< דברים 14 >
בנים אתם ליהוה אלהיכם לא תתגדדו ולא תשימו קרחה בין עיניכם למת׃ | 1 |
Isin ijoollee Waaqayyo Waaqa keessanii ti. Nama duʼeef jettanii of hin murmurinaa yookaan rifeensa adda keessaniin oli jiru hin haaddatinaa;
כי עם קדוש אתה ליהוה אלהיך ובך בחר יהוה להיות לו לעם סגלה מכל העמים אשר על פני האדמה׃ | 2 |
ati Waaqayyo Waaqa keetiif saba qulqulluudhaatii. Waaqayyo akka ati qabeenya isaa jaallatamaa taatuuf jedhee saboota lafa irra jiraatan hunda keessaa si filateera.
Ati waan jibbisiisaa tokko illee hin nyaatin.
זאת הבהמה אשר תאכלו שור שה כשבים ושה עזים׃ | 4 |
Horiin isin nyaachuu dandeessan kanneenii dha; sangaa, hoolaa, reʼee,
איל וצבי ויחמור ואקו ודישן ותאו וזמר׃ | 5 |
gadamsa, kuruphee, borofa, reʼee diidaa, waaliyaa, saalaa fi hoolaa tulluu.
וכל בהמה מפרסת פרסה ושסעת שסע שתי פרסות מעלת גרה בבהמה אתה תאכלו׃ | 6 |
Horii kotteen isaa baqaqee iddoo lamatti gargar qoodame kan halala guuru nyaachuu ni dandeessu.
אך את זה לא תאכלו ממעלי הגרה וממפריסי הפרסה השסועה את הגמל ואת הארנבת ואת השפן כי מעלה גרה המה ופרסה לא הפריסו טמאים הם לכם׃ | 7 |
Garuu warra halala guuran yookaan warra kottee baqaqaa qaban keessaa gaala, illeettii, yookaan osolee hin nyaatinaa; isaan kunneen halala guuran iyyuu waan kotteen isaanii duudaa taʼeef isaan akka seeraatti isiniif qulqulluu miti.
ואת החזיר כי מפריס פרסה הוא ולא גרה טמא הוא לכם מבשרם לא תאכלו ובנבלתם לא תגעו׃ | 8 |
Booyyeenis qulqulluu miti; kotteen isaa baqaqaa taʼus booyyeen halala hin guuru. Isin foon isaanii hin nyaatinaa yookaan raqa isaanii hin tuqinaa.
את זה תאכלו מכל אשר במים כל אשר לו סנפיר וקשקשת תאכלו׃ | 9 |
Uumamawwan bishaan keessa jiraatan hunda keessaa warra qoochoo fi qola qaban kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
וכל אשר אין לו סנפיר וקשקשת לא תאכלו טמא הוא לכם׃ | 10 |
Garuu warra qoochoo fi qola hin qabne kam iyyuu hin nyaatinaa; isaan isiniif qulqulluu miti.
Isin simbira qulqulluu kam iyyuu nyaachuu dandeessu.
וזה אשר לא תאכלו מהם הנשר והפרס והעזניה׃ | 12 |
Isaan kanneen garuu hin nyaatinaa; isaanis risaa, rumicha, rumicha gurraacha,
והראה ואת האיה והדיה למינה׃ | 13 |
culullee, culullee gurraacha, culullee gosa garaa garaa,
arraagessa gosa garaa garaa,
ואת בת היענה ואת התחמס ואת השחף ואת הנץ למינהו׃ | 15 |
guchii, urunguu, allaattii bishaanii, coroffee gosa garaa garaa,
את הכוס ואת הינשוף והתנשמת׃ | 16 |
urunguu xinnaa, urunguu guddaa, urunguu adii,
והקאת ואת הרחמה ואת השלך׃ | 17 |
urunguu gammoojjii, abbaa koddaa, urunguu guddaa,
והחסידה והאנפה למינה והדוכיפת והעטלף׃ | 18 |
huummoo, allaattii gosa kamii iyyuu, haadha gaayyeetii fi simbira halkanii ti.
וכל שרץ העוף טמא הוא לכם לא יאכלו׃ | 19 |
Ilbiisonni barrisan hundinuu isiniif qulqulluu miti; isaan hin nyaatinaa.
Uumamawwan qoochoo qaban kanneen qulqulluu taʼan kam iyyuu garuu nyaachuu dandeessu.
לא תאכלו כל נבלה לגר אשר בשעריך תתננה ואכלה או מכר לנכרי כי עם קדוש אתה ליהוה אלהיך לא תבשל גדי בחלב אמו׃ | 21 |
Waan ofii isaatiin duʼe tokko illee hin nyaatin. Akka inni nyaatuuf alagaa magaalaa kee keessa jiraatuuf kenni yookaan nama ormaa tokkotti gurguradhu. Ati garuu saba Waaqayyo Waaqa keetiif qulqulleeffamtee dha. Ilmoo reʼee tokko aannan haadhaa isheetiin hin affeelin.
עשר תעשר את כל תבואת זרעך היצא השדה שנה שנה׃ | 22 |
Waan lafti qotiisaa kee waggaatti kennu hunda keessaa kudhan keessaa tokko kophaatti baasii kaaʼi.
ואכלת לפני יהוה אלהיך במקום אשר יבחר לשכן שמו שם מעשר דגנך תירשך ויצהרך ובכרת בקרך וצאנך למען תלמד ליראה את יהוה אלהיך כל הימים׃ | 23 |
Akka Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu barattuuf iddoo inni akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti midhaan kee, wayinii kee haaraa fi zayitii kee akkasumas hangafa loonii fi bushaayee kee fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhu.
וכי ירבה ממך הדרך כי לא תוכל שאתו כי ירחק ממך המקום אשר יבחר יהוה אלהיך לשום שמו שם כי יברכך יהוה אלהיך׃ | 24 |
Garuu yoo iddoon sun akka malee fagaatee, atis Waaqayyo Waaqa keetiin eebbifamtee sababii iddoon Waaqayyo akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatu sun fagoo taʼeef kennaa kee kudhan keessaa tokko baachuu dadhabde,
ונתתה בכסף וצרת הכסף בידך והלכת אל המקום אשר יבחר יהוה אלהיך בו׃ | 25 |
kennaa kee kan kudhan keessaa tokko sana meetiitti geeddariitii, meetii sana qabadhuutii iddoo Waaqayyo Waaqni kee filatu dhaqi.
ונתתה הכסף בכל אשר תאוה נפשך בבקר ובצאן וביין ובשכר ובכל אשר תשאלך נפשך ואכלת שם לפני יהוה אלהיך ושמחת אתה וביתך׃ | 26 |
Meetii sanaanis waanuma feete jechuunis, loon, hoolota, daadhii wayinii yookaan dhugaatii jabaa, yookaan waan barbaadde kam iyyuu biti. Ergasii atii fi warri mana keetii fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti nyaadhaa gammadaa.
והלוי אשר בשעריך לא תעזבנו כי אין לו חלק ונחלה עמך׃ | 27 |
Lewwonni magaalaa kee keessa jiraatan qooda yookaan dhaala ofii isaanii waan hin qabneef ati isaan hin dagatin.
מקצה שלש שנים תוציא את כל מעשר תבואתך בשנה ההוא והנחת בשעריך׃ | 28 |
Yeroo hunda dhuma waggaa sadaffaatti waan waggaa sana keessa galfatte kudhan keessaa tokko fuudhiitii magaalaawwan keessatti kuusi.
ובא הלוי כי אין לו חלק ונחלה עמך והגר והיתום והאלמנה אשר בשעריך ואכלו ושבעו למען יברכך יהוה אלהיך בכל מעשה ידך אשר תעשה׃ | 29 |
Kunis akka Lewwonni qooda yookaan dhaala ofii isaanii hin qabne, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan warri magaalaawwan keessa jiraatan nyaatanii quufanii fi akka Waaqayyo Waaqni kee hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf.