< מַעֲשֵׂי הַשְּׁלִיחִים 12 >
בעת ההיא שלח המלך הורדוס את ידו להרע לאנשים מן הקהל׃ | 1 |
Baruma sana keessa Heroodis mootichi isaan ariʼachuuf jedhee miseensota waldaa kiristaanaa tokko tokko qabe.
וימת את יעקב אחי יוחנן בחרב׃ | 2 |
Innis Yaaqoob obboleessa Yohannis goraadeen ajjeese.
וירא כי טוב הדבר בעיני היהודים ויוסף לתפש גם את פטרוס והימים ימי חג המצות׃ | 3 |
Yommuu akka wanni kun Yihuudoota gammachiise argettis, ittuma fufee Phexrosinis qabsiise. Wanni kunis yeroo Ayyaana Maxinoo keessa taʼe.
ויאחז אתו ויתנהו במשמר וימסרהו לארבע מחלקות של ארבעה אנשי צבא לשמרו כי אמר להעלותו אחרי הפסח לפני העם׃ | 4 |
Erga isa qabee booddee akka isaan isa eeganiif jedhee gareewwan loltootaa afur kanneen tokkoon tokkoon isaanii loltoota afur afur of keessaa qabanitti dabarsee isa kennuudhaan, mana hidhaa keessa isa buuse; kanas ayyaana Faasiikaa booddee fuula uummataa duratti dhiʼeessee isa qoruuf godhe.
פטרוס היה עצור במשמר והקהלה העתירה בעדו בחזקה אל האלהים׃ | 5 |
Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Waaqa kadhachaa turte.
ויהי בלילה ההוא אשר אמר הורדוס להביאו מחר לדין ויישן פטרוס בין שני אנשי צבא והוא אסור בשנים זקים ושמרי הפתח שמרים את המשמר׃ | 6 |
Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan.
והנה מלאך יהוה נצב עליו ואור נגה בחדר ויספק על ירך פטרוס ויעירהו לאמר קום מהרה ויפלו מוסרותיו מעל ידיו׃ | 7 |
Akkuma tasaas, ergamaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; ergamaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, “Dafii kaʼi!” jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.
ויאמר אליו המלאך חגר מתניך והנעל את רגליך ויעש כן ויאמר אליו עטה מעילך ולך אחרי׃ | 8 |
Ergamaan Waaqaa sunis, “Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu” jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Ergamaan sunis, “Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi” jedheen.
ויצא וילך אחריו ולא ידע אם אמת הוא הנעשה לו על ידי המלאך כי כמראה היה בעיניו׃ | 9 |
Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni ergamaan Waaqaa hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne.
ויעברו דרך המשמרת הראשונה והשניה ויבאו עד שער הברזל אשר יצאו בו העירה ויפתח השער לפניהם מאליו ויצאו החוצה וילכו מהלך רחוב אחד והמלאך סר מעליו פתאם׃ | 10 |
Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu ergamaan sun isa biraa sokke.
ויהי בשובו אל דעתו ויאמר פטרוס עתה זה ידעתי באמת כי האלהים שלח את מלאכו ויפלטני מיד הורדוס ומכל מזמת עם היהודים׃ | 11 |
Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, “Ani amma akka Gooftaan ergamaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera” jedhe.
הוא חשב כזאת והוא בא עד בית מרים אם יוחנן המכנה מרקוס אשר נקהלו שם רבים והם מתפללים יחד׃ | 12 |
Innis erga waan kana hubatee booddee mana Maariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii kadhachaa turan dhaqe.
וידפק על דלת השער ותגש נערה להקשיב ושמה רודי׃ | 13 |
Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte.
ותכר את קול פטרוס ומשמחתה לא פתחה לו אם דלת השער ותרץ הביתה ותגד להם כי פטרוס עמד על השער׃ | 14 |
Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte.
ויאמרו אליה משגעת את והיא מתאמצת כי כן הוא ויאמרו מלאכו הוא׃ | 15 |
Isaanis, “Ati maraatteerta!” jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, “Yoos ergamaa isaa ti!” jedhan.
ופטרוס הרבה לדפק ויפתחו ויראהו וישתוממו׃ | 16 |
Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan.
והוא רמז להם בידו לחשות ויספר להם את אשר הוציאו האדון מן המשמר ויאמר הגידו את זאת ליעקב ולאחים ויצא וילך לו למקום אחר׃ | 17 |
Phexrosis akka isaan calʼisaniif harkaan itti hime; akka itti Gooftaan mana hidhaatii isa baases isaanitti odeesse; innis, “Waan kana Yaaqoobii fi obbolootatti himaa” isaaniin jedhe; achii kaʼees lafa biraa dhaqe.
הבקר אור ומבוכה לא קטנה היתה בין אנשי הצבא על פטרוס מה היה לו׃ | 18 |
Yommuu bariʼetti raafamni guddaan isaa loltoota gidduutti uumame; isaanis, “Phexros maal taʼe?” jedhanii wal gaggaafatan.
ויהי כאשר בקש אותו הורדוס ולא מצאו חקר את השמרים ויצו להוציאם למות וירד מיהודה אל קסרין וישב שם׃ | 19 |
Heroodisis cimsee barbaadee isa dhabnaan eegdota sana jabeessee qoree akka isaan ajjeefaman ajaje. Heroodis Yihuudaadhaa kaʼee Qiisaariyaatti gad buʼee xinnoo achi jiraate.
ואיבה היתה בין הורדוס ובין בני צור וצידון ויבאו אליו בלב אחד ויפתו את בלסטוס אשר על חדר המלך ויבקשו שלום יען לקחו מחית ארצותם מארץ המלך׃ | 20 |
Innis warra Xiiroosii fi Siidoonaatti akka malee aare; isaanis tajaajilaa mootichaa amanamaa Bilaasxoos jedhamu tokko michoomfatanii tokkummaan gara mootichaa dhaqanii araara kadhatan; biyyi isaanii biyya mooticha sanaa irraa midhaan nyaataa argachaa jiraatteetii.
ויהי ביום המועד וילבש הורדוס לבוש מלכות וישב על כסא המשפט ויטף אליהם אמרתו׃ | 21 |
Guyyaa beellamaattis Heroodis uffata mootii uffatee teessoo isaa irra taaʼe; uummatattis dubbate.
ויריעו לו העם לאמר קול אלהים הוא ולא קול אדם׃ | 22 |
Namoonnis, “Kun sagalee Waaqaati malee sagalee namaa miti” jedhanii iyyan.
ויכהו מלאך יהוה פתאם עקב אשר לא נתן הכבוד לאלהים ויאכלהו תולעים ויגוע׃ | 23 |
Heroodisis waan Waaqaaf ulfina hin kenniniif yeruma sana ergamaan Waaqaa tokko isa dhaʼe; innis raammoodhaan nyaatamee duʼe.
Dubbiin Waaqaa garuu ittuma fufee guddachaa, babalʼachaas deeme.
וישובו בר נבא ושאול מירושלים אחרי כלותם את השמוש ויקחו אתם את יוחנן המכנה מרקוס׃ | 25 |
Barnaabaasii fi Saaʼol erga ergama isaanii fixatanii booddee Yohannis isa Maarqos jedhamu sana fudhatanii Yerusaalemii deebiʼan.