< יהושע 7 >

וימעלו בני ישראל מעל בחרם ויקח עכן בן כרמי בן זבדי בן זרח למטה יהודה מן החרם ויחר אף יהוה בבני ישראל׃ 1
Israaʼeloonni garuu waan Waaqayyoof addaan baafame irratti amanamummaa dhaban; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa waan Waaqayyoof addaan baafame sana keessaa waan tokko tokko fudhate. Kanaafis dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti bobaʼe.
וישלח יהושע אנשים מיריחו העי אשר עם בית און מקדם לבית אל ויאמר אליהם לאמר עלו ורגלו את הארץ ויעלו האנשים וירגלו את העי׃ 2
Kana irratti Iyyaasuun Yerikoodhaa gara Aayi kan Beet Aawwen bira gama baʼa Beetʼeelitti argamtu sanaatti nama ergee, “Dhaqaatii naannoo sana basaasaa” jedhe. Kanaafuu namoonni ol baʼanii Aayin basaasan.
וישבו אל יהושע ויאמרו אליו אל יעל כל העם כאלפים איש או כשלשת אלפים איש יעלו ויכו את העי אל תיגע שמה את כל העם כי מעט המה׃ 3
Isaanis gara Iyyaasuutti deebiʼanii, “Namni hundinuu Aayitti ol baʼuu hin qabu. Sababii namni muraasni qofti achi jiruuf akka isaan dhaqanii biyyattii fudhataniif nama kuma lama yookaan kuma sadii taʼu ergi malee namoota hundumaa hin dadhabsiisin” jedhaniin.
ויעלו מן העם שמה כשלשת אלפים איש וינסו לפני אנשי העי׃ 4
Kanaafuu namoonni gara kuma sadii taʼan kaʼanii ol baʼan; isaan garuu namoota Aayi duraa baqatan;
ויכו מהם אנשי העי כשלשים וששה איש וירדפום לפני השער עד השברים ויכום במורד וימס לבב העם ויהי למים׃ 5
namoonni Aayis gara nama soddomii jaʼa isaan jalaa fixan. Isaanis karra magaalattiitii jalqabanii hamma Shabaariimiitti Israaʼeloota ariʼanii ededa irratti isaan fixan; kanaanis onneen namootaa baqxee akka bishaanii taate.
ויקרע יהושע שמלתיו ויפל על פניו ארצה לפני ארון יהוה עד הערב הוא וזקני ישראל ויעלו עפר על ראשם׃ 6
Iyyaasuunis uffata isaa tarsaasee fuula taabota Waaqayyoo duratti addaan lafatti gombifamee hamma galgalaatti achuma ture. Maanguddoonni saba Israaʼelis akkasuma godhanii mataa ofii isaanii irratti awwaara firfirsan.
ויאמר יהושע אהה אדני יהוה למה העברת העביר את העם הזה את הירדן לתת אתנו ביד האמרי להאבידנו ולו הואלנו ונשב בעבר הירדן׃ 7
Iyyaasuunis akkana jedhe; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati maaliif akka isaan nu fixaniif harka Amoorotaatti nu kennuuf jettee saba kana Yordaanosiin ceesifte? Silaa utuu Yordaanos gamatti hafnee nuuf wayya ture!
בי אדני מה אמר אחרי אשר הפך ישראל ערף לפני איביו׃ 8
Yaa Gooftaa, erga sabni Israaʼel diinota isaa baqatee ani amma maal jechuu dandaʼa?
וישמעו הכנעני וכל ישבי הארץ ונסבו עלינו והכריתו את שמנו מן הארץ ומה תעשה לשמך הגדול׃ 9
Kanaʼaanonnii fi saboonni biyya kanaa kan biraa waan kana dhagaʼanii nu marsanii maqaa keenya lafa irraa ni balleessu. Yoos ati maqaa kee guddaa sanaaf maal goota?”
ויאמר יהוה אל יהושע קם לך למה זה אתה נפל על פניך׃ 10
Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Ol kaʼi! Ati maaliif addaan gombifamte?
חטא ישראל וגם עברו את בריתי אשר צויתי אותם וגם לקחו מן החרם וגם גנבו וגם כחשו וגם שמו בכליהם׃ 11
Israaʼel cubbuu hojjeteera; isaan kakuu koo kan ani akka isaan eeganiif isaan ajaje sana cabsaniiru. Isaan waan addaan naa baafame keessaa waan tokko tokko fudhataniiru; hataniiru; sobaniiru; waan sanas qabeenya isaanii wajjin ol kaaʼataniiru.
ולא יכלו בני ישראל לקום לפני איביהם ערף יפנו לפני איביהם כי היו לחרם לא אוסיף להיות עמכם אם לא תשמידו החרם מקרבכם׃ 12
Wanni Israaʼeloonni diinota isaanii dura dhaabachuu hin dandeenyeefis kanuma; isaan sababii badiisaaf ramadamaniif dugda duubatti garagalanii diinota isaanii baqatan. Ani hamma ati waan badiisaaf ajajame kam iyyuu gidduu keessanii balleessitutti siʼachi isin wajjin hin jiraadhu.
קם קדש את העם ואמרת התקדשו למחר כי כה אמר יהוה אלהי ישראל חרם בקרבך ישראל לא תוכל לקום לפני איביך עד הסירכם החרם מקרבכם׃ 13
“Kaʼiitii saba qulqulleessi. Akkanas isaaniin jedhi; ‘Boriif ofi qulqulleessaa; wanni Waaqayyo Waaqni Israaʼel jedhu isa kanaatii; yaa Israaʼel, wanni hirmii taʼe tokko gidduu keessan jira. Isin hamma waan sana of keessaa baaftanitti diinota keessan of irraa ittisuu hin dandeessan.
ונקרבתם בבקר לשבטיכם והיה השבט אשר ילכדנו יהוה יקרב למשפחות והמשפחה אשר ילכדנה יהוה תקרב לבתים והבית אשר ילכדנו יהוה יקרב לגברים׃ 14
“‘Kanaafuu ganama gosa gosaan ofi dhiʼeessaa. Gosti Waaqayyo filatu balbala balbalaan gara fuula duraatti haa baʼu; balballi Waaqayyo filatus maatii maatiidhaan gara fuula duraatti haa baʼu; maatiin Waaqayyo filatus nama tokko tokkoon gara fuula duraatti haa baʼu.
והיה הנלכד בחרם ישרף באש אתו ואת כל אשר לו כי עבר את ברית יהוה וכי עשה נבלה בישראל׃ 15
Namni waan balleeffamuu qabu wajjin qabame, waan qabu hundumaa wajjin ibiddaan haa gubamu. Inni kakuu Waaqayyoo cabseera; waan Israaʼel keessatti qaanii taʼes hojjeteera!’”
וישכם יהושע בבקר ויקרב את ישראל לשבטיו וילכד שבט יהודה׃ 16
Kanaafuu Iyyaasuun ganama bariin kaʼee saba Israaʼel gosa gosaan gara fuula duraatti baase; gosti Yihuudaas ni filatame.
ויקרב את משפחת יהודה וילכד את משפחת הזרחי ויקרב את משפחת הזרחי לגברים וילכד זבדי׃ 17
Balballi Yihuudaa gara fuula duraatti baʼe; Iyyaasuunis balbala Zaaraa addaan baase. Balballi Zaaraas maatii maatiin gara fuula duraatti baʼe; Zabdiinis ni filatame.
ויקרב את ביתו לגברים וילכד עכן בן כרמי בן זבדי בן זרח למטה יהודה׃ 18
Iyyaasuunis maatii isaa nama tokko tokkoon gara fuula duratti baase; Aakaan ilmi Karmii, ilmi Zabdii, ilmi Zaaraa kan gosa Yihuudaa ni filatame.
ויאמר יהושע אל עכן בני שים נא כבוד ליהוה אלהי ישראל ותן לו תודה והגד נא לי מה עשית אל תכחד ממני׃ 19
Kana irratti Iyyaasuun Aakaaniin akkana jedhe; “Yaa ilma ko, Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif ulfina kenni; cubbuu kees isatti himadhu; mee waan hojjette natti himi; na hin dhoksin.”
ויען עכן את יהושע ויאמר אמנה אנכי חטאתי ליהוה אלהי ישראל וכזאת וכזאת עשיתי׃ 20
Aakaanis akkana jedhee deebise; “Wanni kun dhugaa dha! Ani Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti cubbuu hojjedheera. Wanni ani hojjedhes kunoo kana:
ואראה בשלל אדרת שנער אחת טובה ומאתים שקלים כסף ולשון זהב אחד חמשים שקלים משקלו ואחמדם ואקחם והנם טמונים בארץ בתוך האהלי והכסף תחתיה׃ 21
Ani waan Baabilonii boojiʼame keessaa waaroo bareedaa tokko, meetii saqilii dhibba lamaa fi warqee saqilii shantama ulfaatu arginaan kajeelee fudhadheera. Miʼi kunis dunkaana koo keessatti meetii jala lafa keessatti dhokfameera.”
וישלח יהושע מלאכים וירצו האהלה והנה טמונה באהלו והכסף תחתיה׃ 22
Kanaafuu Iyyaasuun ergamoota erge; isaanis gara dunkaana sanaatti fiigan; miʼi sunis dunkaanicha keessatti, meetii jala dhokfamee ture.
ויקחום מתוך האהל ויבאום אל יהושע ואל כל בני ישראל ויצקם לפני יהוה׃ 23
Isaan miʼa sana dunkaanicha keessaa guuranii gara Iyyaasuutii fi Israaʼeloota hundaatti fidanii fuula Waaqayyoo duratti diriirsan.
ויקח יהושע את עכן בן זרח ואת הכסף ואת האדרת ואת לשון הזהב ואת בניו ואת בנתיו ואת שורו ואת חמרו ואת צאנו ואת אהלו ואת כל אשר לו וכל ישראל עמו ויעלו אתם עמק עכור׃ 24
Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Aakaan ilma Zaaraa, meetii, waaroo, muraa warqee, ilmaan isaatii fi intallan isaa, loon isaa, harroota isaa, hoolota isaa, dunkaana isaatii fi waan inni qabu hunda guuranii Sulula Aakooritti geessan.
ויאמר יהושע מה עכרתנו יעכרך יהוה ביום הזה וירגמו אתו כל ישראל אבן וישרפו אתם באש ויסקלו אתם באבנים׃ 25
Iyyaasuunis, “Ati maaliif rakkina kana hunda nutti fidde? Waaqayyo harʼa rakkina sitti fida” jedheen. Israaʼeloonni hundinuus dhagaadhaan isa tuman; jara kaan illee erga dhagaadhaan tumanii booddee ibiddaan isaan guban.
ויקימו עליו גל אבנים גדול עד היום הזה וישב יהוה מחרון אפו על כן קרא שם המקום ההוא עמק עכור עד היום הזה׃ 26
Aakaan irratti tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaatti illee jiru tokko tuulan. Waaqayyos dheekkamsa isaa guddaa sana irraa deebiʼe. Kanaafis iddoon sun hamma harʼaatti Sulula Aakoor jedhamee waamama.

< יהושע 7 >