< לוּקָס 13 >
ויבאו אנשים בעת ההיא ויגידו לו על דבר הגלילים אשר פילטוס ערב דמם עם זבחיהם׃ | 1 |
Yeroo sana namoonni waaʼee warra Galiilaa kanneen Phiilaaxoos dhiiga isaanii aarsaa isaaniitti make sanaa Yesuusitti himan tokko tokko achi turan.
ויען ישוע ויאמר אליהם החשבים אתם כי הגלילים האלה היו חטאים מכל אנשי הגליל על אשר באה כזאת עליהם׃ | 2 |
Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Sababiin namoonni Galiilaa kunneen akkas dhiphataniif waan isaan saba Galiilaa kaan hunda irra cubbamoota turaniif seetuu?
לא כי אמר אני לכם אם לא תשובו תאבדו כלכם גם אתם׃ | 3 |
Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.
או שמנה העשר ההם אשר נפל עליהם המגדל בשלח וימיתם החשבים אתם כי היו אשמים מכל האנשים הישבים בירושלים׃ | 4 |
Yookaan namoonni kudha saddeettan gamoon Saliihoom isaan irratti jigee isaan fixe sun warra Yerusaalem keessa jiraatan kaan hunda irra waan yakka hojjetan seetuu?
לא כי אמר אני לכם אם לא תשובו תאבדו כלכם גם אתם׃ | 5 |
Ani isinittin hima; akkas miti. Garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan, hundi keessan akkasuma baddu.”
וישא משלו ויאמר איש אחד היתה לו תאנה נטועה בכרמו ויבא לבקש בה פרי ולא מצא׃ | 6 |
Innis akkana jedhee fakkeenya kana dubbate; “Namichi tokko muka harbuu kan iddoo dhaabaa wayinii isaa keessa dhaabame tokko qaba ture; innis muka sana irra ija barbaaduu dhaqee waan tokko illee dhabe.
ויאמר אל הכרם הנה זה שלש שנים אנכי בא לבקש פרי בתאנה הזאת ואינני מוצא גדע אותה למה זה תשחית את האדמה׃ | 7 |
Innis hojjetaa iddoo dhaaba wayinichaatiin, ‘Ani waggaa sadan darban kana muka harbuu kana irraa ija barbaadachuuf jedhee marmaaraan ture; garuu waan tokko illee irraa hin arganne; muriitii gati! Inni maaliif lafa balleessa?’ jedhe.
ויען ויאמר אליו אדני הניחה אתה עוד השנה הזאת עד כי אעדר ושמתי דמן סביבותיה׃ | 8 |
“Namichi sunis deebisee akkana jedheen; ‘Yaa Gooftaa, anuu naannoo isaa qoteen xaaʼoo itti naqaatii mee wagguma tokko haa turu.
אולי תעשה פרי ואם לא בשנה הבאה תגדענה׃ | 9 |
Yoo inni waggaa dhufu ija naqate, gaarii dha! Yoo kanaa achii murtee gatuu dandeessa.’”
ויהי הוא מלמד בשבת באחד מבתי הכנסיות׃ | 10 |
Yesuus guyyaa Sanbataa tokko manneen sagadaa keessaa isa tokkotti barsiisaa ture.
והנה אשה טעונת רוח חלי כשמנה עשרה שנה ותהי כפופה ולא יכלה לקום קומה זקופה׃ | 11 |
Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte.
ויהי בראות אתה ישוע ויקרא אליה ויאמר לה אשה החלצי מחליך׃ | 12 |
Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, “Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta” jedheen,
וישם את ידיו עליה וכרגע קמה ותתעודד ותשבח את האלהים׃ | 13 |
Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte.
ויכעס ראש הכנסת על אשר רפא ישוע בשבת ויען ויאמר אל העם ששת ימים הם אשר תעשה בהם מלאכה לכן באלה באו והרפאו ולא ביום השבת׃ | 14 |
Bulchaan mana sagadaas sababii Yesuus guyyaa Sanbataatiin nama fayyiseef aaree namootaan, “Guyyaan hojii jaʼatu jira; guyyoota sana kottaatii fayyifamaa malee guyyaa Sanbataa hin dhufinaa” jedhe.
ויען האדון ויאמר אליו החנף איש איש מכם הלא יתיר בשבת את שורו או את חמרו מן האבוס ויוליכהו להשקתו׃ | 15 |
Gooftaan immoo akkana jedhee deebiseef; “Yaa fakkeessitoota! Isin keessaa namni guyyaa Sanbataa qotiyyoo isaa yookaan harree isaa dallaa keessaa hiikee bishaan obaasuu hin geessine jiraa?
וזאת אשר היא בת אברהם ואשר השטן אסרה זה שמנה עשרה שנה הלא תתר ממוסרותיה ביום השבת׃ | 16 |
Yoos dubartiin kun intalli Abrahaam kan Seexanni waggaa kudha saddeeti guutuu hidhee ture kun guyyaa Sanbataatiin hidhaa kana irraa hiikamuun isheef hin maluu?”
ויהי כאמרו את הדברים האלה נכלמו כל מתקוממיו וישמח כל העם על כל הנפלאות הנעשות על ידו׃ | 17 |
Yommuu inni waan kana dubbatetti mormitoonni isaa hundi ni qaanaʼan; namoonni garuu hojjiiwwan dinqii kanneen inni hojjechaa ture hundatti ni gammadan.
ויאמר למה דומה מלכות האלהים ואל מה אמשילנה׃ | 18 |
Yesuusis akkana jedhee gaafate; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa?
דומה היא לגרגר של חרדל אשר לקחו איש וישימהו בגנו ויצמח ויהי לעץ גדול ועוף השמים יקנן בענפיו׃ | 19 |
Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan.”
ויאמר עוד אל מה אדמה את מלכות האלהים׃ | 20 |
Amma illee akkana jedhee gaafate; “Ani mootummaa Waaqaa maaliinan wal fakkeessa?
דומה היא לשאר אשר לקחתו אשה ותטמנהו בשלש סאים קמח עד כי יחמץ כלו׃ | 21 |
Inni raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata.”
ויעבר בערים ובכפרים עבור ולמד וישם את דרכו לבוא ירושלים׃ | 22 |
Yesuusis utuu gara Yerusaalem deemuu namoota barsiisaa magaalaawwanii fi gandoota keessa darbaa ture.
וישאלהו איש לאמר אדנינו המעט הם הנושעים׃ | 23 |
Namichi tokkos, “Yaa Gooftaa warri fayyifaman namoota muraasa qofaa?” jedhee isa gaafate. Innis akkana isaaniin jedhe;
ויאמר אליהם התאמצו לבוא בפתח הצר כי אמר אני לכם רבים יבקשו לבוא ולא יוכלו׃ | 24 |
“Balbala dhiphaadhaan seenuuf tattaaffadhaa; ani isinittin hima; namoonni baayʼeen seenuu ni yaaluutii; garuu hin dandaʼan.
והיה מיום אשר יקום בעל הבית וסגר את הדלת ותחלו לעמד בחוץ ולדפק על הדלת לאמר אדנינו אדנינו פתח לנו וענה ואמר אליכם אינני יודע אתכם מאין אתם׃ | 25 |
Abbaan mana sanaa takkaa kaʼee balbalicha cufannaan isin ala dhaabatanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa balbala nuu bani’ jettanii kadhattu. “Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku’ isiniin jedha.
אז תחלו לאמר אכלנו ושתינו לפניך וברחבותינו למדת׃ | 26 |
“Isin immoo, ‘Nu si wajjin nyaannee dhugneerra; atis daandii keenya irratti barsiifteerta’ jettuun.
ויאמר אני אמר לכם אינני יודע אתכם מאין אתם סורו ממני כל פעלי האון׃ | 27 |
“Inni garuu deebisee, ‘Ani isin hin beeku yookaan eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warri hammina hojjettan hundinuu na biraa badaa!’ jedha.
ושם תהיה היללה וחרק השנים כאשר תראו את אברהם ויצחק ויעקב ואת כל הנביאים במלכות האלהים ואתם מגרשים החוצה׃ | 28 |
“Yommuu Abrahaam, Yisihaaq, Yaaqoobii fi raajota hunda mootummaa Waaqaa keessatti argitanii, ofii keessanii immoo gad darbatamtan, achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa.
ויבאו ממזרח וממערב ומצפון ומדרום ויסבו במלכות האלהים׃ | 29 |
Namoonnis baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa dhufanii mootummaa Waaqaa keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
והנה יש אחרונים אשר יהיו ראשונים וראשונים אשר יהיו אחרונים׃ | 30 |
Dhugumaanuu kanneen warra dhumaa taʼan keessaa kanneen warra jalqabaa, kanneen warra jalqabaa taʼan keessaa immoo warra dhumaa taʼan jiru.”
ביום ההוא נגשו מן הפרושים ויאמרו אליו צא ולך מזה כי הורדוס מבקש להרגך׃ | 31 |
Yeroo sana Fariisota keessaa namoonni tokko tokko gara Yesuus dhufanii, “Sababii Heroodis si ajjeesuu barbaaduuf asii deemii iddoo biraa dhaqi” jedhaniin.
ויאמר אליהם לכו ואמרו אל השועל הזה הנני מגרש שדים ופעל רפואות היום ומחר ובשלישי אבא עד קצי׃ | 32 |
Innis akkana jedhee deebise; “Dhaqaatii waangoo sanaan, ‘Kunoo, ani harʼaa fi bori hafuurota hamoo nan baasa; namoota dhukkubsatanis nan fayyisa; guyyaa sadaffaatti immoo hojii koo nan fixadha’ jedhaa.
אבל הלוך אלך היום ומחר וממחרתו כי לא יתכן אשר יאבד נביא מחוץ לירושלים׃ | 33 |
Waan fedhe iyyuu taanaan, ani harʼaa fi bori, iftaanis adeemsa koo itti fufuutu naa mala; raajiin Yerusaalemiin alatti duʼuu hin qabuutii!
ירושלים ירושלים ההרגת את הנביאים והסקלת את הנשלחים אליה כמה פעמים חפצתי לקבץ את בניך כאשר תקבץ התרנגלת את אפרוחיה תחת כנפיה ואתם לא אביתם׃ | 34 |
“Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
הנה ביתכם יעזב לכם שמם ואני אמר לכם כי ראה לא תראוני עד בוא העת אשר תאמרו ברוך הבא בשם יהוה׃ | 35 |
Kunoo, manni keessan onee isinii hafa. Ani isinittin hima; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’jettanitti lammata na hin argitan.”