< תהילים 141 >

מזמור לדוד יהוה קראתיך חושה לי האזינה קולי בקראי לך׃ 1
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi. Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.
תכון תפלתי קטרת לפניך משאת כפי מנחת ערב׃ 2
Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.
שיתה יהוה שמרה לפי נצרה על דל שפתי׃ 3
Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; balbala afaan kootiis naa eegi.
אל תט לבי לדבר רע להתעולל עללות ברשע את אישים פעלי און ובל אלחם במנעמיהם׃ 4
Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin, hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf, gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin; akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.
יהלמני צדיק חסד ויוכיחני שמן ראש אל יני ראשי כי עוד ותפלתי ברעותיהם׃ 5
Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii; inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti. Mataan koo waan kana hin didu. Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.
נשמטו בידי סלע שפטיהם ושמעו אמרי כי נעמו׃ 6
Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu; isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.
כמו פלח ובקע בארץ נפזרו עצמינו לפי שאול׃ (Sheol h7585) 7
Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana, lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu. (Sheol h7585)
כי אליך יהוה אדני עיני בכה חסיתי אל תער נפשי׃ 8
Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu; ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.
שמרני מידי פח יקשו לי ומקשות פעלי און׃ 9
Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa, kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.
יפלו במכמריו רשעים יחד אנכי עד אעבור׃ 10
Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman; ani garuu nagumaan nan baʼa.

< תהילים 141 >