והסרתי דמיו מפיו ושקציו מבין שניו ונשאר גם הוא לאלהינו והיה כאלף ביהודה ועקרון כיבוסי׃ 7
Ani dhiiga afaan isaanii keessa jiru, nyaata dhowwames ilkaan isaanii gidduudhaa nan baasa. Warri hafanis kan Waaqa keenyaa taʼanii Yihuudaa keessattis bulchitoota taʼu; Eqroon immoo akka warra Yebuusotaa ni taati.
וחניתי לביתי מצבה מעבר ומשב ולא יעבר עליהם עוד נגש כי עתה ראיתי בעיני׃ 8
Ani garuu loltuu cabsitee seentu mana koo irraa nan dhowwa. Lammata hacuuccuun saba koo irra hin burraaqxu; ani amma dammaqee nan eegaatii.
גילי מאד בת ציון הריעי בת ירושלם הנה מלכך יבוא לך צדיק ונושע הוא עני ורכב על חמור ועל עיר בן אתנות׃ 9
Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi! Yaa Intala Yerusaalem iyyi! Kunoo mootiin kee qajeelaan, fayyina qabatee, gad of qabee harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.
והכרתי רכב מאפרים וסוס מירושלם ונכרתה קשת מלחמה ודבר שלום לגוים ומשלו מים עד ים ומנהר עד אפסי ארץ׃ 10
Ani gaariiwwan lolaa Efreem keessaa, fardeen lolaas Yerusaalem keessaa nan balleessa; iddaan waraanaas ni caccaba. Inni sabootatti nagaa ni labsa; bulchiinsi isaa galaana tokkoo irraa hamma galaana biraatti, Laga Efraaxiisiitii hamma daarii lafaatti balʼata.
גם את בדם בריתך שלחתי אסיריך מבור אין מים בו׃ 11
Siʼi immoo, sababii dhiiga kakuu ani si wajjin qabuutiif hidhamtoota kee ani boolla bishaan hin qabne keessaa baasee gad nan dhiisa.
שובו לבצרון אסירי התקוה גם היום מגיד משנה אשיב לך׃ 12
Yaa hidhamtoota abdii qabdan, daʼannoo keessanitti deebiʼaa; ani ammas harka lama godhee isiniif nan deebisa.
כי דרכתי לי יהודה קשת מלאתי אפרים ועוררתי בניך ציון על בניך יון ושמתיך כחרב גבור׃ 13
Ani akkan iddaa koo dabsadhutti Yihuudaa dabsee Efreem keessa nan guuta. Yaa Xiyoon, ani ilmaan kee ilmaan Giriikitti nan kaasa; siʼi immoo akka goraadee goota tokkoo nan godhadha.
ויהוה עליהם יראה ויצא כברק חצו ואדני יהוה בשופר יתקע והלך בסערות תימן׃ 14
Waaqayyo isaan irratti ni mulʼata; xiyyi isaa akka bakakkaa ni balaqqisa. Waaqayyo Gooftaan malakata ni afuufa; inni bubbee kibbaatiin deema;
יהוה צבאות יגן עליהם ואכלו וכבשו אבני קלע ושתו המו כמו יין ומלאו כמזרק כזויות מזבח׃ 15
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu isaan eega. Isaan dhagaa furrisaatiin barbadeessanii moʼatu. Isaan akkuma daadhii wayinii dhuganii akkuma waciitii ittiin golee iddoo aarsaatti facaasaniitti ni guutamu.
והושיעם יהוה אלהיהם ביום ההוא כצאן עמו כי אבני נזר מתנוססות על אדמתו׃ 16
Akkuma tikseen bushaayee isaa oolchu sana, Waaqayyo Waaqni isaanii gaafas saba isaa ni oolcha. Isaan akkuma faaya gonfoo irraatti biyya isaa keessatti ni calaqqisu.
כי מה טובו ומה יפיו דגן בחורים ותירוש ינובב בתלות׃ 17
Isaan akkam nama hawwatu! Akkamis miidhagu! Midhaan dargaggoota, daadhiin wayinii haaraan immoo shamarran jajjabeessa.

< זכריה 9 >