< אֶל־הָעִבְרִים 3 >
לכן אחי הקדושים חברים לקריאה של מעלה הביטו אל השליח וכהן הודיתנו הגדול אל המשיח ישוע׃ | 1 |
Kanaafuu yaa obboloota qulqulloota, warra waamicha samii keessatti hirmaattan, Yesuus ergamaa fi luba ol aanaa amantii keenyaa sana ilaalaa.
אשר הוא נאמן לעשהו כמו גם משה בכל ביתו׃ | 2 |
Akkuma Museen mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture sana innis isa isa muudeef amanamaa ture.
כי כבוד גדול ממשה נחל זה כאשר בנה הבית חשוב יותר מן הבית׃ | 3 |
Akkuma namni mana ijaaru tokko mana sana caalaa kabaja guddaa qabu, innis Musee caalaa kabaja guddaa qaba.
כי כל בית יש לו בנה אבל בונה כל הוא האלהים׃ | 4 |
Tokkoon tokkoon manaa namaan ijaaramaatii; kan waan hunda ijaare garuu Waaqa.
והן משה נאמן בכל ביתו כעבד לעדות העמדות להאמר׃ | 5 |
Museen waan fuul duratti dubbatamuuf jiru dhugaa baʼuuf akka tajaajilaa tokkootti mana Waaqaa hunda keessatti amanamaa ture.
אבל המשיח הוא הבן על ביתו ואנחנו ביתו אם נחזיק בבטחון ובתהלת התקוה ולא נרפנה עד הקץ׃ | 6 |
Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
לכן כמאמר רוח הקדש היום אם בקלו תשמעו׃ | 7 |
Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu: “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
אל תקשו לבבכם כמריבה כיום מסה במדבר׃ | 8 |
akka yeroo qorumsaa gammoojjii keessatti finciluun gootan sana, mataa hin jabaatinaa;
אשר נסוני אבותיכם בחנוני גם ראו פעלי ארבעים שנה׃ | 9 |
abbootiin keessan achitti na qoranii na ilaalan; waggaa afurtamas waan ani hojjedhe argan.
לכן אקוט בדור ואמר עם תעי לבב הם והם לא ידעו דרכי׃ | 10 |
Kanaafuu ani dhaloota sanatti aaree, ‘Yeroo hunda qalbii isaaniitiin dogoggoru; isaan karaa koo hin beekne’ jedhe.
אשר נשבעתי באפי אם יבאון אל מנוחתי׃ | 11 |
Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe.”
ראו עתה אחי פן יש באחד מכם לב רע וחסר אמונה לסור מאלהים חיים׃ | 12 |
Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa.
אך הוכח תוכיחו איש את רעהו יום יום עד שיקרא היום למען אשר לא יקשה איש מכם את לבו במדוחי פשע׃ | 13 |
Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu “Harʼa” jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa.
כי נתחברנו למשיח אם נחזיק בראשית הבטחה ולא נרפנה עד הקץ׃ | 14 |
Nus yoo amantii keenya isa jalqabaa sana hamma dhumaatti jabeessinee qabanne Kiristoos wajjin hirmaattota ni taanaatii.
כאשר נאמר היום אם בקלו תשמעו אל תקשו לבבכם כמריבה׃ | 15 |
Kunis akkuma, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, akka yeroo fincilaa sana, mataa hin jabaatinaa” jedhamee barreeffamee dha.
מי אפוא אלה אשר שמעו ויריבו הלא כל יצאי מצרים ביד משה׃ | 16 |
Warri dhagaʼanii fincilan sun eenyu? Warra Museen qajeelchee Gibxii baase sana hunda mitii?
ובמי התקוטט ארבעים שנה הלא בחטאים אשר נפלו פגריהם במדבר׃ | 17 |
Waaqni waggaa afurtama eenyu faatti aare? Warruma cubbuu hojjetanii reeffi isaanii gammoojjii keessatti kukkufe sanatti mitii?
ולמי נשבע לבלתי בא אל מנוחתו אם לא לסוררים׃ | 18 |
Yoo warruma ajajamuu didan sana taʼe malee Waaqni akka isaan gonkumaa boqonnaa isaatti hin galleef eenyu faatti kakate ree?
ואנחנו ראים כי לא יכלו לבוא על אשר לא האמינו׃ | 19 |
Kanaafuu akka isaan sababii amantii dhabuu isaaniitiif boqonnaa sanatti galuu hin dandaʼin argina.