< ג'ון 17 >

את אלה דבר ישוע וישא עיניו השמימה ויאמר אבי הנה באה השעה פאר את בנך למען גם בנך יפארך׃ 1
Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni.
כאשר נתת לו השלטן על כל בשר למען יתן חיי עולמים לכל אשר נתת לו׃ (aiōnios g166) 2
Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii. (aiōnios g166)
ואלה הם חיי העולמים לדעת אתך אשר אתה לבדך אל אמת ואת ישוע המשיח אשר שלחת׃ (aiōnios g166) 3
Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif. (aiōnios g166)
אני פארתיך בארץ כליתי פעלך אשר צויתני לעשות׃ 4
Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.
ועתה פארני אתה אבי עמך בכבוד אשר היה לי עמך טרם היות העולם׃ 5
Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.
את שמך הודעתי לבני האדם אשר נתתם לי מתוך העולם לך היו ולי נתת אתם ואת דברך נצרו׃ 6
“Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
ועתה ידעו כי כל אשר נתת לי מעמך הוא׃ 7
Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.
כי הדברים אשר נתת לי נתתי להם והם קבלום ויכירו באמת כי מעמך יצאתי ויאמינו כי אתה שלחתני׃ 8
Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.
אני בעדם אעתיר לך לא בעד העולם אעתיר כי אם בעד אלה אשר נתת לי כי לך המה׃ 9
Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.
וכל אשר לי לך הוא ושלך שלי ונתפארתי בהם׃ 10
Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.
ואני אינני עוד בעולם והם בעולם המה ואני בא אליך אבי הקדוש נצר בשמך את אשר נתתם לי למען יהיו אחד כמנו׃ 11
Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.
בהיותי עמהם בעולם אני נצרתי אתם בשמך את אשר נתתם לי שמרתי ולא אבד מהם איש זולתי בן האבדון למלאת דבר הכתוב׃ 12
Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
ועתה הנני בא אליך ואלה אני מדבר בעולם למען תמלא להם שמחתי בקרבם׃ 13
“Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.
אני נתתי להם את דברך והעולם שנא אתם יען כי לא מן העולם המה כאשר גם אנכי לא מן העולם אני׃ 14
Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
ולא אעתיר לך אשר תקחם מן העולם רק שתצרם מן הרע׃ 15
Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
מן העולם אינמו כאשר גם אנכי אינני מן העולם׃ 16
Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.
קדש אתם באמתך דברך אמת הוא׃ 17
Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
כאשר אתה שלחת אתי אל העולם כן גם אני שלחתי אתם אל העולם׃ 18
Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.
והתקדשתי בעדם למען יהיו גם הם מקדשים באמת׃ 19
Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
אולם לא לבד בעד אלה אנכי מעתיר לך כי אם גם בעד המאמינים בי על פי דברם׃ 20
“Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;
למען יהיו כלם אחד כאשר אתה אבי בי אתה ואני בך והיו גם המה בנו כאשר למען יאמין העולם כי אתה שלחתני׃ 21
kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
ואני נתתי להם את הכבוד אשר נתת לי למען יהיו אחד כאשר אנחנו אחד נחנו׃ 22
Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;
אני בהם ואתה בי למען יהיו משלמים לאחד ולמען ידע העולם כי אתה שלחתני ואהבת אתם כאשר אהבתני׃ 23
kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
אבי חפצתי כי גם הם אשר נתתם לי יהיו עמי באשר אהיה אני למען יחזו את כבודי אשר נתת לי כי אהבתני לפני מוסדות עולם׃ 24
“Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
אבי הצדיק הן העולם לא ידעך ואני ידעתיך ואלה הכירו כי אתה שלחתני׃ 25
“Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.
ואני הודעתים את שמך ואוסיף להודיעם למען תהיה בם האהבה אשר אהבתני ואני אהיה בהם׃ 26
Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”

< ג'ון 17 >