< ישעה 14 >

כי ירחם יהוה את יעקב ובחר עוד בישראל והניחם על אדמתם ונלוה הגר עליהם ונספחו על בית יעקב׃ 1
Waaqayyo Yaaqoobiif garaa ni laafa; inni amma illee Israaʼelin filatee biyya isaanii keessa isaan qubachiisa. Ormoonni isaanitti dabalamu; mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu.
ולקחום עמים והביאום אל מקומם והתנחלום בית ישראל על אדמת יהוה לעבדים ולשפחות והיו שבים לשביהם ורדו בנגשיהם׃ 2
Saboonni isaan fudhatu; iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu. Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti lafa Waaqayyoo keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu. Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii warra isaan hacuucanis bulchu.
והיה ביום הניח יהוה לך מעצבך ומרגזך ומן העבדה הקשה אשר עבד בך׃ 3
Guyyaa Waaqayyo itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti,
ונשאת המשל הזה על מלך בבל ואמרת איך שבת נגש שבתה מדהבה׃ 4
akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: Cunqursichi akkamitti bade! Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!
שבר יהוה מטה רשעים שבט משלים׃ 5
Waaqayyo ulee hamootaatii fi bokkuu bulchitootaa,
מכה עמים בעברה מכת בלתי סרה רדה באף גוים מרדף בלי חשך׃ 6
kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin uummata rukute; kan gara laafina tokko malee ariʼee saboota dhaʼe sana caccabseera.
נחה שקטה כל הארץ פצחו רנה׃ 7
Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti; faarfachuuttis kaati.
גם ברושים שמחו לך ארזי לבנון מאז שכבת לא יעלה הכרת עלינו׃ 8
Gaattiraawwanii fi birbirsawwan Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii, “Amma ati kufteerta; namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu.
שאול מתחת רגזה לך לקראת בואך עורר לך רפאים כל עתודי ארץ הקים מכסאותם כל מלכי גוים׃ (Sheol h7585) 9
Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati; isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii, warra addunyaa irratti hooggantoota turanii hunda dammaqsiteerti; isheen warra mootota sabootaa turan hunda teessoo isaanii irraa kaafti. (Sheol h7585)
כלם יענו ויאמרו אליך גם אתה חלית כמונו אלינו נמשלת׃ 10
Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu; “Atis akkuma keenya dadhabdeerta; akkuma keenya taateerta.”
הורד שאול גאונך המית נבליך תחתיך יצע רמה ומכסיך תולעה׃ (Sheol h7585) 11
Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin awwaala keessa buufameera; ilmaan raammoo si jala afamanii raammoon si haguugdi. (Sheol h7585)
איך נפלת משמים הילל בן שחר נגדעת לארץ חולש על גוים׃ 12
Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta!
ואתה אמרת בלבבך השמים אעלה ממעל לכוכבי אל ארים כסאי ואשב בהר מועד בירכתי צפון׃ 13
Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
אעלה על במתי עב אדמה לעליון׃ 14
Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.”
אך אל שאול תורד אל ירכתי בור׃ (Sheol h7585) 15
Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta. (Sheol h7585)
ראיך אליך ישגיחו אליך יתבוננו הזה האיש מרגיז הארץ מרעיש ממלכות׃ 16
Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; akkana jedhaniis dinqisiifatu: “Kun namichuma lafa sochoosee akka mootummoonni raafaman godhe,
שם תבל כמדבר ועריו הרס אסיריו לא פתח ביתה׃ 17
namicha addunyaa kana gammoojjii godhe, kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”
כל מלכי גוים כלם שכבו בכבוד איש בביתו׃ 18
Mootonni sabootaa hundi, ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru.
ואתה השלכת מקברך כנצר נתעב לבוש הרגים מטעני חרב יורדי אל אבני בור כפגר מובס׃ 19
Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti, awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta; ati warra ajjeefamaniin, warra goraadeen waraanamaniin, warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta. Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;
לא תחד אתם בקבורה כי ארצך שחת עמך הרגת לא יקרא לעולם זרע מרעים׃ 20
ati sababii biyya kee balleessitee namoota kee fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu. Maqaan sanyii hamootaa lammata hin dhaʼamu.
הכינו לבניו מטבח בעון אבותם בל יקמו וירשו ארץ ומלאו פני תבל ערים׃ 21
Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa; isaan biyya dhaaluudhaaf, magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.
וקמתי עליהם נאם יהוה צבאות והכרתי לבבל שם ושאר ונין ונכד נאם יהוה׃ 22
“Ani isaanitti nan kaʼa,” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee, ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
ושמתיה למורש קפד ואגמי מים וטאטאתיה במטאטא השמד נאם יהוה צבאות׃ 23
“Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi lafa caffee ishee nan godha; ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
נשבע יהוה צבאות לאמר אם לא כאשר דמיתי כן היתה וכאשר יעצתי היא תקום׃ 24
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana wanni kun ni taʼa; akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
לשבר אשור בארצי ועל הרי אבוסנו וסר מעליהם עלו וסבלו מעל שכמו יסור׃ 25
Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa; tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita. Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama; baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa.”
זאת העצה היעוצה על כל הארץ וזאת היד הנטויה על כל הגוים׃ 26
Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha; kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha.
כי יהוה צבאות יעץ ומי יפר וידו הנטויה ומי ישיבנה׃ 27
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha? Harki isaa diriirfameeraa; eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa?
בשנת מות המלך אחז היה המשא הזה׃ 28
Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe:
אל תשמחי פלשת כלך כי נשבר שבט מכך כי משרש נחש יצא צפע ופריו שרף מעופף׃ 29
Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef, isin hundinuu hin gammadinaa; hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa; iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
ורעו בכורי דלים ואביונים לבטח ירבצו והמתי ברעב שרשך ושאריתך יהרג׃ 30
Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata; rakkataanis nagaadhaan ciisa. Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa; beellis hambaa kee ni fixa.
הילילי שער זעקי עיר נמוג פלשת כלך כי מצפון עשן בא ואין בודד במועדיו׃ 31
Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi! Filisxeemonni hundi baqaatii badaa! Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa; raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru.
ומה יענה מלאכי גוי כי יהוה יסד ציון ובה יחסו עניי עמו׃ 32
Ergamoota saba sanaatiif deebii akkamiitu kennamuu mala? “Waaqayyo jabeessee Xiyoonin dhaabeera; ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman daʼannoo ni argatu.”

< ישעה 14 >