< תהילים 15 >
מזמור לדוד יהוה מי יגור באהלך מי ישכן בהר קדשך׃ | 1 |
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata? Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
הולך תמים ופעל צדק ודבר אמת בלבבו׃ | 2 |
Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi nama waan qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
לא רגל על לשנו לא עשה לרעהו רעה וחרפה לא נשא על קרבו׃ | 3 |
kan arraba isaatiin nama hin hamanne, nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
נבזה בעיניו נמאס ואת יראי יהוה יכבד נשבע להרע ולא ימר׃ | 4 |
kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju, yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
כספו לא נתן בנשך ושחד על נקי לא לקח עשה אלה לא ימוט לעולם׃ | 5 |
nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha. Namni wantoota kanneen hojjetu, gonkumaa hin raafamu.