< ויקרא 11 >

וידבר יהוה אל משה ואל אהרן לאמר אלהם׃ 1
Waaqayyos Musee fi Arooniin akkana jedhe;
דברו אל בני ישראל לאמר זאת החיה אשר תאכלו מכל הבהמה אשר על הארץ׃ 2
“Israaʼelootaan akkana jedhaa: ‘Bineensota lafa irra jiraatan hunda keessaa kanneen isin nyaachuu dandeessan isaan kanaa dha:
כל מפרסת פרסה ושסעת שסע פרסת מעלת גרה בבהמה אתה תאכלו׃ 3
Bineensa kotteen isaa guutumaan guutuutti baqaqaa taʼe kan alala guuru kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
אך את זה לא תאכלו ממעלי הגרה וממפריסי הפרסה את הגמל כי מעלה גרה הוא ופרסה איננו מפריס טמא הוא לכם׃ 4
“‘Kanneen alala qofa guuran yookaan kotteen isaanii qofti baqaqaa taʼe garuu nyaachuu hin qabdan. Gaalli yoo alala guure iyyuu kottee baqaqaa hin qabu; inni isiniif qulqulluu miti.
ואת השפן כי מעלה גרה הוא ופרסה לא יפריס טמא הוא לכם׃ 5
Osoleen yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
ואת הארנבת כי מעלת גרה הוא ופרסה לא הפריסה טמאה הוא לכם׃ 6
Illeettiin yoo alala guurte iyyuu kottee baqaqaa hin qabdu; isheen isiniif qulqulluu miti.
ואת החזיר כי מפריס פרסה הוא ושסע שסע פרסה והוא גרה לא יגר טמא הוא לכם׃ 7
Booyyeen yoo kottee baqaqaa qabaate iyyuu alala hin guuru; inni isiniif qulqulluu miti.
מבשרם לא תאכלו ובנבלתם לא תגעו טמאים הם לכם׃ 8
Isin foon isaanii nyaachuu yookaan raqa isaanii tuquu hin qabdan; isaan isiniif qulqulluu miti.
את זה תאכלו מכל אשר במים כל אשר לו סנפיר וקשקשת במים בימים ובנחלים אתם תאכלו׃ 9
“‘Uumamawwan bishaan galaanotaa fi bishaan lageenii keessa jiraatan hunda keessaa kanneen qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
וכל אשר אין לו סנפיר וקשקשת בימים ובנחלים מכל שרץ המים ומכל נפש החיה אשר במים שקץ הם לכם׃ 10
Garuu uumamawwan galaanotaa fi lageen keessa jiraatan kanneen qoochoo fi qola hin qabne hundi, uumamawwan bishaan keessa munyuuqan hundi yookaan kanneen bishaan keessa jiraatan hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
ושקץ יהיו לכם מבשרם לא תאכלו ואת נבלתם תשקצו׃ 11
Isaan isin duratti xuraaʼoo waan taʼaniif foon isaanii hin nyaatinaa; raqni isaaniis xuraaʼaa haa taʼu.
כל אשר אין לו סנפיר וקשקשת במים שקץ הוא לכם׃ 12
Wanni bishaan keessa jiraatu kan qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu isiniif xuraaʼaa haa taʼu.
ואת אלה תשקצו מן העוף לא יאכלו שקץ הם את הנשר ואת הפרס ואת העזניה׃ 13
“‘Isaan kunneen simbirroota isin jibbuu qabdanii dha; hin nyaataman; isaan xuraaʼoo dha: risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
ואת הדאה ואת האיה למינה׃ 14
culullee, culullee gurraacha gosa garaa garaa,
את כל ערב למינו׃ 15
arraagessa gosa garaa garaa,
ואת בת היענה ואת התחמס ואת השחף ואת הנץ למינהו׃ 16
guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
ואת הכוס ואת השלך ואת הינשוף׃ 17
urunguu xinnaa, daakiyyee, urunguu guddaa,
ואת התנשמת ואת הקאת ואת הרחם׃ 18
urunguu adii, urunguu gammoojjii, allaattii raqaa,
ואת החסידה האנפה למינה ואת הדוכיפת ואת העטלף׃ 19
huummoo, huummoo gosa kamii iyyuu, haadha gaayyee, simbira halkanii.
כל שרץ העוף ההלך על ארבע שקץ הוא לכם׃ 20
“‘Ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼani.
אך את זה תאכלו מכל שרץ העוף ההלך על ארבע אשר לא כרעים ממעל לרגליו לנתר בהן על הארץ׃ 21
Taʼus ilbiisonni barrisan kanneen miilla afraniinuu deeman keessaa tokko tokko nyaachuu ni dandeessu; isaanis warra ittiin lafa irra utaaluuf miilla dadachaʼu qabanii dha.
את אלה מהם תאכלו את הארבה למינו ואת הסלעם למינהו ואת החרגל למינהו ואת החגב למינהו׃ 22
Isaan keessaas hawwaannisa gosa garaa garaa, hawwaannisa magariisa garaa garaa, farda waaqaa garaa garaa fi korophisa garaa garaa nyaachuu dandeessu.
וכל שרץ העוף אשר לו ארבע רגלים שקץ הוא לכם׃ 23
Garuu ilbiisota barrisan kanneen miilla afur qaban biraa hundi isiniif xuraaʼoo haa taʼan.
ולאלה תטמאו כל הנגע בנבלתם יטמא עד הערב׃ 24
“‘Isin wantoota kanneeniin of xureessitu; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa dha.
וכל הנשא מנבלתם יכבס בגדיו וטמא עד הערב׃ 25
Namni reeffa isaanii tokko illee lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
לכל הבהמה אשר הוא מפרסת פרסה ושסע איננה שסעת וגרה איננה מעלה טמאים הם לכם כל הנגע בהם יטמא׃ 26
“‘Bineensi kottee baqaqaa qabu kan kotteen isaa guutumaan guutuutti gargar hin qoodamin yookaan alala hin guurre kam iyyuu isiniif xuraaʼaa dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus xuraaʼaa taʼa.
וכל הולך על כפיו בכל החיה ההלכת על ארבע טמאים הם לכם כל הנגע בנבלתם יטמא עד הערב׃ 27
Bineensota miilla afuriin deeman hunda keessaa kanneen faanaan ejjetan isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqu kam iyyuus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
והנשא את נבלתם יכבס בגדיו וטמא עד הערב טמאים המה לכם׃ 28
Namni raqa isaanii lafaa fuudhu kam iyyuu uffata isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Isaanis isiniif xuraaʼoo dha.
וזה לכם הטמא בשרץ השרץ על הארץ החלד והעכבר והצב למינהו׃ 29
“‘Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; isaanis: tuqaa, hantuuta, loccuu gurguddaa gosa gosaa,
והאנקה והכח והלטאה והחמט והתנשמת׃ 30
loccuu cirrachaa, naacha, qarcoo, qarcabboo fi gaararraa dha.
אלה הטמאים לכם בכל השרץ כל הנגע בהם במתם יטמא עד הערב׃ 31
Uumamawwan lafa irra munyuuqan keessaa isaan kunneen isiniif xuraaʼoo dha; namni raqa isaanii tuqus hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
וכל אשר יפל עליו מהם במתם יטמא מכל כלי עץ או בגד או עור או שק כל כלי אשר יעשה מלאכה בהם במים יובא וטמא עד הערב וטהר׃ 32
Uumamawwan sana keessaa tokko yoo duʼee miʼa wayii irra buʼe, miʼi sun faayidaan isaa waan fedhe iyyuu taʼu, inni muka irraa, huccuu irraa, gogaa irraa yookaan keeshaa irraa hojjetamu illee miʼi sun xuraaʼaa taʼa; miʼa sana bishaan keessa buusaa. Innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼee ergasii immoo qulqulluu taʼa.
וכל כלי חרש אשר יפל מהם אל תוכו כל אשר בתוכו יטמא ואתו תשברו׃ 33
Isaan keessaa tokko okkotee keessa yoo buʼe, wanni okkotee sana keessa jiru hundi xuraaʼaa taʼa; isinis okkotee sana cabsuu qabdu.
מכל האכל אשר יאכל אשר יבוא עליו מים יטמא וכל משקה אשר ישתה בכל כלי יטמא׃ 34
Nyaanni nyaatamuu dandaʼu kan garuu bishaan okkotee akkasii keessaa itti naqame kam iyyuu xuraaʼaa dha; dhugaatiin okkotee sana keessaa dhugamuu dandaʼu kam iyyuus xuraaʼaa dha.
וכל אשר יפל מנבלתם עליו יטמא תנור וכירים יתץ טמאים הם וטמאים יהיו לכם׃ 35
Wanni raqa uumamawwan kanaa keessaa tokko iyyuu irra buʼu kam iyyuu xuraaʼaa taʼa; eeleen yookaan okkoteen waa itti bilcheessan cabsamuu qaba. Isaan xuraaʼoo dha; isinis akka miʼa xuraaʼaatti isaan ilaalaa.
אך מעין ובור מקוה מים יהיה טהור ונגע בנבלתם יטמא׃ 36
Burqaan yookaan boolli bishaan itti kuufamu immoo qulqulluu taʼee tura; garuu namni raqa kana keessaa tokko illee tuqu xuraaʼaa dha.
וכי יפל מנבלתם על כל זרע זרוע אשר יזרע טהור הוא׃ 37
Raqni tokko sanyii facaafamuuf jiru irra yoo buʼe sanyiin sun qulqulluu taʼee hafa.
וכי יתן מים על זרע ונפל מנבלתם עליו טמא הוא לכם׃ 38
Garuu sanyii sana irratti bishaan naqamee raqni wayii yoo irra buʼe sanyiin sun isiniif xuraaʼaa dha.
וכי ימות מן הבהמה אשר היא לכם לאכלה הנגע בנבלתה יטמא עד הערב׃ 39
“‘Horiin akka isin nyaattaniif isiniif eeyyamame tokko yoo duʼe, namni raqa isaa tuqe kam iyyuu hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
והאכל מנבלתה יכבס בגדיו וטמא עד הערב והנשא את נבלתה יכבס בגדיו וטמא עד הערב׃ 40
Namni raqa sana irraa waa nyaatu wayyaa isaa miiccachuu qaba; inni hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa. Namni raqa sana lafaa fuudhe wayyaa isaa miiccadhuu qaba; innis hamma galgalaatti xuraaʼaa taʼa.
וכל השרץ השרץ על הארץ שקץ הוא לא יאכל׃ 41
“‘Uumamni lafa irra munyuuqu kam iyyuu xuraaʼaa dha; nyaatamuus hin qabu.
כל הולך על גחון וכל הולך על ארבע עד כל מרבה רגלים לכל השרץ השרץ על הארץ לא תאכלום כי שקץ הם׃ 42
Uumama lafa irra looʼu kan garaadhaan lafa irra looʼu yookaan miilla afuriin yookaan miilla hedduun deemu kam iyyuu hin nyaatinaa; inni xuraaʼaa dha.
אל תשקצו את נפשתיכם בכל השרץ השרץ ולא תטמאו בהם ונטמתם בם׃ 43
Uumamawwan kanneen keessaa tokkoon iyyuu of hin xureessinaa. Isin akka xuraaʼoo hin taaneef isaaniin of hin xureessinaa.
כי אני יהוה אלהיכם והתקדשתם והייתם קדשים כי קדוש אני ולא תטמאו את נפשתיכם בכל השרץ הרמש על הארץ׃ 44
Ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha; waan ani qulqulluu taʼeef isinis of qulqulleessaatii qulqulloota taʼaa. Uumama lafa irra munyuuqu kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
כי אני יהוה המעלה אתכם מארץ מצרים להית לכם לאלהים והייתם קדשים כי קדוש אני׃ 45
Ani Waaqayyo kan Waaqa keessan taʼuuf jedhee biyya Gibxiitii isin baasee dha; kanaafuu ani qulqulluudhaatii isinis qulqulluu taʼaa.
זאת תורת הבהמה והעוף וכל נפש החיה הרמשת במים ולכל נפש השרצת על הארץ׃ 46
“‘Seerri waaʼee horii, simbirroo, lubbuu qabeeyyii bishaan keessa munyuuqan hundaa fi uumama lafa irra munyuuqu hundaa kanaa dha.
להבדיל בין הטמא ובין הטהר ובין החיה הנאכלת ובין החיה אשר לא תאכל׃ 47
Isin waan xuraaʼaa fi waan qulqulluu, uumama nyaatamuu fi kan hin nyaatamne addaan baaftanii beekuu qabdu.’”

< ויקרא 11 >