< תהילים 21 >

למנצח מזמור לדוד יהוה בעזך ישמח מלך ובישועתך מה יגיל מאד׃ 1
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada. Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
תאות לבו נתתה לו וארשת שפתיו בל מנעת סלה׃ 2
Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta; kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
כי תקדמנו ברכות טוב תשית לראשו עטרת פז׃ 3
Ati eebba guddaadhaan isa simatte; gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
חיים שאל ממך נתתה לו ארך ימים עולם ועד׃ 4
Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
גדול כבודו בישועתך הוד והדר תשוה עליו׃ 5
Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
כי תשיתהו ברכות לעד תחדהו בשמחה את פניך׃ 6
Ati eebba bara baraa kenniteef; akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
כי המלך בטח ביהוה ובחסד עליון בל ימוט׃ 7
Mootichi Waaqayyoon amanataatii; sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
תמצא ידך לכל איביך ימינך תמצא שנאיך׃ 8
Harki kee diinota kee hunda ni qabata; harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
תשיתמו כתנור אש לעת פניך יהוה באפו יבלעם ותאכלם אש׃ 9
Yeroo mulʼachuu keetiitti, akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota. Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa; ibiddis isaan fixa.
פרימו מארץ תאבד וזרעם מבני אדם׃ 10
Ati sanyii isaanii lafa irraa, ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
כי נטו עליך רעה חשבו מזמה בל יוכלו׃ 11
Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan, yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
כי תשיתמו שכם במיתריך תכונן על פניהם׃ 12
Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti, akka isaan baqatan gootaatii.
רומה יהוה בעזך נשירה ונזמרה גבורתך׃ 13
Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi; nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.

< תהילים 21 >