< תהילים 13 >
למנצח מזמור לדוד עד אנה יהוה תשכחני נצח עד אנה תסתיר את פניך ממני׃ | 1 |
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
עד אנה אשית עצות בנפשי יגון בלבבי יומם עד אנה ירום איבי עלי׃ | 2 |
Ani hamma yoomiittin rakkina obsee guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
הביטה ענני יהוה אלהי האירה עיני פן אישן המות׃ | 3 |
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
פן יאמר איבי יכלתיו צרי יגילו כי אמוט׃ | 4 |
diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
ואני בחסדך בטחתי יגל לבי בישועתך׃ | 5 |
Ani garuu araara kee nan amanadha; garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
אשירה ליהוה כי גמל עלי׃ | 6 |
Ani Waaqayyoof nan faarfadha; arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.