< איוב 20 >

ויען צפר הנעמתי ויאמר׃ 1
Zoofaari Naaʼimaatichi akkana jedhee deebise:
לכן שעפי ישיבוני ובעבור חושי בי׃ 2
“Waan ani akka malee jeeqameef, yaadni koo akka ani deebii kennu na kakaasa.
מוסר כלמתי אשמע ורוח מבינתי יענני׃ 3
Ani dheekkamsa na qaanessu dhagaʼaan jira; qalbiin koos akka ani deebii kennu na kakaasa.
הזאת ידעת מני עד מני שים אדם עלי ארץ׃ 4
“Ati erga namni lafa irra kaaʼamee bara duriitii jalqabee wanni kun akkam akka ture ni beekta mitii?
כי רננת רשעים מקרוב ושמחת חנף עדי רגע׃ 5
Burraaquun jalʼootaa yeroo gabaabaaf tura; gammachuun warra Waaqaaf hin bullees akkuma liphsuu ijaa ti.
אם יעלה לשמים שיאו וראשו לעב יגיע׃ 6
Of tuulummaan isaa samiiwwan gaʼee mataan isaa duumessawwan tuqus,
כגללו לנצח יאבד ראיו יאמרו איו׃ 7
inni akkuma awwaaraa bara baraan bada; warri duraan isa arganis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.
כחלום יעוף ולא ימצאוהו וידד כחזיון לילה׃ 8
Inni akkuma abjuu fiigee bada; deebiʼees hin argamu; akkuma mulʼata halkaniis dafee dhabama.
עין שזפתו ולא תוסיף ולא עוד תשורנו מקומו׃ 9
Iji isaa argee ture deebiʼee isa hin argu; iddoon isaas siʼachi isa hin ilaalu.
בניו ירצו דלים וידיו תשבנה אונו׃ 10
Ijoolleen isaa hiyyeeyyiif beenyaa baasu; harki isaas qabeenya inni saame deebisee kennuu qaba.
עצמותיו מלאו עלומו ועמו על עפר תשכב׃ 11
Jabinni dargaggummaa kan lafee isaa keessa guute sun, isa wajjin biyyoo keessa ciisa.
אם תמתיק בפיו רעה יכחידנה תחת לשונו׃ 12
“Hamminni afaan isaa keessatti miʼaawee inni arraba isaa jala dhokfatu iyyuu,
יחמל עליה ולא יעזבנה וימנענה בתוך חכו׃ 13
inni afaanii baafatee gatuu jibbee afaanuma ofii isaa keessa turfatu iyyuu,
לחמו במעיו נהפך מרורת פתנים בקרבו׃ 14
nyaanni isaa garaa isaa keessatti dhangaggaaʼa; isa keessattis hadhaa bofaa taʼa.
חיל בלע ויקאנו מבטנו יורשנו אל׃ 15
Inni qabeenya liqimse sana ni tufa; Waaqnis akka garaan isaa waan sana diddigu ni godha.
ראש פתנים יינק תהרגהו לשון אפעה׃ 16
Inni summii bofaa xuuxa; arrabni buutiis isa ajjeesa.
אל ירא בפלגות נהרי נחלי דבש וחמאה׃ 17
Inni laga yaaʼu, burqaa dammaatii fi dhadhaa hin argu.
משיב יגע ולא יבלע כחיל תמורתו ולא יעלס׃ 18
Inni waan itti dadhabe utuu hin nyaatin deebisa; buʼaa daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.
כי רצץ עזב דלים בית גזל ולא יבנהו׃ 19
Inni hiyyeeyyii hacuucee harka duwwaa hambiseeraatii; mana ofii hin ijaarinis humnaan fudhateera.
כי לא ידע שלו בבטנו בחמודו לא ימלט׃ 20
“Hawwii isaa hamaa sana irraa boqonnaa hin argatu; inni qabeenya isaatiin of oolchuu hin dandaʼu.
אין שריד לאכלו על כן לא יחיל טובו׃ 21
Wanni inni nyaatu tokko iyyuu hin hafuuf; badhaadhummaan isaas itti fufee hin jiraatu.
במלאות שפקו יצר לו כל יד עמל תבואנו׃ 22
Utuma inni waan hunda qabuu rakkinni isatti dhufa; dhiphinni cimaanis isa qabata.
יהי למלא בטנו ישלח בו חרון אפו וימטר עלימו בלחומו׃ 23
Yeroo inni garaa isaa guutatutti, Waaqni dheekkamsa isaa sodaachisaa sana itti erga; dhaʼicha isaa illee itti roobsa.
יברח מנשק ברזל תחלפהו קשת נחושה׃ 24
Inni miʼa lolaa sibiilaa baqatu illee, xiyya naasiitu isa waraana.
שלף ויצא מגוה וברק ממררתו יהלך עליו אמים׃ 25
Dudga isaa keessaa xiyya, tiruu isaa keessaa immoo fiixee calaqqisu buqqisa. Sodaan guddaan isa qabata;
כל חשך טמון לצפוניו תאכלהו אש לא נפח ירע שריד באהלו׃ 26
dukkanni limixiinis riphee qabeenya isaa eeggata. Ibiddi namni tokko iyyuu hin afarsin gubee isa fixa; waan dunkaana isaa keessatti hafes ni barbadeessa.
יגלו שמים עונו וארץ מתקוממה לו׃ 27
Samiiwwan balleessaa isaa saaxilu; laftis isatti kaati.
יגל יבול ביתו נגרות ביום אפו׃ 28
Guyyaa dheekkamsa Waaqaatti lolaan mana isaa, bishaan yaaʼus miʼa isaa fudhatee deema.
זה חלק אדם רשע מאלהים ונחלת אמרו מאל׃ 29
Carraan Waaqni cubbamootaaf kennu, dhaalli Waaqni isaaniif qoodes kanuma.”

< איוב 20 >