< מַעֲשֵׂי הַשְּׁלִיחִים 4 >

ויהי בדברם אל העם ויקומו עליהם הכהנים ונגיד בית המקדש והצדוקים׃ 1
Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan.
כי חרה להם על אשר למדו את העם והגידו בישוע את תחית המתים׃ 2
Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Yesuusiitiin argamu labsaniifis akka malee aaran.
וישלחו בהם את ידיהם וישימום במשמר עד למחר כי כבר בא הערב׃ 3
Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii.
ורבים מהשמעים את הדבר האמינו ויהי מספר האנשים כחמשת אלפים׃ 4
Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.
ויהי ממחרת ויקהלו שריהם ראשיהם וזקניהם וסופריהם ירושלים׃ 5
Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan.
וחנן הכהן הגדול וקיפא ויוחנן ואלכסנדרוס וכל אשר ממשפחת הכהן הגדול׃ 6
Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan.
ויעמידו אתם בתוך וישאלום באי זה כח ובאי זה שם עשיתם זאת׃ 7
Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, “Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
וימלא פטרוס רוח הקדש ויאמר אליהם אתם ראשי העם וזקני ישראל׃ 8
Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa!
אם אנחנו נחקרים היום על הטובה אשר עשינו לאיש חולה ושאלתם במה זה נושע׃ 9
Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan,
יודע לכלכם ולכל עם ישראל כי בשם ישוע המשיח הנצרי אשר צלבתם אותו ואשר האלהים הקימו מן המתים כי בשמו עמד זה לפניכם בריא׃ 10
isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata.
והוא האבן אשר מאסתם אתם הבונים ותהי לראש פנה׃ 11
Yesuusis, “‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan kan dhagaa golee taʼee dha.’
ואין הישועה באחר ואין תחת השמים שם אחר הנתן לבני אדם אשר בו נושע׃ 12
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
ויהי כאשר ראו את בטחון לב של פטרוס ויוחנן והבינו כי הדיוטים ולא בעלי חכמה המה ויתמהו עליהם ויכירום כי התהלכו עם ישוע׃ 13
Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan.
ובראותם את האיש הנרפא עמד אצלם לא מצאו לדבר נגדם דבר׃ 14
Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban.
ויצוו אתם לצאת חוצה מן הסנהדרין ויתיעצו יחדו׃ 15
Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban.
ויאמרו מה נעשה לאנשים האלה הנה אות גלוי נעשה על ידיהם וגם מפרסם לכל ישבי ירושלים ולא נוכל לכחש בו׃ 16
Akkanas jedhan; “Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu.
אך למען לא ירבה הדבר בעם ויפרץ נזהירה אתם בגערה לבלתי דבר עוד לכל אדם בשם הזה׃ 17
Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna.”
ויקראו אתם ויצוום אשר לא ידברו דבר ולא ילמדו בשם ישוע׃ 18
Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan.
ויענו פטרוס ויוחנן ויאמרו אליהם הנכון הוא לפני האלהים שמע לכם יתר משמע לאלהים שפטו אתם׃ 19
Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa!
כי לא נוכל אנחנו לחדל מדבר את אשר ראינו ושמענו׃ 20
Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.”
ויוסיפו לגער בם ויפטרו אתם באשר לא מצאו דבר לענוש אתם מפני העם כי כלם מהללים את האלהים על הנעשה׃ 21
Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye.
כי בן ארבעים שנה ומעלה היה האיש ההוא אשר נעשה עמו אות הרפואה הזאת׃ 22
Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii.
ואחרי הפטרם באו אל אחיהם ויספרו להם את אשר אמרו אליהם הכהנים הגדולים והזקנים׃ 23
Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan.
ויהי כאשר שמעו את זאת וישאו את קולם בלב אחד לאלהים ויאמרו אדני אתה האל העשה את השמים ואת הארץ ואת הים ואת כל אשר בם׃ 24
Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume.
אשר אמרת בפי עבדך דוד למה רגשו גוים ולאמים יהגו ריק׃ 25
Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; “‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu? Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu?
יתיצבו מלכי ארץ ורוזנים נוסדו יחד על יהוה ועל משיחו׃ 26
Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Gooftichaa fi dibamaa isaatiin mormuuf walitti qabaman.’
כי אמנם נוסדו הורדוס ופנטיוס פילטוס עם הגוים ולאמי ישראל על ישוע עבדך הקדוש אשר משחת׃ 27
Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman.
לעשות את אשר ידך ועצתך מקדם גזרה להיות׃ 28
Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan.
ועתה אדני ראה את גערתם ותן לעבדיך לדבר את דברך בכל בטחון לבם׃ 29
Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
בנטתך את ידך למרפא ולתת אתות ומופתים בשם ישוע עבדך הקדוש׃ 30
Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Yesuusiitiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu.”
ויהי כאשר התפללו וינע המקום אשר היו נקהלים שם וימלאו כלם רוח הקדש וידברו את דבר האלהים בבטחון לבב׃ 31
Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
וקהל המאמינים היה להם לב אחד ונפש אחת ואין איש מהם אומר על אשר בידו לי הוא כי הכל היה להם בשתפות׃ 32
Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne.
ובגבורה גדולה יעידו השליחים על תקומת האדון ישוע וחסד גדול נמשך לכלם׃ 33
Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture.
כי לא היה בהם חסר דבר כי כל בעלי שדות ובתים מכרו אתם ויביאו את כסף מחירם׃ 34
Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii,
וישימהו לרגלי השליחים ויתן לכל איש ואיש די מחסרו׃ 35
miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.
ויוסף אשר כנוהו השליחים בשם בר נבא פרושו בן הנחמה איש לוי אשר נולד בארץ כתים׃ 36
Yoosef namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun “ilma jajjabinaa” jechuu dha.
גם לו היה שדה וימכרהו ויבא את הכסף וישימהו לרגלי השליחים׃ 37
Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe.

< מַעֲשֵׂי הַשְּׁלִיחִים 4 >