< תהילים 36 >
למנצח לעבד יהוה לדוד נאם פשע לרשע בקרב לבי אין פחד אלהים לנגד עיניו׃ | 1 |
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo. Ani waaʼee cubbamootaa, ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.
כי החליק אליו בעיניו למצא עונו לשנא׃ | 2 |
Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
דברי פיו און ומרמה חדל להשכיל להיטיב׃ | 3 |
Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
און יחשב על משכבו יתיצב על דרך לא טוב רע לא ימאס׃ | 4 |
Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.
יהוה בהשמים חסדך אמונתך עד שחקים׃ | 5 |
Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
צדקתך כהררי אל משפטך תהום רבה אדם ובהמה תושיע יהוה׃ | 6 |
Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
מה יקר חסדך אלהים ובני אדם בצל כנפיך יחסיון׃ | 7 |
Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
ירוין מדשן ביתך ונחל עדניך תשקם׃ | 8 |
Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
כי עמך מקור חיים באורך נראה אור׃ | 9 |
Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; nu ifa keetiin ifa argina.
משך חסדך לידעיך וצדקתך לישרי לב׃ | 10 |
Jaalala kee warra si beekaniif, qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
אל תבואני רגל גאוה ויד רשעים אל תנדני׃ | 11 |
Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
שם נפלו פעלי און דחו ולא יכלו קום׃ | 12 |
Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!