< נחמיה 6 >

ויהי כאשר נשמע לסנבלט וטוביה ולגשם הערבי וליתר איבינו כי בניתי את החומה ולא נותר בה פרץ גם עד העת ההיא דלתות לא העמדתי בשערים׃ 1
Ani hamma yeroo sanaatti cuftuu balbalaa itti galchuu baadhu illee Sanbalaax, Xoobbiyaan, Gesheem namicha Arabaa sanaa fi diinonni keenya biraan akka ani dallaa sana deebisee ijaaree iddoon hin ijaaramin tokko iyyuu hin hafin dhageenyaan
וישלח סנבלט וגשם אלי לאמר לכה ונועדה יחדו בכפירים בבקעת אונו והמה חשבים לעשות לי רעה׃ 2
Sanbalaaxii fi Gesheem, “Kottu mee gandoota dirree Oonoo irra jiran keessaa isa tokko keessatti wal arginaa” jedhanii ergaa kana natti ergan. Isaan garuu na miidhuuf malachaa turan;
ואשלחה עליהם מלאכים לאמר מלאכה גדולה אני עשה ולא אוכל לרדת למה תשבת המלאכה כאשר ארפה וירדתי אליכם׃ 3
kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; “Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?”
וישלחו אלי כדבר הזה ארבע פעמים ואשיב אותם כדבר הזה׃ 4
Isaan ergaadhuma tokko siʼa afur natti ergan; anis siʼa afranuu deebiidhuma tokkon kenneef.
וישלח אלי סנבלט כדבר הזה פעם חמישית את נערו ואגרת פתוחה בידו׃ 5
Sanbalaaxis ergaadhuma sana garbicha isaa tokkoon yeroo shanaffaa natti erge; garbichi sunis xalayaa hin cufamin tokko harkaa qaba ture.
כתוב בה בגוים נשמע וגשמו אמר אתה והיהודים חשבים למרוד על כן אתה בונה החומה ואתה הוה להם למלך כדברים האלה׃ 6
Xalayichis akkana jedha: “Akka atii fi Yihuudoonni finciluu barbaaddan uummata keessatti odeeffameera; Gesheemis kanuma mirkaneessa. Wanni isin dallaa ijaartaniifis kanuma; akka oduu kanaatti ati mootii isaanii taʼuu barbaadda;
וגם נביאים העמדת לקרא עליך בירושלם לאמר מלך ביהודה ועתה ישמע למלך כדברים האלה ועתה לכה ונועצה יחדו׃ 7
ati akka isaan, ‘Yihuudaa keessa mootii tokkotu jira!’ jedhanii waaʼee kee Yerusaalem keessatti labsaniif raajota muudatteerta. Oduun kun gara mootichaatti ni deebiʼa; kanaafuu kottu wajjin ni mariʼannaa.”
ואשלחה אליו לאמר לא נהיה כדברים האלה אשר אתה אומר כי מלבך אתה בודאם׃ 8
Kana irratti ani, “Wanni akka waan ati dubbattu kanaa tokko illee hin hojjetamne; ati matuma kee keessaa fuutee dubbattaa” jedheen deebiseef.
כי כלם מיראים אותנו לאמר ירפו ידיהם מן המלאכה ולא תעשה ועתה חזק את ידי׃ 9
Isaan hundi, “Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu” jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan. Ani garuu, “Amma harka koo naa jajjabeessi” jedheen Waaqa kadhadhe.
ואני באתי בית שמעיה בן דליה בן מהיטבאל והוא עצור ויאמר נועד אל בית האלהים אל תוך ההיכל ונסגרה דלתות ההיכל כי באים להרגך ולילה באים להרגך׃ 10
Anis gaaf tokko mana Shemaaʼiyaa ilma Delaayaa, ilma Maheexabiʼeel kan manuma ofii isaa keessatti itti cufame sanaa nan dhaqe. Innis akkana jedhe; “Sababii namoonni si ajjeesuuf dhufaa jiraniif, sababii isaan si ajjeesuuf halkaniin dhufaa jiraniif kottu mana Waaqaatti, mana qulqullummaa keessatti wal arginee balbalawwan mana qulqullummaa haa cufannu.”
ואמרה האיש כמוני יברח ומי כמוני אשר יבוא אל ההיכל וחי לא אבוא׃ 11
Ani immoo, “Namni akka kootii kun baqachuu qabaa? Yookaan namni na fakkaatu tokko lubbuu ofii isaa oolfachuudhaaf jedhee mana qulqullummaa seenuu qabaa? Ani hin deemu!” jedheen.
ואכירה והנה לא אלהים שלחו כי הנבואה דבר עלי וטוביה וסנבלט שכרו׃ 12
Ani akka Waaqni isa natti hin ergin beekkadheera; inni garuu sababii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxi isa bitataniif waaʼee koo waan hamaa raaje.
למען שכור הוא למען אירא ואעשה כן וחטאתי והיה להם לשם רע למען יחרפוני׃ 13
Inni na sodaachisee akka ani waan kana hojjechuudhaan cubbuu hojjedhuuf, akka isaanis akkasiin maqaa hamaa naa kennanii maqaa na balleessaniif bitame.
זכרה אלהי לטוביה ולסנבלט כמעשיו אלה וגם לנועדיה הנביאה וליתר הנביאים אשר היו מיראים אותי׃ 14
Yaa Waaqa ko, sababii waan isaan hojjetan sanaaf jedhiitii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxin yaadadhu; raajjuu Nooʼadiyaa jedhamtuu fi raajota na sodaachisuu yaalan kaanis yaadadhu.
ותשלם החומה בעשרים וחמשה לאלול לחמשים ושנים יום׃ 15
Akkasiinis dallaan sun bultii shantamii lamatti, jiʼa Eeluuli jedhamu keessa bultii digdamii shanaffaatti ijaaramee dhume.
ויהי כאשר שמעו כל אויבינו ויראו כל הגוים אשר סביבתינו ויפלו מאד בעיניהם וידעו כי מאת אלהינו נעשתה המלאכה הזאת׃ 16
Yommuu diinonni keenya hundi oduu kana dhagaʼanitti, saboonni naannoo keenyaa hundi sodaatanii abdii kutatan; isaan akka hojiin kun gargaarsa Waaqa keenyaan hojjetame hubataniiruutii.
גם בימים ההם מרבים חרי יהודה אגרתיהם הולכות על טוביה ואשר לטוביה באות אליהם׃ 17
Bara sana keessa namoonni Yihuudaa bebeekamoon xalayoota hedduu gara Xoobbiyaatti ergaa turan; Xoobbiyaanis deebii isaaniif ni erga ture.
כי רבים ביהודה בעלי שבועה לו כי חתן הוא לשכניה בן ארח ויהוחנן בנו לקח את בת משלם בן ברכיה׃ 18
Sababii inni soddaa Shekaaniyaa ilma Aaraa tureef namoonni Yihuudaa keessa jiraatan hedduun isaaf kakatan; akkasumas ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiyaa fuudhee ture.
גם טובתיו היו אמרים לפני ודברי היו מוציאים לו אגרות שלח טוביה ליראני׃ 19
Kana malees isaan hojii isaa gaarii natti odeessaa, waan ani jedhe illee isatti himaa turan. Xoobbiyaan immoo na sodaachisuuf jedhee xalayoota natti ergaa ture.

< נחמיה 6 >