< ישעה 40 >
נחמו נחמו עמי יאמר אלהיכם׃ | 1 |
Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa; jedha Waaqni keessan.
דברו על לב ירושלם וקראו אליה כי מלאה צבאה כי נרצה עונה כי לקחה מיד יהוה כפלים בכל חטאתיה׃ | 2 |
Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa; hojiin garbummaa ishee akka dhume, gatiin cubbuu ishee akka baafameef, isheen cubbuu ishee hundaaf harka Waaqayyootii adabbii dachaa akka fudhatte isheetti labsaa.
קול קורא במדבר פנו דרך יהוה ישרו בערבה מסלה לאלהינו׃ | 3 |
Sagalee akkana jedhee iyyu tokko: “Gammoojjii keessatti Waaqayyoof karaa qopheessaa; gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf karaa guddicha qajeelchaa.
כל גיא ינשא וכל הר וגבעה ישפלו והיה העקב למישור והרכסים לבקעה׃ | 4 |
Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama; lafti wal caalu, wal qixxeeffama; lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.
ונגלה כבוד יהוה וראו כל בשר יחדו כי פי יהוה דבר׃ | 5 |
Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata; sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga. Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”
קול אמר קרא ואמר מה אקרא כל הבשר חציר וכל חסדו כציץ השדה׃ | 6 |
Sagaleen tokko “Iyyi” jedha. Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe. “Namni hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.
יבש חציר נבל ציץ כי רוח יהוה נשבה בו אכן חציר העם׃ | 7 |
Sababii hafuurri Waaqayyo baafatu isaanitti bubbisuuf margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa. Dhugumaan namni marguma.
יבש חציר נבל ציץ ודבר אלהינו יקום לעולם׃ | 8 |
Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
על הר גבה עלי לך מבשרת ציון הרימי בכח קולך מבשרת ירושלם הרימי אל תיראי אמרי לערי יהודה הנה אלהיכם׃ | 9 |
Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu, tulluu dheeraatti ol baʼi. Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu, sagalee kee ol fudhuutii iyyi; ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin; magaalaawwan Yihuudaatiinis, “Waaqni keessan kunoo ti!” jedhi.
הנה אדני יהוה בחזק יבוא וזרעו משלה לו הנה שכרו אתו ופעלתו לפניו׃ | 10 |
Kunoo, Waaqayyo Gooftaan humnaan ni dhufa; irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha. Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira; gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.
כרעה עדרו ירעה בזרעו יקבץ טלאים ובחיקו ישא עלות ינהל׃ | 11 |
Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.
מי מדד בשעלו מים ושמים בזרת תכן וכל בשלש עפר הארץ ושקל בפלס הרים וגבעות במאזנים׃ | 12 |
Bishaanota konyee isaatiin kan safare yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu? Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe yookaan tulluuwwan madaaliidhaan gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?
מי תכן את רוח יהוה ואיש עצתו יודיענו׃ | 13 |
Eenyutu Hafuura Waaqayyoo qajeelchuu dandaʼe? Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu?
את מי נועץ ויבינהו וילמדהו בארח משפט וילמדהו דעת ודרך תבונות יודיענו׃ | 14 |
Waaqayyo hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate? Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise? Eenyutu beekumsa isaaf kennee yookaan daandii hubannaa isa argisiise?
הן גוים כמר מדלי וכשחק מאזנים נחשבו הן איים כדק יטול׃ | 15 |
Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti; isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu; inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.
ולבנון אין די בער וחיתו אין די עולה׃ | 16 |
Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu, yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan.
כל הגוים כאין נגדו מאפס ותהו נחשבו לו׃ | 17 |
Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman; isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman; gatiis hin qaban.
ואל מי תדמיון אל ומה דמות תערכו לו׃ | 18 |
Yoos Waaqa eenyutti fakkeessitu? Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu?
הפסל נסך חרש וצרף בזהב ירקענו ורתקות כסף צורף׃ | 19 |
Waaqa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha; tumtuun warqees warqee itti uffisa; foncaa meetiitiinis ni miidhagsa.
המסכן תרומה עץ לא ירקב יבחר חרש חכם יבקש לו להכין פסל לא ימוט׃ | 20 |
Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata. Waaqa tolfamaa hin jigne dhaabuufis nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata.
הלוא תדעו הלוא תשמעו הלוא הגד מראש לכם הלוא הבינתם מוסדות הארץ׃ | 21 |
Isin hin beektanii? Isin hin dhageenyee? Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee? Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee?
הישב על חוג הארץ וישביה כחגבים הנוטה כדק שמים וימתחם כאהל לשבת׃ | 22 |
Inni geengoo lafaatii ol taaʼa; uummanni lafaas akkuma korophisaa ti. Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa; akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.
הנותן רוזנים לאין שפטי ארץ כתהו עשה׃ | 23 |
Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa; bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa.
אף בל נטעו אף בל זרעו אף בל שרש בארץ גזעם וגם נשף בהם ויבשו וסערה כקש תשאם׃ | 24 |
Akkuma isaan dhaabamaniin, akkuma isaan facaafamaniin, akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin, inni isaanitti bubbise; isaanis ni coollagan; obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe.
ואל מי תדמיוני ואשוה יאמר קדוש׃ | 25 |
“Isin eenyutti na fakkeessitu? Yookaan eenyutu anaan qixxaata?” jedha Qulqullichi.
שאו מרום עיניכם וראו מי ברא אלה המוציא במספר צבאם לכלם בשם יקרא מרב אונים ואמיץ כח איש לא נעדר׃ | 26 |
Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa: Eenyutu kanneen hunda uume? Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha. Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.
למה תאמר יעקב ותדבר ישראל נסתרה דרכי מיהוה ומאלהי משפטי יעבור׃ | 27 |
Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, ati maaliif, “Karaan koo Waaqayyo duraa dhokateera; haajaan koos fuula Waaqa koo duratti tuffatameera” jettee guungumta?
הלוא ידעת אם לא שמעת אלהי עולם יהוה בורא קצות הארץ לא ייעף ולא ייגע אין חקר לתבונתו׃ | 28 |
Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? Waaqayyo Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
נתן ליעף כח ולאין אונים עצמה ירבה׃ | 29 |
Inni dadhabdootaaf jabina kenna; nama laafaaf immoo humna dabala.
ויעפו נערים ויגעו ובחורים כשול יכשלו׃ | 30 |
Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus; dargaggoonnis gufatanii kufu;
וקוי יהוה יחליפו כח יעלו אבר כנשרים ירוצו ולא ייגעו ילכו ולא ייעפו׃ | 31 |
Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.